Sooressoota Afrikaa kurnan: Aliikoo Daangotee bara 2026ttis dursa qabatee jira

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Guutummaa ardii Afrikaa keessatti gabaan istookii dabalaa kaarensiin ammoo tasgabbaa'aa ta'aa yeroo dhufe kanatti, qabeenyi sooressoota dabaleeraa.

Bara kana keessa sooressoonni Afrikaa 23 qabeenya waliigalaa dolaara biliyoona 126.7 kan horatan yoo ta'u, kun ammoo kan bara 2025 waliin yeroo ilaalamu dhibbeentaa 21'n dabaleera, akka tarreeffama sooressootaa barruun Forbes dhiyeenya baasetti.

Lammii Naajeeriyaa kan ta'eefi Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroo keessatti investimentiiwwan gurguddoo akka warshaa simintoofi xaa'oorratti kan bobba'e Aliikoo Daangotee qabeenya callaa dolaara biiliyoona 28.5 horachuun Afrikaa irratti tokkoffaa qabateera.

Qabeenyi Daangotee bara kana dolaara biliyoona 4.6n dabaleera.

Itti aansee bara 2026 kana keessa sooressoota Afrikaa sadarkaa 1-10n jiran isiniif dhiyeessineerra.

1. Aliikoo Daangotee — $28.5B

Afrikaatti sooressa jalqabaa kan ta'e Aliikoo Daangotee qabeenyi isaa waliigalaa bara 2026 dolaara biliyoona 28.5 qaqqabeera.

Qoodi gabaa Simintoo Daangotee %69'n dabaluu isaarraa kan ka'een bara kana qabeenyi Aliikoo Daangotee dolaara biliyoona 4.6'n akka dabalu taasiseera.

Qabeenyi isaa karaa Daangotee Giruup - neetiwoorkii biizinasii omisha simintoo, shukkaaraa, xaa'oo fi soogidda Afrikaa keessaa qabuun guddate.

Pirojektiin guddaa Daangotee boba'aa calalu, humna isaa gara dolaara miliyoona 400tti guddisuuf kampaaniin Chaayinaa hojjette bu'aan isaa bara 2025 as dachaan dabaleera.

2. Johaan Ruuppert - $16.1B

Johaan Ruuppert, qabeenyi isaa dolaara biliyoona 16.1 qaqqabeera. Dureessi kun dhaabbata Richemont Gruop kan meeshaalee miidhaginaafi qananii ta'an dhiyeessuun sadarkaa lamaffaa qateen baayyee milkaa'e.

Namni kun Awurooppaa, Eeshiyaa fi Yunaayitid Isteetis dabalatee guutummaa addunyaarratti uffata dubartootaa rabsuun beekama.

Johaan Ruuppert investimentii karaa dhaabbata Remgiroo jedhamu kan tajaajilawwan faayinaansiifi kunuunsa fayyaarratti hojjetan dabalatee hojjetus ni qaba.

Dureessi kun tooftaa meeshaalee qananiifi biraandota addatti beekamaniin addunyaarratti beekamuuf hojjeta.

3. Abdulsamad Rabiyuu — $11.2B

Qabeenyi Abdulsamad Raabiyuu gara doolaara biiliyoona 11.2tti ol guddachuun bara kana Afrikaa keessatti bu'aa qabeenya guddaa galmeesseera.

Kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu qabeenyi dureessa kanaa %120 (Doolaara biiliyoona 6.1) dabaleera.

Hundeessaa dhaabbata BUA Group, dhaabbata guddaa adda addaa kan simintoo, sukkaara, qonnaa fi riil isteetii irratti invast godhuuti.

Aksiyooniin Simintoo BUA, qabeeny isaa inni guddaan, %135 dabaluudhaan, gabaa Naajeeriyaa (NGX) caaleera.

Karaa Inishiyeetiivii Abdul Samad Raabiyuu pirojektoota gurguddoo barnoota, eegumsa fayyaa, fi misooma hawaasummaa guutuu Naajeeriyaa fi Afrikaa keessatti hojjetamanis ni deeggara.

4. Nicky Oppenheimer - $10.6B

Qabeenyi Niikii Oppenhayimar doolaara biiliyoona 10.6tti tilmaamamu, karaa De Beers, dhaabbata albuuda Diyaamandii addunyaa yeroo dheeraaf maatii isaatiin qabamee ture guddisee ijaarame.

Aksiyoona isaa erga gurguree booda karaa Stockdale Street invastimantii dhuunfaa fi idil-addunyaa irratti xiyyeeffate.

Invastimantiiwwan isaa dhaabbilee teeknooloojii, qabeenya uumamaa fi pirojektoota kunuunsaa kan dabalatu yoo ta'u, ammas kunuunsa bineensota bosonaa guutuu Kibba Afrikaa keessatti gadi fageenyaan hirmaachaa jira.

5. Naaseef Sawiriis - $9.6B

Qabeenyi Naaseef Sawiriis doolaara biiliyoona 9.6 kan gahe yoo ta'u, kunis hoggansa dhaabbata xaa'oo fi keemikaalaa addunyaa OCI NV fi dhaabbata injinariingii fi bu'uuraalee misoomaa addunyaa Orascom Construction keessatti aksiyoona qabaachuu isaaniin kan argamedha.

Adidas fi Kilabii Kubbaa Miilaa Aston Viilaa dabalatee walta'iinsa idil-addunyaa irratti xiyyeeffachuun portfoolii ijaarsa, keemikaalaa fi ispoortii hammate ijaareera.

6. Maayik Adenuugaa - $6.5B

Impaayerri biizinasii isaa doolaara biiliyoona 6.5 kan ta'u Maayik Adenugaan, qabeenya isaa telekoomii fi qorannoo boba'aatiin argate.

Naajeeriyaa keessatti neetiworkii telekoomii gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Globacom kan hundeesse yoo ta'u, dhaabbata boba'aa barbaadu Conoil Producing jedhamu qaba.

Investimentiin isaa gara baankii, riil isteetii fi bu'uuraalee misoomaattis kan babal'atu yoo ta'u, damee anniisaa fi telekoomii Naajeeriyaa cimsaa jira.

7. Naguyiib Sawiriis — $5.6B

Naguyiib Sawaariis qabeenya doolaara biiliyoona 5.6 qaba. Daldala tajaajila telekoomii Oraaskoom jedhamu neetorkii Afrikaa, Baha Gidduugalaa fi Eeshiyaa keessatti babal'isee jira.

Qabeenya baayyee gurguruun booda gara biiznasa miidiyaa, tuurizimii fi albuudaa irratti bobba'uu jalqabe. Teeknolojii fi tuurizimii irratti Awurooppaattis baay'inaan invest gochaa jira.

8. Paatrisi Motisepeen - $4.3B

Paatrisi Motiseppeen qabeenya doolaara biiliyoona 4.3 karaa Albuuda Reenboo Afrikaa kan warqee, pilaatiinimii, albuuda sibiilaa fi qabeenya biroo albuuda baasuun hooggana.

Invastimantiiwwan isaa anniisaa haaromfamuu danda'u, tajaajila faayinaansii fi ispoortii kan dabalatudha.

Motiseppeen abbaa Kilabii Kubbaa Miilaa Mamelodii Sundowns yoo ta'u, Pirezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa ta'uun tajaajila.

Karaa Faawundeeshinii Motiseeppee, jalqabbii barnootaa, fayyaa, fi dinagdee humneessuu guutuu Afrikaatti ni deeggara.

9. Mohaammed Mansuur — $4B

Qabeenyi Mohaammad Mansuur Doolaara biiliyoona 4tti tilmaamama.

Dhaabbata addunyaa konkolaataa, omishaalee fi meeshaalee raabsuu irratti socho'u Mansour Group jedhamuun qabeenya isaa horate.

Dhaabbanni kun guutuu Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa keessatti maqaawwan akka Jeneraal Mootars fi Kaatarpiilaar waliin kan hojjetu yoo ta'u, Mansuur damee dhuunfaa, gabaa faayinaansii addunyaa fi hojiiwwan teeknooloojii irratti invast godha.

10. Misheel Lee Raawuks - $3.8B

Misheel Lee Raawuks doolaara biiliyoona 3.8 qaba. Baankota daldalaa Afrikaa Kibbaa milkaa'oo ta'an keessaa tokko kan ta'e Baankii Kaapiteek kan hundeesse yoo ta'u, hammatamuu faayinaansii baankii gatii madaalawaa fi gatii xiqqaadhaan jijjiire. Lee Raawuks teeknooloojii faayinaansii fi kaappitaala uumuu irrattis invast kan godhu yoo ta'u, damee tajaajila faayinaansii Afrikaa guddachaa jiru keessatti kalaqa deeggara.