Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii abbaa warraa qabdu affeeruun seeraan akka nama adabsisuu yaaddanii beektuu?
Dubartii abbaa warraa qabdu affeertanii beektuu? Gochaan keessan kunis ammoo seeraan na gaafachiisuu danda'a jettanii yaaddanii beektuu?
Ofii seerri Itoophiyaa dhimma kanarratti maal jedha? Ogeessi seeraa dhimma kanarratti waan jedhan qindeessineerra.
Seerri hariiroo hawaasaa Itoophiyaa tumaalee qabate keessaa tokko dhimma 'mirga abbaa manaa fi haadha manaa tuquu' kan jedhudha.
Tumaa kana jalatti dhimmoota Ilaalaman keessaa ijoon waa'ee namni biraa haadha manaa namaa affeeruun walqabatudha.
Dhimma kanarratti kan dubbisne ogeessa seeraa fi abukaatoo kan ta'an Obbo Nimoonaa Kumsaa, haadha manaa nama biraa affeeruun carraa seeran nama gaafachiisuu qaba jedhu.
Jaqabarratti garuu hariiroon dhiiraa fi dubartii gidduu jiru abbaa manaa fi haadha manaati jedhamuuf gaa'illi seera qabeessa ta'e gidduu isaanii jiraachuu akka qabu himu.
Seerri ammoo gaa'ila, jaarmiyaa bu'uura hawaasaa ta'e kanaaf eegumsa addaa kennee jira jedhan.
"Seeraa eegumsa kanaaf tumaman keessaa ammoo 'abbaan warraa yookan haati warraa beekamtii walii isaanii malee tarkaanfilee gaa'ila isaanii miidhuu danda'an akka hin fudhanne dhorkee jira," jedhan.
Seerri hariiroo hawaasaa keewanni 2050 addatti dhimma fedhii qaama tokko malee affeerraa taasifamuu kan akeeku.
"Keewwata kana jalatti namni dubartii abbaa manaa qabduufi abbaan warraa akka mormu osoo beekuu namni fuudhee mana isaatti simate, mana isaatti affeere, itti gaafatamummaa qaba jedha," jedhan.
Namni affeerraa raawwate kun dhiiras dubartiis ta'uu akka malu himu.
'Galmi affeerraa taasifamu sun maali?'
Akkaataa keewwata 2050/3 jalatti tumame kanaatiin "Namni dubartii abbaa manaa qabdu" jedha malee waa'een dhiira haadha manaa qabu affeeruu garuu hin caqafamne.
Keewwatuma kana keewwanni xiqqaan 2 ammoo "Namni dhiirri tokko haadha manaa qabaachuusaa osoo beekuu heeyyama haadha manaa malee akka dhiisee deemu kan godhe/ goote seeraan ni gaafatama," jedhan.
Dhimma haadha manaa namaa affeeruu ilaallatuun garuu seerichi' mana isaatti kan simate, kan teesiise' haa jedhu malee simannaafi affeerraa hoteelaa fi iddoo biraatti ta'us dabalachuu danda'a.
Akka Obbo Nimoonaan jedhanitti, affeerraan seeraan nama gaafachiisuu danda'u haalduree fi ulaagaa guutuu qabutu jira.
"Namni affeerraa raawwate seeraan gaafatamuuf namni affeeru kun abbaa manaa kan qabdu ta'uu kan beeku, afeerraa kana abbaan warraashii kan mormu ta'uu osoo beekuu ta'uu qaba" jedhan.
Kanaan alattis affeerraan taasifamu kun galmisaa maali? kan jedhu ilaalchi sammuu (intention) isaa murteessaa akka ta'e eeru.
Seerri Hariiroo hawaasaa keessatti tumame akkuma jirutti ta'ee "gama yakkaatiin yoo ilaalame dubartii affeeruu qofti yakka ta'uu hin danda'u. Affeerraadhaan duuba gochoonni akka sagaagalummaa yoo jiraate qofa yakkaan gaafachiisa. Affeerraa qofarratti kan dhaabbate yoo ta'e, seera hariiroo hawaasaa kanaan qofa ilaalama," jedhan.
Namni abalu itti yaadee hariiroo keenya miidhuuf haadha manaakoo affeere jedhee mana murtiitti himachuu danda'a.
Ogeessa seeraa Obbo Nimoonaan akka jedhanitti, namni tokko 'Nama itti yaadee hariiroo gaa'ila keenyaa miidhuuf haadha manaakoo affeere' jedhee yoo amane mana murtiitti himata banuu ni danda'a.
Haata'u malee, akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 2050/3 jalatti tumameen namni sun hariiroo isaanii miidhuuf raawwachuusaaf mana murtiitti amansiisuu qaba.
"Namichi gocha kana raawwate himatamuudhaaf deemu sun gocha sana yoo raawwatu itti yaadee, abbaa warraa qabaachuu beekee, akka abbaan warraa mormuu danda'u osoo beekuu ta'uusaa mana murtiitti mirkaneessuu qaba," jedhan.
Kanaan alatti namni tokko dubartii abbaa warraa qabdu hoteelatti waan affeereef qofa seeran gaafatamuu danda'a jechuu akka hin taanes himan.
Kaayyoon tumaa kana duuba jiru affeerraa daangessuu osoo hin taane yaadamni affeerraan duuba jiru hariiroo gaa'ilaa abbaa warraa fi haadha warraa gidduu jiru akka hin miineef eegumsa gochuuf akka ta'es dubbatan.
Namni gocha akkasiin himatame maal adabama?
Akka Obbo Nimoonaan jedhanitti, seera gaa'ilaaf eegumsa gochuuf bahe kana darbuun namni dhorkii seera hariiroo hawaasaa keewwata 2050 irratti caqafame darbee argame adabbiin itti muramus kaa'ameera.
"Keewwata 2110 jalatti akka tumamee jirutti namni yakka kana raawwatee argamee itti mirkanaa'e beenya badii kanaan walmadaalu akka kanfalu Ajaja" jedhan Obbo Nimoonaan.
"Kewwaata 2116 jalatti ammoo adabbiin 'beenyaa madaalawaa' jedhamee eeramu kun adabbiin isaa Birrii 1,000 caaluu hin qabu jedha" jedhan.
Gama biraatiin garuu namni badii kanaan itti murtaa'e adabbii birrii kanaan dabalatatti gocha kana deebi'ee akka hin raawwanne akeekkachiifamuu, badii hamilee geessiseef dhiifama akka gaafatu manni murtii ajajuu akka danda'u himu.