Hospitalli Gaazaa hojjataa jiru tokkichi Israa'eliin haleelamuun himame

Haleellaa Israa'el booda ibidda ka'e

Madda suuraa, Getty Images

Haleellaan Israa'el raawwateen kutaalee wal'aansa dhukkubsattoota hordoffii addaa (ICU) fi baqaqsanii yaaluu dhaabbata wallaansaa guddicha magaalaa Gaazaa keessaa barbadeessuu isaa gareen Hamaas beeksise.

Waraabbiin viidiyoon toora interneetii irratti maxxanfame erga haleellaa misaa'eliitiin gamoo abbaa darbii lamaa rukutanii booda laboobaan ibiddaa fi aarri guddaan Hospitaala Baaptiisti Al-Ahli keessaa ol ka'ee mul'ata.

Dhukkubsattoota muraasa ammallee cisanii hospitaalichatti yaalamaa turan dabalatee, namoonni bakka sanarraa yoo baqatan ni mulatu.

Gaazexeessaan naannichaa tokko akka jedhetti, Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) doktoraaf bilbiluudhaan akka baqataniif akeekkachiisa kenneera.

Hamaas haleellaa kanaan ''yakka suukaneessaa'' yoo jedhu, Israa'el ammoo gabaasa kana qorachaan jira jetteetti.

Akka tajaajila balaa tasaa siiviiliitti namni haleellaa kanaan du'e hanga ammaatti hin gabaafamne.

Gaazexessaan naannichaa hospitaalaa sana keessa hojjatu tokko, waraanni Israa'el doktora kutaa wallaansa balaa tasaa keessatti yaalii baqaqsanii wallaanu hojjatuuf bilbiluudhaan battalaan akka hospitaalicha keessa bahaniif gaafachu hime.

''Dhukkubsattoonni hundiifi namoonni bakka jireenyaa irraa buqqa'an bahuun gara lafa naga-qabeessatti baqachu qabu turan'' jechuun gaabasan qondaalichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Gadi dhiifnee bahuudhaaf daqiiqaa 20 qofaa qabna.''

Waraabbiin viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti qoodamee halkan keessa hojjattoonnii fi dhukkubsattooni gamoo keessaa gara alaatti wayita bahaa turan agarsiisa.

Daa'immaniifi dubartoota dabalatee, dhukkuubsattoonni baayyeen jiraattoonni Gaazaa hedduun mooraa hospitaala keessaa bakka itti dahatanii turan keessaa baqachaa turan.

Al-Ahli, dhaabbanni yaalii xiqqaa waraana dura ture, barbadaa'uu gamoo wallaansa fi hospitaalota Al-Shifaa kan kutaa kaabaa Gaazaa keessatti argaman hordofee, yeroo amma hospitaala tokkicha magaalaa Gaazaa keessatti tajaajila keennaa jirudha.

Waajjirri miidiyaa mootummaa Hamaasiin geggeeffamu ibsa kenneen haleellaa kana balaaleffateera.

Israa'el ''Hospitaala Al-Ahli kan dhukkubsattootaa fi hojjettoota yaalii dhibbaan lakkaa'aman keessa jiru irratti xiyyeeffachuudhaan yakka suukaneessaa raawwachaa jirti'' jedhe.

Onkololeessa bara 2023 haleellaan hospitaaluma kana irratti raawwatameen namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamani ture.

Qondaaltonni FFilisxeem dhohinsa kanaaf haleellaa Israa'el raawwatte jechuun himataniiru.

Israa'el dhohinsi kun kan uumame garee hidhattoota Jihaada Islaamummaa Filisxeem kan rookkeettii furguggisuun jalaa fashalaa'een ta'uu ibsiteetti, gareen jedhame ammoo hana haaleera.

Waraanni Israa'el haleellaa Hamaas daangaa qaxxaamuruun kanaan dura haala hin baramneen Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwachuun Israa'el gara 1,200 ittiin ajjeefamanii kanneen 251 ammoo booji'amuun fudhataniif deebii kennuudhaaf duula garicha balleessuuf jalqabuu labsite.

Ergasii as Gaazaatti namoonni 50,933 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa naannichaa Hamaasiin geggeeffamu himeera.

Kanneen keessaayis namoonni 1,563 erga Israa'el Gaazaatti haleellaa ishee deebitee eegalte booda ajjeefamuu ministeerichi beeksiseera.