Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
GDP Itoophiyaa akkamiin Doolaara biliyoona 205 irraa gara biliyoona 100tti hir'ate?
Itoophiyaan bara 2024 keessa imaammata haaromsa dinagdee taasifteen gatiin sharafa doolaaraa fi birrii gabaa addunyaa irratti akka hundaa'u taasifte.
Waggoota dheeraaf mootummaan Itoophiyaa sharafni birrii fi doolaaraa akka gabaa addunyaa irratti hin hundoofneef dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa waliin falmii keessa ture.
Garaagarummaan sharafa gabaa gurraachaa fi baankii gidduu jiru dachaan ol darbuun isaa Itoophiyaan gargaarummaa kana dhiphisuu fi hanqina sharafa alaa qabdu furuuf haaromsa dinagdee kana gaggeessuuf dirqamte.
Marii yeroo dheeraaf IMF fi Baankii Addunyaa waliin taasisaniin waliigalteerra gahuun erga hojiirra oolchanii doolaarri tokko amma birrii 126tti sharafamaa jira.
Ergasii GDP (Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaa) Itoophiyaa kan bara darbe doolaara biliyoona 205 ture walakkaadhaan akka gadi kufe gabaaseen agarsiisu.
Mootummaan baasii isaa xiqqeessuuf gatii tajaajiloota akka ibsaa, bishaan, gibiraa fi kaan irratti radame dachaa dabalaa jira.
Lammiileen biyyattii hedduun qaala'insa jireenyaan miidhamaa jiraachuu himatu.
Garuu GDP biyyattii walakkaan gadi kufuun maal agarsiisa?
IMF gabaasa baaseen bara 2023 keessa dinagdeen Itoophiyaa %7.1 guddachuu ibseera.
Baankiin Addunyaa qaala'insi jireenyaa Itoophiyaa keessaa bara 2024 keessa gara %30 akka tahus ibse.
Dhaabbatichi dinagdeen Itoophiyaa bara 2025 keessa %6.7 guddachuu akka danda'u raaguun qaala'insi jireenyaa ammoo gara %15tti gadi akka dhufu ibse.
Mootummaan Itoophiyaas qaala'insa jireenyaa bara darbe keessa %30 ture gara %17tti gadi bu'eera jedhe.
GDP'n Itoophiyaa garuu bara 2024 keessa gara doolaara biliyoona 205 akka tahu gabaasaaleen ni eeru.
Haa tahu malee erga Itoophiyaan sirreeffama sharafa alaa taasifteen as dinagdeen Itoophiyaa osoo ji'a sadii hin guutiin gara doolaara biliyoona 100tti gadi bu'uu Rippoorter gabaase.
Kun maaliif tahe jennee ogeessa dinagdee Mariid Tulluu gaafanneerra.
''Bara darbe doolaarri birrii 56'n sharamaa ture. Amma gara 126 taheera. Kanaaf GDP Itoophiyaa yoo shallagamu gatii sirriin isaa doolaara biliyoona 205 osoo hin taane gara doolaara biliyoona 100 tahaa jechuudha.''
Mariid kana dura gabaasonni waa'ee dinagdee Itoophiyaa turan hedduun isaanii gabaa adunyaa isa dhugaa hin agarsiisu jedhe.
Sababni isaas gatii birriin doolaara biratti qabu guddaa ture kan jedhu Mariid, kana jechuun biyyoota addunyaa gurguddoo walin dorgomaa jirta jechuudha jedhe.
Haaromsa mootummaan fudhate amma dinagdeen biyyattii isa sirrii mul'iseera.
Duuressoonni adunyaa gurguddoon qabeenya kanatti siquufi kanaa ol qaban jiru.
Kana jechuun mootummaan dinagdee hanga qabeenya nama dhuunfaa tujaara adunyaa tokkoo tahu sochoosaa jira jechuudha jedhe Mariid.
GDP kufe jechuun maali?
Ogeessi dinagdee Marid Tulluu GDP jechuun gatii waliigalaa oomishaaleen waggaa tokkoo biyya keessa jiran hundaa walitti ida'amee fidu jechuudha jedhe.
Oomishni Itoophiyaan waggaa tokko keessatti oomishtu yoo gatii gabaa adunyaan shallagamu doolaara biliyoona 100 taha jechuudha.
Isa dura garuu yeroo doolaarri tokko birrii 56'n shallagamaa ture GDP Itoophiyaa doolaara biliyoona 200 caalee ture.
GDP Itoophiyaa bara kana walakkaadhaan gadi kufe jechuun garuu oomishni biyyattii keessa jiru badee ykn dhaabbatee jechuu miti.
Gabaasonni duraan bahaa turan gatii oomishaalee akka malee ol kaasee himaa akka turee fi amma gatii sirrii adunyaan yoo shallagamu GDP Itoophiyaa durumaanuu kana fakkaachuu agarsiisa jedhe Mariid.
Haaromsa imaammata dinagdee Itoophiyaan taasifteen dura lammiileen Itoophiyaa tokko tokkoon waggaatti galii ganga doolaara 1200 argatu jedhamee shallagamaa ture.
Erga gatiin birrii gadi kufee akka gabaa adunyaatti akka shallagamu murtaa'ee garuu galii namni tokko waggaatti argatu doolaara 650 ykn gara Birrii 60,000 akka hin caalle ogeessi dinagdee kun ibseera.
Qaala'insi jireenyaa akka malee hammaachuu ibsuun mootummaan erga haaromsa dinagdee taasiseen as tooftaalee biroo ittiin to'atus qabaachuu qaba jedhe.
Qaala'insa jireenyaa ragaa mootummaan gabaase %16 yoo ilaalle hiyyummaa hamaa akkamii keessa akka jirru agarsiisa.
Hammuma birriin gatii dhabaa deemu qaala'insi jireenyaas hammaataa deema. Yoo gatiin birrii dabalaa dhufe Itoophiyaan oomishaalee hedduu gabaa addunyaaf dhiyeessaa jirti.
Dinagdeedhaanis dorgomtuu jabduu tahaa jirti jechuudha. Yoo gatiin sharafa Maallaqa biyyaa gadi kufu garuu biyyattii keessa oomisha guddaan hin jiru jechuudha jedhe.
Mootummaan erga haaromsa imaammata dinagdee taasiseen as qormaata hedduuf saaxilamuu kan himu Marid takkaa jaarmiyaalee faayinaansii idil-adunyaa akka IMF walin waliigaltee taasifte taanaan ni rakkatta jedhe.
Isaan mootummaan galii argatee of danda'uu qaba jedhanii waan amananiif gibira dabaluu qaba, gatii tajaajiloota adda addaa kan akka mana murtii…., fi tajaajiloota kaan mootummaan kennuu dabaluu qaba, baasii xiqqeessuu qaba, dinagdee kee dhaabbilee dhuunfaa biyya alaaf banaa godhi si jedhu.
Kana ammoo lammiileen biyyattii kaffalanii argachuuf ni rakkatu kan jedhu mootummaan waliigaltee IMF fi Baankii Addunyaa walin taasisan haala gaariin qabuu gaafata jedhe.
MM Abiy yeroo haaromsa dinagdee kana hojiirra oolchan rakkoo hadh'aa tahe qabatee dhufuu akak malu ibsuun ammumaan yoo sirreeffama kana hin fudhanne garuu booda biyyattiin rakkoo yeroo dheeraa keessaa bahuu hin dandeessu jedhan.
Itoophiyaan oomishaalee biyya keessaa dachaan dabaluu fi wantoota biyya alaatii galan xiqqeessuun furmaata gabaa tasgabbeessuuf oolu tahuu ogeessonni himaniiru.
Oomishaalee qonnaa isa duraa caalaa jabeessuun gabaan akka tasgabbaa'u gochuu akka qabu yeroo imaammata kana mootummaan hojiirra oolchu ogeessonni himaa turan.
Hayyuun dinagdee Dr Ayyalaa Galaan mootummaan erga imaammata kana hojiirra oolchee baajata qonnaaf qabu dabaluun oomishni biyya keessaa akka dabalu gochuu qaba jechuun kana dura ibsaniiru.
''Gatiima birrii duwwaa yoo gadi buuste waanuma xinnoo harkaa qabdu sana gurgurtee harka duwwaatti hafta. Yoo oomisha dabalte danuun gurgurameeti biyyaafis sharafa alaa fidee,'' kaanis kan gargaartu jedhu.
Kanaan ala waan yaadame sana hin fidu jechuun ibsaniiru.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.