Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin Awustiraaliyaa namicha daa'imman 459 irraan miidhaa geessise himate
Awustiraaliyaatti namni daa'imman 459 irraan miidhaa geessise himatame.
Namni kun daa'imman Awustiraaliyaa fi kanneen biyyoota biroo 15 walumatti 459 irratti "addatti xiyyeeffachuun" miidiyaa hawaasummaa fi geemiiwwan oonlaayiniin miidhaa geessisaa turuu poolisiin kutaa bulchiinsa Kuwiinslaand beeksise.
Namni umrii 27 Guraandhala dabree kaasee to'annoo poolisiii jala jiru kun, miidhaawwan garaagaraa 596'n kan himatame yoo ta'u, poolisiin viidiyoo fi suuraawwan 23,000 meeshaalee elektirooniskiitiin namichi kun miidhaa ittiin raawwate jedhuun qabateera.
Baay'inni viidiyoo fi suurota kanneeniyyuu adda baafachuuf "yeroo, dandeettii fi kutannoo" addaa kan gaafatu ture jedhan qorataa eeggataan Poolisii Kuwiinslaand Chiif Supparinteendant Denzil Kilaark.
Miidhamtoonni 360 ta'an hanga yoonaa kan adda baafaman yoo ta'u, qorannoon itti fufe jedhan.
Miidhamtoonni 200 Awustiraaliyaarraa yoo ta'an, kuun isaanii biyyoota biroorraa, irra caalaa immoo biyyoota afaan Ingiliizii dubbatan irraa ta'uu poolisiin hime.
Daa'imman miidhaan irra gahe irra caalaan dhiirotaa fi umriin isaanii waggaa torbaa fi 15 gidduu kan ta'ani.
Poolisiin ammallee miidhamtoota adda baasuufi "deeggarsa sirrii akka argataniif" qaamolee michuu idil-addunyaa waliin hojjechaa jira" jedha Kilaark.
"Daa'imman sossobamuun, dirqisiifamuun ykn doorsifamuun karaa aappiiwwanii, geemiiwwanii fi miidiyaa hawaasummaa qaama saalaa isaanii akka suura kaasan ykn ergan godhamuun dabalaa dhufuu" poolisiin hime.
"Dhiphinni sababa kanaan daa'immanirra gahu laayyoo akka taane" ibse.
Saayitiiwwan kunneen kam kam akka ta'an gaafatamee himuurraa of qusate poolisiin. Garuu, "baay'ee beekjamoo dha" jedhe.
Miidhaawwan hundinuu karaa miidiyaa hawaasaa raawwatan, jedhe. Kanneen biroo shakkaman qoratamaa jiru jedhe.
Namni kun yakkootra ittiin shakkame kanneen bara 2018 fi 202 gidduu raawwachaa turuu himama. Waggoota kanneen keessatti piroofaayilii dhiiraa fi dubartii tolfachuun dhiyaachaa ture jedhe poolisiin.
Namni kun waliin dubbii isaa ni waraaba, "daa'imman miidhamtoota kanneen sossobuun, ni dirqisiisuun qaama saalaa isaanii waraabanii akka ergan godha. Ragaalee kanneenis "of eeggannoon" fooldariitti olkaaya.
Nama kanarratti himanni 244, daa'imman intarneetii fi bilbilaan miidhuun, himatiwwan 163 immoo intarneetii fi bilbilaan daa'imman waggaa 16 gadiirratti miidhaa raawwachuun,
himanniwwan 87 immoo gochaa hariiroo saal-qunnamtii daa'imman waliin raawwachuun himanni irratti baname.
Kamisa Guraandhala 05, 2026 mana murtiitti dhiyaate.