Maaloo wiigii dhiisaa!- Agarsiisaa fi dorgommii bareedinaa rifeensi uumamaa dirqama ta'e

Wiigii dheeraa godhachuu fi wantoota nam-tolchee ta'an ofitti maxxansuun waggootaaf dorgommii bareedinaa Ayivoorii Koost dhuunfatee ture.

Dorgomtoonni wantoota nam-tolchee ta'an ofitti funaanuun ittiin of faayuuf jedhanii maallaqa guddaa baasu.

Kan bareedina uumamaa isaanii qabatanii waltajjiitti ba'an hin turre.

Waggoota kurna ja'a darban keessatti dubartoonni bareedina uumamaa isaanii qofaan dorgomuun mo'atan Maarliin-Kaanii Kaawusii waliin lama qofa.

Dubartiin kun bara 2022 bareedduu Ayivoorii Koost ta'uun kan filatamte yoo taatu, rifeensa ishee uumamaa sirreeffachuun gonfoo uffattee barreeddee mul'achuun qalbii namootaa hawwatte.

Haala kanaan dorgommii bareedinaa mo'achuun waan baratame miti. Ayivoorii Koost keessatti qofa osoo hin taane akkuma addunyaattuu.

Dorgommiiwwan miidhaginaa akkanaarratti akkaataa istaandardii biyyoota lixaatiin faayamanii dhihaachuun dorgomtootaafis, abbootii seeraafis dirqama.

Bara kana garuu qindeessitoonni sagantaa dorgommii bareedinaa Ayivoorii Koost adeemsa ture bu'uura irraa jijjiiraa jiru.

Wiigii, rifeensa nam-tolchee mataatti hodhuu fi rifeensa uumamaatti hodhuun taateewwan sagantaa dura raawwataman irraa dhorkameera.

Dorgommiin kun magaalota biyyattii 13 akkasumas biyyoota alaa bakka dayaasporaan biyyattii jiranitti ni gaggeeffama.

''Dorgomtoonni bareedina uumamaan akka dhihaatan feena. Rifeensi isaanii waan fedhes haata'u garuu kan uumamaa ta'uu qaba. Bareedinni uumamaan ta'uu qaba,'' jedha pirezidantiin Dorgommii bareedinaa Ayivoorii Koost Viktar Yaapoobii.

Biyyoota Afrikaa keessaa kan dorgommii miidhaginaa irratti dhorkaa akkasii kaa'e Ayivoorii Koost qofadha.

Aab Yaapoobiin qindeessitoonni dorgommii bareedinaa yeroo dheeraaf miidhagina uumamaa dhaadhessaa turan jedha.

''Bara kana dhugaatti bareedina uumamaa mul'isuu barbaanna. Miidhagina dubartoonni kunneen uumamaan qaban ifatti baasuu barbaanna,'' jedhe.

Jijjiiramni kan biraan haaraa uumame dubartoota hojjaansaanii hanga tokko gabaabaa ta'e dorgomsiisuudha.

Hojjaan inni xiqqaan meetira 1 fi seentimeetira 67, umriin waggaa 28tti guddateera, gatiin seensaa ammoo doolaara 50tti xiqqaateera.

Carraa dorgommii kana kan argatte jiraattuun magaalaa Daloowaa Imaanuweelaa Daalii carraa kanatti akka gammadde BBCtti himte.

''Shamarran kaan rifeensa nam-tolchee dheeraadhaan faayaman hedduun argaa ture, amma kun hafuun nuuf carraa dha,'' jette shamarreen umrii waggaa 21 kun.

Kaayyoon jijjiirama kanaa bareedinaa uumamaa Afrikaan qabdu beeksisuu fi leellisuu yoo ta'u kutaalee Ayivoorii Koost guutuutti falmii kaasee jira.

Wiigii fi rifeensa nam-tolchee maxxanfachuun biyyattii keessatti akkaan beekama.

Dubartoonni wiigii fi rifeensa nam-tolchee godhachuu akka faashiniitti fudhachuun baayyee hordofu.

Ammoo kana gochuusaaniin rifeensa isaanii uumamaaf eegumsa akka taasisanitti fudhatu.

Miirri kun dorgomtoota magaalaa Daloowaa garii birattis calaqqiseera. Dhorkaan kaa'ame kun mirga fedhii ofii akka fedhanitti ibsachuu sarbuu himan.

Dorgomtuun umriinshee waggaa 24 Atirid Meneekuu dhorkaa wiigii fi rifeensa nam-tolchee maxxanfachuu wayita dhageessu baayyee rifachuu BBCtti himte.

''An wiigii baayyeen jaalladha, baayyeen fedha,'' jette.

Amma garuu erga bareedina uumamaashee kunuunfachuun dorgommiitti seentee rifeensa uumamaa ishee baayyee akka jaallatte himte.

Seerri haaraan kun dorgomtoonni waa'ee yaad-rimee bareedinaa sirriitti akka xiinxalan taasiseera.

Dorgomtoonni akka Latiishiyaa Maruufii jijjiirama kana booda yaadasaanii geeddarataniiru.

''Bara darbe rifeensa nam-tolchee rifeensa kiyyatti maxxanfadheen ture, sanatu bareedina jedhee waanan yaadeef,'' jechuun BBCtti dubbatte barattuun umrii waggaa 25 kun.

''Bara kana of ta'uu kootti ofitti amanamummaa guddaatu natti dhagahama,'' jette.

Dorgommiin kun kanneen hirmaataniin alatti hawaasa addunyaa hedduu yaada jijjiirsisuuf humna qaba, ammoo kanneen damee miidhaginaa irratti bobba'anii hojjetan irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a.

Wiigiin rifeensa uumamaarraa hojjetamuu fi yoo seeraan qabame waggoota dheeraaf tajaajiluu danda'u doolaara 200 hanga kuma 4 baasa.

Kan rifeensa namaa (uumamaa) hin taane ammoo doolaara 10 hanga 300 ta'a.

Indastiriin rifeensaa Ayivoorii Koost waggaa waggaan maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 ta'uun socho'a.

Gabaa kana keessatti wiigii fi rifeensi nam-tolchee rifeensa uumamaatti fufsiisan qooda guddaa qaba.

Dubartiin umrii waggaa 30 magaalaa Daloowaa keessaa mana miidhagina rifeensaa qabdu Anji Siyaa ''seerri kun nuuf gaarii miti,'' jette.

''Dubartoonni hedduun wiigii jaallatu. Kun biizinasii keenya miidha. Wiigii fi rifeensa namaa fufsiisuun maallaqa guddaa arganna,'' jechuun BBCtti himte.

Mana miidhaginaa isheetti wiigii namatti maxxansuuf keemikaala (glue) fayyadamu.

Dubartoonni wiigii fi rifeensa nam-tolchee fufsiifachuun bareedanii ba'uuf yeroo dheeraaf mana miidhaginaa kana keessa turu.

Kun daldalli rifeensaa Lixa Afrikaa keessatti, akkasumas dubartoota gurraachota biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jiran biratti hundee gadi jabeeffachuu mul'isa.

Oomishaaleen rifeensa uumamaa irraa tolfaman yeroo ammaa salphaatti gabaarratti argamu.

Kanneen gama kanaan dhiibbaa uuman addunyaa dhuunfataniiru, miidiyaa hawaasummaarratti guddoo beekamaniiru.

Dubartoonni akkamiin rifeensa bareedaa fi hawwataa qabaachuu akka danda'an gorsu, kun ammoo yeroo dheeraa fudhata.

Rifeensa nama biraa uffachuun waan miira namaatti tolu ta'uu baatus wanti kun garuu aadeffatameera.

Ammoo wanti kun akka rifeensa uumamaa kan yeroo hunda namarra turu miti.

Dubartii gurraatiin rifeensa nam-tolcheen oduu dubbisaa oolte tokko halkan wayita galtu ofirraa baasti.

Kan ishee osoo ta'ee garuu eessatti ofirraa baasti?