Xiyaaronni gurguddoo imaltoota baayyee qabachuun dursaa jiran isaan kami?

Daandiin Qilleensaa Itoopiyaa tibbana Afrikaatti jalqaba kan ta’e xiyyaara E350-1000 kampanii Airbus irraa fudhateera.

Xiyyaarri kun xiyyaarota imaltoota deddeebisan keessaa namoota baayyee fe’uun warra sadarkaa tokkoffaarra jiran keessaati.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota Airbus irraa ta’an 21 qaba.

Waggoota itti aananitttis xiyyaarota Airbus dabalataa 14 Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiif akka kennu Airbus fuula marsariitii isaarratti ibseera.

Kanneen keessaa 11 kan ta’an E350-900 yoo ta’an, sadan isaanii ammoo E350-1000 akka ta’an barameera.

Xiyyaarri guddichi Daandiin Qilleensa Itoophiyaa amma Airbus irraa fudhatee hojiitti bobbase kun tekinooloojii addunyaarratti yeroo ammaa jiru jedhaman kan guutameef yoo ta’u, teessumni 395 tolfameeraaf.

Hanga ammaa addunyaarratti xiyyaaronni imatootaa hanga 800 fe’uu danda’an samiirra gadhiifamaniiru.

Ofii xiyyaarri Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tibba kana fudhate addunyaarratti guddinaan hangam gahaa?

Xiyyaaronni baayyina teessuma qabaniin ykn namoota fe’aniin 1-5 jiran isaan kamidha?

Airbus E340

Omisha Airbus kan ta'e E340 addunyaarratti sadarkaa shanaffaarratti argama. Xiyyaarri kun hojjaan isaa dheeraa, garaan isaa ammoo bal'aadha.

E340 xiyaara E330 waliin kan wal fakkaatu yoo ta'u, Moodeela xiyyaara E300 jedhamu ka'umsa godhachuun ture kan hojetame.

Gosa xiyyaraa kanaa kan ta'e, E340-300 jalqaba kan balali'e bara 1991 ture. Xiyyaarri imaltootaa E340 akka dandeettii kiiloomeetira 12,400 hanga 14,450 balali'an godhamee dhiyaate.

Xiyyaara Airbus E340 yeroo jalqabaatiif kan hojiirra oolchan Luftaanzaa (Daandii Qileensaa Jarmanii) fi Air France (Daandii Qilleensaa Faansaay) turan.

Hanga dhiyeenya anaatti E340 hojiirra olchaa kan ture Daandii qilleensaa Luftaanzaadha.

Gosti xiyyaara E340 kun humna imaltoota baayyinaan garaa gara ta'a fe'uu qabu. Gosti E340-200 jedhamu imaltoota hanga 375 fe'uuf humna qaba.

Gosti E340 -300 jedhamu ammoo imlatoota hanga 40 qabachuu kan danda'u yoo ta'u, E340-600 ammoo imaltoota 475 takkaatti fe'uu akka danda'utti hojjetame.

Airbus xiyyaarota gosa E340 377 hojjetee gabaaf dhiyeesseera.

Bara 2012 keessa garuu moodeela xyyaara kanaa omishuu akka dhaabeefi gara E350 omishuutti deebiyuu ibseera.

Airbus E350XWB

Xiyyaarri Airbus dheeerinaan beekamuufi sadarkaa afraffaa irratti argamu E350XWB kana.

Gosa xiyyaarota kanaa keessaa kan jalqabaa kan ta'e E350-900 yoo ta'u, yeroo jalqabaatiif kan balali'e bara 2013 ture.

xiyyaarri gosa kana akun baayyina teessma imaltootaa garagaraa kan qabu yoo ta'u, balaliiwwan rikkardii cabsan baayyees taasiseera.

E350 xiyaara imaltootaa takkaatti fageenya kiiloomeetira 8,704 hanga 15, 372 balali'uu danda'u ta'ee gabaaf dhiyaate.

Kampaniin xiyyaara kana omishu Airbus xiyyaarota E350 521 maamiltootaaf dhiyeesseera.

Daandiin Qilleensaa Singaappoor xiyyaarota E350 hedduu qabaachuun dursaa jira.

E350-900 al takkaatti imaltoota 400 fe'uu danda'a.

E350-1000 ammoo al takkaatti imaltoota 480 akka fe'u godhamee gabaaf dhiyaate.

Daandiin Qilleensaa IToophiyaa xiyyaarota Airbus E350-900XWB 20 kan qabu yoo ta'u, imlatoota 348 qabachuu danda'a.

Boeing 777

Sadarkaa sadaffaarratti kan argamu ammoo xiyyaara hojjaan isaa dheeraafi garaan isaa bal'aa ta'e Boeing 777. Gosti xiyyaara kanaa motoroota gurguddoon lama kan itti tolfameefidha.

Gosa xiyyaara kanaa kan ta'e Boeing 777-200 jalqaba kan balali'e 1994 ture.

Boeing hanga ammaa gosoota boeing 777 1,700 maamiltootaaf dhiyeesseera.

Gaaffii bittaa dhibbaan lakkaa'amanis simatee keessummeessaa jira.

Daandiin Qilleensaa Emireetis xiyyaarota gosa Boeing 777 ta'an 166 qabaachuun addunyaarrattti dursaa jira.

Boeing 777 humna fageenya kiiloometira 9,700 hanga 15,834 balali'uu danda'auun gabaaf dhiyaate.

Gosa xiyyaara a kan ta'e Boeing 777X yeroon yaalii isaa xumuramee ji'oota itti aanan keessa ni balali'a jedhamee eegama.

Boeing 777-200/200ER al takkaatti imaltoota 440 fe'uu danda'a.

Boeing 777-300/300ER ammoo imaltoota 550 qabachuu danda'a.

Dhiheenya balali'uu kan jalqabe Boeing 777X ammoo namoota 426 akka fe'uu danda'utti hojjetame.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota Boeing 77-300ER afuriifi BOeing 777-200LR ja'a qaba.

Xiyyaarrii Daandii Qilleensichaa Boeing 777-200LR imaltoota 321 qabachuu kan danda'u yooo ta'u, Boeing 777-300ER ammoo namoota 365 fe'uu danda'a.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila kaargootiif (meeshaa fe'uuf kan oolu) ciyyaarota Boeing 777-200LRF akka qabu fuula marsariitii isaarratti beeksiseera.

Boeing 747

Sadarkaa lamaffaarratti kan argamuufi maqaa garii kan qabu ammoo Boeing 747dha. Abbaa darbii tokkoo kan ta'e Boeing 747 namoota baayyee fe'uun addunyaarratti beekamaa ta'eera.

Xiyyaarri kun yeroo jalqabaatiif bara 1968 balali'e.

Xiyyaarri kun fageenya kiiloomeetira 8,560 hanga 14,320 akka balali'uu danda'utti hjjetame.

Sa'aatii tokko keessatti hanga kiiloomeetira 939 balali'uu kan danda'u xiyyaarri kun, dheerinni isaa meetira 59.6 hanga 68.5 ta'a.

Kampaniin Boeing hanga ammaatti gosa xiyyaarotaa Boeing 747 kana 1,574 maamiltootaaf dhiyeesseera.

Gosti garagaraa xiyyaara Boeing 747 kanaa humna lakkoofsa imaltootaa gaaragaraa fe'uu qabu.

Boeing 747SP al takkaatti imaltoota 400 fe'uu danda'a. Boeing 747-100 ammoo teessuma 440 qaba.

Boeing 747-200 fi Boeing 747-300 lamaanuu teessuma 550 qabu.

Boeing 747-400 al takkaatti imaltoota 660 akka fe'uu danda'utti kan hojjetame yoo ta'u, Boeing 747-8 ammoo teesuma 605 qaba.

Airbus E380

Imaltoota baayyee fe'uutiin Airbus sdarkaa tokkooffaarra jira. Imaltoota fe'uudhaa duraa kan jiru Airbus E380 bal'aa ta'uu isaarraa kan ka'e motoroonni afur itti tolfamaniiruuf.

Yeroo eegameerra aboodatti harkifatee gabaaf kan dhiyaate gosti xiyyaara E380-841 jedhamu ofuun "akka bishkileetii ofuudha" jechuun yeroon balali'uu jalqabe ibsanii ture.

Airbus xiyyaara kana gabaaf kan dhiyeesse Boeing 747 waliin wal dorgomuuf ta'us, kampaanichi bu'aa eege argachuu hin dandeenye.

Kampanii Awurooppaa xiyyaaraa omishu kan ta'e Airbus, Boeing 747 waliin yoo ilaalamu bittaaf kan gaafatame harka saddetiin hanqachuun isaa agarsiiftuudha.

Omishini xiyyaarota E380 bara 2021 akka addaan citu godhameera. Hanaga dhuma bara 2021tti Airbus guutummaa addunyaarratti maamiltoota argamaniif xiyyaarota E380 251 dhiyeesseera.

Daandiin Qilleensaa Emiretis xiyyyaarota E380 120 bitachuudhaan daandii qilleensaa dursaa jirudha.

Xiyyaarri kun akka fageenyahanga kiiloomeetira 14,800 alali'uu danda'uuf hojjetame.

Xiyyaarri kun dheerina meetira 72.7 kan qabu yoo ta'u, sa'aatii tokkotti kiiloomeeetira 903 balali'uu danda'u.

Xiyyaarri imaltoota fe'uutiin tokkoffaa ta'e kun imaltoota hanga 853 fe'uu akka danda'u barameera.