Fooyya'insawwan seeraa mootummaan taasisaa jiruufi yaaddoo inni uume

Madda suuraa, Getty Images
Torbee darbe ogeeyyin seeraafi ogeeyin miidiyaa wixinee labsii miidiyaalee fooyyeessuuf qophaa’e irratti marii uummataa gaggeessuf galma mana maree bakka bu’ootaa uummataatti wal-gahanii ture.
Wixineen labsii ji’aan dura mana mareef dhiyaate kun qabiyyeensaafi adeemsarratti rakkoo qabaachuusaa waldaalen sivilii 14 waliin ibsa baasaniin ibsanii ture.
Kanneen ibsa baasan keessaa tokko kan ta’e Wiirtuu Guddina Mirgootafi Dimookiraasii (CARD) wixinee labsii kana mormee bariituusaa gaafa Sadaasa 14, 2017 ALItti Abbaa Taayitaa Dhaabbata Waldaalee Siviliitin hojiirra dhorkameera.
Dhaabbanni CARD ugguramee guyyaa 10 booda dhaabbileen sivilii biroo lama hojiirra dhorkaman.
Mootummaan dhaabbileen kun “nageenya biyyaaf yaaddoo uumaniiru” jechuuni hojiirraa kan uggure.
Kanneen ugguraman keessaa dhaabbileen lama cufamuusaanii guyyaa lama dura ogeeyyii seeraa erguun wixinee labsii sabaa himaalee fooyyeessuurratti marii qophaa’erratti hirmaataniiru.
Wantoota wixinee labsii miidiyaalee kana keessatti jijjiirramni irratti taasifame keesaa tokko adeemsa miseensonni abbaa taayitaa boordii miidiyaalee itti filamaniifi muudamaniidha.
Dabalataanis itti gaafatamniwwan kanaan dura boordiidhaaf kennamee ture abbaa taayitaa miidiyaalef kennamee jira.
Fooyya’insi labsii miidiyaalee irratti taasifameefi uggurri dhaabbilee sivilii irra kaa’ame,dirree dimokiraasifi sivilii duraanuu rakkisaa ture caalmatti kan hammeessu ta’uu dubbatu ogeeyyin seeraa BBCn dubbise.
Mootummaan MM Abiy waggoota jahaan darban keessatti fooyya’iinsi seeraa dhaabbilee sivilii, miidiyaaleefi dhaabbilee dimokiraasii irratti taasise wantoota ittiin leellifamaa ture keessaa tokkoodha.
Haa ta’u garuu, yeroo dhiyoo as seeronni bahaniifi taatewwan mudataa jiran hojiilee bulchiinsi MM Abiy ittiin jajamaa ture duubatti kan deebisu ta’uu himu ogeeyyin seeraa kun.
Jijjiirama seeraa taasisuun akkamiin eegale?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
MM Abiy Ahmad gara aangotti akkuma dhufaniin dhimmoota garaa garaa irratti “fooyya’iinsa” taasisuuf waadaa galan keessaa tokko fooyya’iinsawwan seeraa taasisuudha.
MM Abiy aangoo qabatanii ji’a sadi booda, Abbaa Alanagaa Waliigalaa Federaalaa jalatti Mana Maree Gorsa Seerafi Haqaa miseensota 13 qabu hundeessanii ture.
Yeroo sana Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa kan turan Obbo Birhaanuu Tsaggaayee, “Adeemsa haqaa keessatti seerota akka rakkootti ka’an adda baasufi qorannoo gaggeessun yaada jijjiiramuu qabu dhiyeessufi hojii gorsaa hojjata” jechuun manni marichaa waggaa sadiif akka turuufi bajata mootummaan akka socho’u ibsee ture.
Mana marichaa jalatti gareen ogeeyyii seera wixineessanii (Working Groups) hundaa’ee ture.
Ogeeyyii garicha keessatti hirmaatanii turan keessaa arfansaanii BBCn dubbiseera. Ogeeyyin seeraa kunneen, adeemsa seeronni itti fooyya’an, xiyyeeffannoofi fooyya’iinsiwwan godhame boodarra dhiibbaa inni geessise ilaalchisuuni kan BBCtti dubbatan.
Ogeeyyii seera akka wixineessaniif dirqamni itti kennamee ture keessaa tokko kan ta’an Obbo Tolchaan, fooyya’iinsiwwan seeraa gaggeeffame “seerota sarbama namarraan gahaniifi dirree sivilii dhiphisan jedhaman irratti xiyyeeffatamee ture” jedhu.
Namni biraa Garee Ogeeyyii Seeraa kan ta’an Obbo Miizan ammoo seerota sirna dimokiraasifi mirgoota namoomaa wajjin wal-qabatan irratti hanqinni akka ture kaasu.
Seeronni dhimma filannoo, farrra shororkeessummaa, miidiyaaleefi waldaalee sivilii dursi kennameefii fooyya’iinsi akka irratti taasifame BBCtti himan Obbo Miizan.
Cehuumsa dhugaaf moo fudhatamummaaf jecha?
Walumaa galatti fooyya’iinsiwwan seeraa taasifaman rakkoo siyaasaa waggaa torba dura dhalateen jijjiirama dhufe hordofeeti.
Garee Ogeeyyoo Seeraa keessa kan turan Obbo Saayifuun, cehuumsa gara dimokiraasitti taasifamu milkaa’uu amanu.
“Cehuumsa dimokiraasii jechuun mootummaan abbaa irree tokko gara dimokiraasitti deemuf jijjiirama nan taasisa jedhee yoo waadaa galuudha,” kan jedhan Obbo Saayifuun, “jijjiirama nan taasisa jedhee bifa amanamaa ta’een dubbachuunsaa adda isa taasisa. Mootummaan waadaa yoo seenu amanamuunsaa, cehuumsi jira hiika jedhu akka guutu taasisa,” jedhu.
Mootummaan cehuumsa taasisaa jiraachun amanamuunsaa hawaasa idiladdunyaa biraa deeggarsa akka argatu isa taasisa.
Obbo Saayifuun akka jedhanitti mootummaan cehuumsa gara dimokiraasitti taasisu milkeessaa jira jedhanii akka amanan kan isaan taasisu, Manni Maree Gorsa Seerafi Haqaa hundaa’uu dabalatee beektonni Itoophiyaa heddu akka isaan deeggaruudha.
Waraanni Tigraay osoo hin eegalin dura MM Abiy dabalatee qondaalonni mootummaa heddu jechoota “jijjirama”, “fooyya’iinsa” ykn “cehuumsa” jedhan bal’inaan dubbataa turanis, “foyya’iinsa seeraa irratti kutannoo dhugaa hin qaban” jedhu kanneen adeemsa fooyya’iinsa seeraa irratti hirmaatan.
Jalqabarratti fooyya’iinsi seeraa kan taasifame fudhatamummaa argachuuf akka ta’e kaasu Obbo Tolchaan. “Sana gochuuf deeggarsa hawaasa garaa garaatu barbaachisa ture. Mootummaan [tarkaanfataa] ta’uusaa mirkaneessuf hawaasa addunyaatti agarsiisuu qaba ture,” jechuun ibsu.
Kanneen fooyya’iinsa seeraa irratti hirmaatan keessaa ogeettin seeraa Haliimaan tokkoodha. “Waggaa jalqabaa keessa sochiiwwan taasifaman biyya keessafi idiladdunyaarratti fudhatama argachuudhaf kan taasifamaniidha,” jedhu.
Oggeeyyin seeraa BBCn dubbise arfanuu yaada kana kan ibsu fakkeenya kennan qabu.
Obbo Siyaay, “Wantoota abdii nama kutachiisan keessaa inni jalqabaa waa’ee qabiyyeewwan, milkaa’inaafi kufaatii fooyya’iinsawwan taasifamanii mootummaan homaa dhimma kan qabne ta’uusaati.
“Afaanin kutannoon jiraatus mootummaan hojiiwwan fooyya’iinsaa idilee hojjachuuf bajata ramadee hin beeku,” jedhu.
Haliiman ammoo, “Walumaa galatti mootummaa irraa akkuma dhufeen tokkoon tokoo dhimmoota ijoo irratti murteen siyaasaa kennama” kennama jechuun qaamolee mootummaa irraa mormiin fa’aa dhiyaataa akka ture kaasu.
Obbo Tolchaan ammoo mormii labsii waldaalee sivilii irratti mudate akka fakkeenyatti kaasun ibsu.
Wixineen seeraa erga qophaa’ee booda, “aangoo keenya daangeffameera, dhaabileen haawaasa sivilii boordii keessa akka galan godhameera, [hayyama] dhaabbilee akka hin haqne maaf dhorkamne?” kan kan jedhu abbootii aangoo dhaabbilee hawaasa sivilii irraa gaaffin dhiyaataa akka ture himu.
Obbo Miizan ammoo, “Hojiin [fooyya’iinsa seeraa] jalqabee waggaafi walakkaa akkuma darbeen hojii hojjachuu hin dandeenye.
“Mootummaan amma gaaffin jiraachufi jiraachuu dhabuu natti dhufeera jedhee xiyyeeffannoosaa gaafa jijjiiru, wl-gahiiwwaniiifi deeggarsiwwan taasisu hunduu guutumaan guututti yeroo dhaabbatu, akka duraanii waliin hojjachuun hafe,” jedhu Obbo Miizan.

Itoophiyaan gara boodatti deebi’aa jirtii?
Ogeeyyin seeraa dubbisne akka jedhanitti fooyya’iinsiwwan seeraa mootummaan ittiin jajamaa ture amma duubatti deebi’aa jira.
Kanaaf ammoo fakkeenyi labsii miidiyaalee irratti fooyya’iinsa amma taasifameedha. Akkaataa labsii haaraa kanaatti, miseensonni paartilee ykn mindeeffamtoonni miseensa boordii abbaa taayitaa miidiyaalee akka hin taane kan seerri dhorku haqameera.
Adeemsa labsicha wixineessuu keessatti qondaalota mootummaarraa komiin ka’ee akka ture kaasu Obbo Miizan.
“Miseensonni paartii siyaasaa boordii keessa akka hin seenne kan jedhu haal-dureen kaa’amuunsaa kan itti hin tolle aangawoonni gurguddo paartii biyya bulchuu yaada isaanii ibsaa turan,” kan jedhan Obbo Miizan labsichi erga ragga’ee waggaa tokko booda bifa labsicha faallessuun paartin biyya bulchu miseensafi gaggeessitoota paartii keessa jiran miseensummaa boordii [miidiyaalee] gochuun muuduu kaasu.
Yeroo sana mormii dhageessisanuu turuu kan himan Obbo Miizan, “Mootummaan yeroo muddamee jiruttiifi miidiyaan hunduu mootummaa itti gaafatamaa gochaa yeroo jirutti, mootummaan qaamolee hin to’anne akkamitti miseensa boordii godhee muuda jettanii eegdu?” deebin jedhu akka kennameef BBCtti himan.
Manni Maree Gorsa Seerafi Haqaa seerota qopheesse cabsuufi fooyyessuun alatto seerota biroo manni marichaa wixineesse hanga ammaa eessa akka jiran hin beekamu.
Abbaan alangaa walii galaa yeroo sana wixineewwan seeraa heddu harkaa akka qabu ibsuun seerota isaan qopheessaniif dursa akka hin laanne itti himamuu yaadatu Obbo Miizan.
“Abbaa alanagaa waliigalaatin alattis, “Yeroo wixineen seeraa dhiyaatu dafee murteessaa kan ture paarlaamanis, amma sababa garaa garaa uumuun ji’ootaf lafarra harkisuun akka hin murteessine,” kaasu.
Dhimma bilisummaa odeeffannoofi kompiitaraa irratti wixineewwan seeraa dhiyeessanii akka turan kan himan Haliiman, labsiin bilisummaa odeeffannoo ragga’uu dhabuun “cehuumsa dimokiraasif kisaaraa guddaadha” jechuun mootummaan raggaasisuuf fedhii dhabuurraa kan ka’e osoo hin ragga’in hafuu kaasu.
Haliiman kana haa jedhan malee, MM Abiy waggaa shanaffaa hundeeffama paartiisaanii ilaalchisee ibsa baasaniin, dimokiraasifi hawaasa siivikii akkasumas bilisummaa miidiyaa irratti jijjiiramni qabatamaan jiraachuu tarreessan.
“Jijjiiramichi sochiilee dhaabbilee siivikii dhaabbileefis ta’ee biyyaaf bifa ta’uun seerafi ijaarsa haaradhaan akka ijaaraman goodheera,” jedhan MM Abiy.
Isaan kana haa jedhan malee paartinsaanii waggaa shanaffaasaa yeroo kabajataa jirutti dhaabbileen sivilii sadi hojiirraa ugguramaniiru.
Dabalataanis bara darbe wixineewwan seeraa aangoo manneen murtiifi mirga lammiillee daangeessan paarlaamadhaaf dhiyaatanii ture.
Sochiin akkanaa mootummaan taasisu dirree dimokiraasifi sivikii dhiphisa kan jedhu yaaddoo uumee jira.
Obbo Saayifun akka jedhanitti waraana Tigraay eegaluu booda waa’ee cehuumsa gara dimokiraasitti taasifamuu haasa’uun qoosaa akka ta’e kaasu.
“Waraanni Tigraay akkuma eegaleen waa’ee dimokiraataayizeeshinii haasa’uun qoosaa [ture]. Itoophiyaa keessa dimokiraataayizeeshiniin ni jira kan nama jechisiisu sadarkaa yaadattis ta’ee gochaan qabatamaatti homtuu hin turre,” jedhu.
“Sadarkaa federaalatti namni dhuunfaa waan hundumaa anatu godha jechuun (authoritarianism) sirriitti mul’ataa jira,” kan jedhan Obbo Tolchaan “tarkaanfiwwan kana caalan gara fuulduraatti akka dhufanin eega” jechuun haala jiruufi waa’ee gara fuulduraa yaaddoo qaban ibsu.
Hubachiisa: Gabaasa kana keessatti ogeeyyin seerafi kanneen yaada isaanii ibsatan nageenya isaanif jecha maqaan akka hin eeramne waan barbaadaniif dubbistootaf akka tolutti maqaasaanii jijjiirree dhiyeessine.












