Baayyinni namoota balaa sigiga lafaa Gofaatti du’an 500 ta'u danda'a jedhame

Balaa sigigoo lafaa tibbana Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gofaa keessatti mudateen namoonni du’uun mirkanaa’e 257 caaluu aanga’oonni naanncihaa himan.

Baay'inni namoota balaa kanaan lubbuu dhaban hanga 500 ta’u akka dhanda’u ammoo dhaabbanni UN beeksiise.

Hanga Adooleessa 24, 2024tti namoonni du’unsaanii mirkanaa’e kan kana dura himamee 220 oliirraa 257 ol caaluu aanga’onni naannichaa mirkanneessuu Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n ibsa baaseen mirkanneesse.

Dhaabbatichi itti dabaluun, namoonni taatee kanaan miidhaman 15,000 naannicha keessaa baafamuu qabu jedheera.

‘‘Mootummaanis karoora miidhamtoota eddoo biraatti dabarsuu xumuraa jira’’ jedheera.

Balaa sisgiigaachuu lafaa rooba cimaadhaan wal qabatee Dilbataa Adooleessa 21 fi irra deebiin Wiixata Adooleessa 22 ganama mudateen, barbaachi reeffa namoota du’anii gaggeeffamaa jiraachuu gaazexessitoonni BBC bakkichatti argaman hubataniiru.

Naannichatti roobni cimaan ammalleen roobaa jiraachuufi yaaliin reefa namoota biyyoo irratti sigigaatee du’anii harkaan gaggeeffamunsaa adeemsicha rakkisaa akka taasise himame.

Gareen xinxaltoota namoomaa ejansii-waloo bakkicha qaqqabees ammaan tana karaa Wiirtuu Walita’iinsa Balaa Tasaa hundeeffameetiin yaalii taasifamaa jiru gargaaraa jiraachu OCHAn beeksiise.

Dhaabbanni Fannoo diimaa Itoophiyaas konkolaataawwan deeggarsa lubbuu baraarsaaf oolan fe’an afuriin bakkicha qaqqababiiru.

Gaazexessitoonni BBC bakkichatti argamanis, miseensoota hawaasichaa muraasaatti dubbachuun namni miseensa maatiisaa sagal balaa kanaan dhabe akka jiru mirkanneessaniiru.

Har’a ganama barbaachi namoota miidhamanii sababa roobaan addaan citee ture. Garuu ganama kana namootni hedduun bakkichatti argamuun barbaacha jalqabuuf jedhu.

Qondaalonni naannicha magaalota itti dhiyoo jiraniiti sirreeffamtoota fiduun lafa qotanii reeffa baasuurratti akka gargaaraniif hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Ammayyuu maashinoota gurguddaa galchuun lafa qotuun hin danda'amne. Namoonni deeggarsaaf deemanis lafa bu'aa ce'iin itti baay'eturra miilaan deemuun achi gahuu qabu.

Barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guutereez balaa sigiga lafaa dhaqabe kanaan ''akka malee gadduu'' himan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee balaa sigiga lafaa Godina Gofaatti dhaqqabe hordofee deeggarsa namoomaaf kan oolu Birrii mil. 45 kennuu ibse.

Kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee fuula Feesbuukii isaanii irratti miidhamtootaaf jajjabina hawwuun, deeggarsa Birrii Mil 45 fi meeshaalee adda addaa marsaa jalqabaan gumaachu himan.

Sigiga lafaa marsaa lama bakka kanatti dhaqabeen lubbuun namoota 257 darbuun UN himeera.