Dorgommiin waancaa FA Cup tapha xumuraa Ten Haag ta'aa?

Leenjisaa Eriik ten Haag

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Maanchistar Yunaayitiid Eriik ten Haag tapha waancaa FA Cup booda hojiisaa dhaba gabaasni jedhu osoo dhagaahamuu tapha xumuraa kanaaf qophaa'aa jira.

Ten Haag dorgommii liigichaa qabxii gadaanaan xumuruun deeggartootaaf dhaamsa dabarse irratti taphattotnisaa waancaa FA mo'achuuf muratoo ta'uu hime.

Gabaasni The Guardian Jimaata bahe garuu Yunaayitiid Siitii injifatee waancicha mo'ates mo'achuu baates ar'iamuunsaa hin oolu jedheera.

Maanchistar Yunaayitiid hamii kanarratti deebii hin laanne. Maddeen kilabichaa ammatti xiyyeeffannoon isaanii tapha waancaarratti ta'uu dubbatan.

Yunaayitiid bara walitti aanu lammaffaa Siitii waliin waancaa FA Cupf morkata. Bara darbe garee Peep Gaardiyoolatu irra aane.

Hegeree leenjisaa ten Haag irratti kilabichaafi leenjisicha gidduus ta'e bakka bu'aasaa gidduu mariin godhame akka hin jirre BBC Sport mirkaneeffateera.

Ten Haag waggaa saddeet dura hiree leenjisaan lammii biyyasaa ta'e Luwiis Vaan Haal mudate akka isa mudatu eegama.

Vaan Haal baras Kiriistaal Paalaasiin injifatee sa'aa 24 booda aanga'oota kilabichaan leenjisummaarraa kaafamuun itti himame.

Yunaayitiid waancaa kanaaf qophaa'aa kan jiru yoo mo'achuu baate waancaa kana dhabuu qofa osoo hin taane hirmaannaa dorgommii Awurooppaa erga bara 1981-82 yeroo lammaffaaf dhabuusaa mirkaneessa.

Yunaayitiid bara kana saddeettaffaa ta'uun liigichaa xumure kunis erga bara 2013-14 galmeesserraa sadarkaa tokko gadi ta'uun xumure. Erga bara 1989-90 sadarkaa isaani gad-aanaadha.

Ten Haag yoo ari'ameef jedhamee leenjistootni akka Toomaas Tukeel, Gaareez Saawuzgeet, Maawuriisiyoo Poochetiinoo, Keeyireen Maakeennaa, Toomaas Firaankiifi kaanis maqaan dhahamaa jira.

Ten Haag tapha xumura FA kana booda torban dhuftu abbootii qabeenyaa kilabichaa waliin mariif beellamni qabamuu yoo gaafatamu lakki mariyannee raawwanneerra. Dilbata boqonnaafan baha. boqochuun naa mala'' jedhe.

Kilabichi waayee hegereesaarratti mirkaneeffannaa kenneef qabaachuu kan gaafatame ten Haag ''kun barbaachisaa miti. Bara dhuftutti ni daabarra'' jedhe.

Goolii eegaan Yunaayitiid duraanii Piteer Shimaayikil leenjisaa ten Haag tapha kana boodas aangoorra tura yoo ta'e baayyee akka raajamu dubbate.

Piroojektiin Yunaayitiid maal akka ta'e galaafii akka hin jirre kan himu Shimaayikiil, kilabichi erga Sar Aleeksi Fargusan deemanii booda leenjisaa jijjiiruun tasgabbii dhabuusaa akka hin jaalanne dubbate.

Waayeen ten Haag garuu erga raawwatee bubbuleera. Wantotani ji'oota darban mula'atan agarsiiftuu gahaadha jedhe.

Ten Haag kontiraata mallatteesse irratti hundaa'uun ammallee Oldi Tiraafoorditti umrii waggaa tokko qaba.