Dokumantariin waancaa sadii bara 1999 mo'atan taphattoota Maan Yunaayitid ni onnachiisa-Deevid Beekam

Madda suuraa, Getty images
Taphataan sarara gidduu duraanii Maanchister Yunaayitid Deevid Beekam dookimantariin injifannoon waancaa sadii [Piriimer Liigii, FA fi Shaampiyoonsi Liigii] bara 1998-99 garee Maan Yunaayitid amma rakkoo keessa jiru ni onnachiisa jedhe.
Beekam waggaa 25 dura yeroo Maan Yuunaayitid leenjisummaa Siir Aleeksi Fergusan jalatti waancaa sadan 1998-99 injifatu taphattota jjaboo kilebichaa keessaa tokko ture.
Maanchister Yuunaayitid amma sadarkaa saddeettaffa airra kan jiru yoo tahu, erga bara 2013 as waancaa Piriimer Liigii mo'achuu hin dandeenye.
Yuunaayitid yeroo dhumaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii kan mo'ate bara 2008 ture.
Ergasii bara 2016 waancaa FA, bara 2017 waancaa Awurooppaa Liigii mo'achuun bara 2023 ammoo Liig Kaappii mo'ataniiru.
''Dhugaa dubbachuuf namni kamiyyuu yoo dookimantarii kana ilaale, Maan Yuunaayitid waliin hidhata jabaa qaba taanaan isa onnachiisa jedheen amana,'' jedhe Beekam turtii BBC Radio 5 waliin taasise irratti.
Waggoota muraasa darban Maan Yuunaayitidiif yeroo ulfaataa ture. yeroo hundas waanuma mudatudha.''
Akkuma waggootaaf milkaa'ina argachaa turre sana akkasuma waggootni akkasiis ni mudatu.''
''Amma garuu kufaatiin kun yeroo xinnoo waan dheerate fakkaata. Taphattootni kilebicha keessatti guddatan waa'ee kanaa waan haasa'aniif dokimantariin kun isaan onnachiisa jedheen amana.''
Dursaan taphattoota duraanii Ingilaandi Deevid Beekam, Maanchister Yuunaayitidiif taphoota 394 irratti hiriiree taphatee waancaa Piriimer Liigii jaha, bara 1992-2003 mo'ateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Beekam miseensa taphattoota akkaadaamii Maan Yuunaayitidii argamani Fergusan ittiin milkaa'ina argatan 'Class of 1992' jedhamaniiti.
Beekam waliin Maan Yuunaayitid keessatti kan taphataa ture Gaarii Neevil seenaan ''michuu kee siif taativ akkasumas diinakee tahuu malti,'' jedhe.
Neevil gareen Erik Ten Haag ammaa kun eegamuu baatus masaanuu isaanii Maan Siitii injifachuun waancaa FA kaasu jedhe.
Caamsaa 25 bara 2024 kilebootni lameen wal morkatu. Bara darbe yeroo Maanchister gahumsa isa baranaa irra foyyee qaburra ture Maan Siitiin injifachuun waancicha kaasee ture.
"Haala amma jiruun baay'ee ulfaataadha,'' jedhe Neevil.
''Fakkeenyaaf torban sadan kana kana akka carraatti fayyadamanii Maan Siitii mo'achuun adunyaa raajeffachiisu jedheen abadadha,'' jedhe.
Sir Aleeksi Fergusan akka Maan Yuunaayitid leenjisuu jalqabaniin waan hundaan milkaa'aa hin turre. Inumaayyuu ari'amuuf fiixeerra gahanii ture.
Garuu bara 1990 waancaa FA mo'achuun haalota hundaa jijjiire. Milkaa'inni Fergusan maan Yuunaayitid keessaa asii eegale.
Akkasuma miidhama taphattootaa fi wantoota dirree ala jiraniin dhiibbee keessa kan jiran Erik Ten Haag waancaa FA kana mo'achuun milkaa'ina Maan Yuunaayitid keessaa abbaa qabeenyaa haaraa Sir Jim Raatkiliif jalatti eegalu jedhanii abdatu, taphattootni duraanii Yuunaayitid kunneen.
Gargaaraan leenjisaa Yuunaayitid ammaa Istiiv Makilaaren yeroo sanas gargaara leenjisaa Yuunaayitid tahuun Fergusan jalatti hojjechaa turan.
Bara 1999 yeroo waancaa sadan mo'atan gammachuu tures ofumaaf beeku. ''Arsenaal waggootaaf gadi bu'ee kunoo amma deebi'aa jira. Yuunaayitid haala akkasii keessa darbuun ni deebi'a'' jedhan.
Ergan waggaa dura deebi'ee dhufee sadarkaa Maanchiste ittiin beekamurra hin jiruu. Garuu sadarkaa duraan beekamutti deebisuuf dhaabbanni haaraa dhufe 'Ineos' waan hedduu hojjechaa jira jedhe.












