'Maan Siitii mo'uuf waan dandeenyu hunda goona' - Leenjisaa Fuulham

Fuulham v Maan Siitii-Tapha torban 36ffaa bara 2023-24

Madda suuraa, Getty Images

Maanchister Siitiin walitti fufee Shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingiliz tahuuf taphoota sadii isa hafan mo'achuu qofatu irraa eegama.

Taphni tokko har'a Fuulham waliin kan qaban yoo tahu, leenjisaan Fuulham Maarkoo Silvaa Maan Siitii dhaabuuf waan dandeenyu hundaa goona jedhaniiru.

Tarii kilaba magaala isaanii Landan keessaa Arsenaaliif carraa injifannoo waancaa banuuf taha.

Leenjisaan Maan Siitii Peep Gaardiyoolaan Maarkoo Silvaa leenjisaa jabaadha jechuun isa jajjaniiru.

''Bara dorgommii darbe ajaa'iba turan. Akkatti taphatan, ittisaa fi jifachuudhaan kilab jabaa ijaaraniiru. Ani leenjisicha [Silvaa] baay'een dinqisiifadha. Hojii Fuulhamitti hojjeteef qofa osoo hin taane isa duras Waatfordi keessatti akkasuma hojii gaarii hojjeteera,'' jedhan Peep Gaardiyoolaan.

Deeggartoota isaanii fuulduratti taphatu. Isaan waan danda'an hunda gochuun nu mo'achuuf taphatu. Nuyis taphattoota qabnuun isaan injifachuuf waan hundaa ni goona'' jedhan.

Deeggartootni Arsenaal kileba masaanuu isaanii tahe deeggaruun isaanii ifadha. Qabxiin Kiraaven Kootejii eegamu Arsenaaliif hedduu murteessaadha.

Fulhaamii fi Arsenaal lameenuu kilebota Landanidha. Yeroo kaan darbii taphatu. Har'a garuu waliin dhaabachuun isaanii hin hafu.

Maarkoo Silvaa torbee darbe yaada kennaniin, ''akkuma yeroo kaanii tapha kanas injifachuuf ni yaalla. Karaakoo ifaadha, %100 taphicha mo'achuuf anis taphattootni koos qophiidha,'' jedhe.

Kun deeggartoota Arsenaaliif abdii kenneera. Silvaan ''dirree keenyarratti yeroo taphannu kileba kamiifuu ni ulfaata. Maanchister Siitiin akka yaadakootti kileba jabaa adunyaa keessaa tokko tahus, taphicha irraa qabxii argachuuf qophiidha'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Silvaan kana kan goonu Arsenaaliif jennee osoo hin taane qabxii nu barbaachisu argachuufidhas jedhan.

Shakkii hin qabu garee cimaa adunyaa wlaiin akka morkannu kan jedhan leenjisaan Fuulham Maarkoo Silvaan ''waan nuyi gochuu hin barbaanne akka goonuuf dhiibbaa gochuun isaanii waan haaraa miti. Kana kileba adunyaa kam irrattiyyuu taasisu,'' jedhe.

Taphattoota sarara ittisaa isaatti hojiin akka baay'atu kan hime Silvaan Maan Siitiin bara dorgommii kana guutuu ol aantummaa kubbaa qabatee xumure. Morkattoota isaanii dhiibbaa jala akkatti galchan beeku. Akka aannisaa fixattu si taasisu jedhan.

Garuu gareen isaanii Fuulham bara kana fooyya'insa gaarii agarsiisuu himan. Kileboota gurguddoo wlaiin dirree isaanii irratti taphatanii qabxii argataa turan.

Arsenaal qabxii keessan irratti hundaa'a, yaada jeduuf ''egaa waan dandeenye hundaa gochuuf qophoofneerra-kanuma!jedhan.

''Tapha kanaaf qophii bareedaa gooneerra. Arsenaaliif jennee osoo hin taane qabxii argachuuf'' jedhan.

Peep Gaardiyoolaa fi Maarkoo Silvaa yeroo 13 walitti dhufanii morkii jabaa taasisaniiru.

Yeroo hundaa haala taphaa adda tahe qabatee dhiyaata. Morkiin isa waliinii [Pep] baay'ee ulfaata jedhan.

Fuulham erga 2005 as dirree isaa irratti Maanchister Siitii keessummeessee taphoota 15 keessaa tokkoyyuu mo'atee hin beeku.

Maanchister Siitiin miidhama taphattootaa tokkoyyuu hin qabu. Karra eegaan isaanii Edersanis miidhama irraa bayyaannateera.

Fuulhamis taphataa sarara gidduu Luukich irraa kan hafe miidhama haaraa hin qaban.

Piriimer Liigii Ingilizii xumuramuuf taphoota muraasa hafe. Arsenaal qabxii tokkoon Maan Siitii caalee liigicha dursaa jira. Arsenaal waggoota 20 booda waancaa Piriimer Liigii mo'achuuf fiixee irratti argama. Garuu qabxii Maan Siitii irratti hundaa'a. Dabalataan taphoota isa hafan lamaan mo'achuun dirqama itti taha.

Ofii Arsenaal ammoo Dilbata boruu Maanchister Yuunaayitid waliin morkata. Oldi Tiraafoordi irratti Arsenaal taphoota 15 keessaa tokko mo'ate.