'Riyaal Maadirid du'eera yeroo jedhamutti dhadhahatee ka'a'

Joseeluun galchii injifannoo Baayern Munik irratti lakkoofsise

Madda suuraa, Getty images

Riyaal Maadirid du'eera afuurri keessa hin jiru yeroo jettu deebi'ee dhadhahatee ka'a. Mo'ameera yeroo jettu ammoo sekondii dhumaatti galchii lakkoofsisee mo'atee baha, kun amala isaaniiti'' jedhe taphataan Baayern Munik Matiyaas Diliit.

Baayern Munik Saantiyaagoo Bernaaboo irratti galchii lakkoofsisuun dursa qabatee ture.

Riyaal Maadirid akkuma hanga daqiiqaa 88 gahutti galchii malee ture.

Haa tahu malee Shaampiyoonsi Liigii injifachuun muuxannoo guddaa kan qaban Kaarloo Anchelootiin jijjiirraa taphattootaa taasisuun daqiiqaa jaha keessatti qabxii barbaadan argatan.

Taphataan ergisaan fudhatan Hooseeluun galchii lama lakkoofsisuun Maadirid xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii Wembilee irratti gaggeeffamuuf dabarse.

Galchiin Hooseeluu lammaffaa jalqaba haqamee booda VAR ilaalamee galchii tahuu mirkanaa'e.

Maadirid daqiiqota dhumaa irratti galchii lakkoofsisuun mo'achuun beekama. Kun Maanchister Siitii irratti galchiiwwan lakkoofsiseen mul'ateera.

Daqiiqaa dabalataa 13ffaa irratti Maatiyaas Di Liit galchii qixxeesituu lakkoofsisee ture.

Garuu murteessaan sarara irraa dursee kubbicha kan taphate Noosar Maazraawwii taphaan ala jechuun jalaa haqe. Tarii osoo dhiisee jiraate BVAR ilaalamee galchiin kun kennamuu mala ture. Garuu taphattootni ittisaa Maadirid murticha hordofanii dhiisanii ture.

Leenjisaan Baayern Munik Toomaas Tuuhel murtee dogogoraatu nurratt kenname jechuun aariidhaan miira isaanii ibstaniiru.

Yeroo 14 shaampiyoonaa kan tahe Riyaal Maadirid Waxabajji 1, 2024 kileba Jarman Boorushiyaa Doortimondi waliin waancaaf falmata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Juud Beelingihaam bara kana Riyaal Maadiriditti makamuun bara milkii qabu dabarse. Galchiiwwan 20 ol lakkoofsiseera.

Waancaa Laaligaa fi Shaampiyoonsi Liigii mo'achuun xumuruu danda'a. Waancaa Laaliigaa akka mo'atan dursanii mirkaneeffataniiru.

''Wembilee irratti isayyuu Boorushiyaa Doortimondi waliin morkachuun anaaf miira addaa qaba...'' jedhe.

Sababni isaa xumurii aancaa Shaampiyoonsi Liigii istaadiyeemii biyyaalessaa biyya isaa irratti waan gaggeeffamuuf. Dabalataan ammoo kan morkatu kileba isaa duraanii bakkatti gahumsa isaa cimsatee fi taphataafii ture waliin tahuun miira addaa keessa akka isa galchu hime.

Beelingihaam paawondii miliyoona 88.3 tahuun Boorushiyaa Doortimondi irraa Riyaal Maadirid gale.

Ingilaandi keessatti miiltoo isaa kan tahee fi dursaa taphattoota Ingilaandi Haarii Keeniif garuu halkan gaddisiisaa ture.

Haarii Keen waancaa injifachuuf Baayern Munikitti makame. Garuu baruma inni achi galu Baayern Liiverkusen waancaa Bundisliigaa mo'achuun harka qullaa hafe.

Dabalataan abdii tokkottiin bara kanaaf qabu Shaampiyoonsi Liigii Riyaal Maadirid xumuraaf darbe.

Keen Paawondii Miliiyona 86 tahuun Baayern Munik erga galeen as galchii 44 lakkoofsiseeraaf.

Kaarloo Anchelootiin xumura Shaampiyoonsi Liigii jahaaf dhaqaban. Torban kana nan bashannana jedhan. Amma guyyaa tapha xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif qophaa'uudha. Taphoota Laaliigaa isaan hafan jiranis dursanii waancaa injifachuu mirkaneeffataniiru.

''Taphattootni koo hedduu nan boonsa. Jabaatanii taphataa tura. Bara leenjisummaakootti kun garee jabaa ani argadhedha'' jedhan.