'Ani nama kamiyyuu hin amanu'- Eliyuud Kipchoogee

Madda suuraa, Rooyitars
Atileetiin Keeniyaa dorgomii Olompikii si'a lamaaf walitti aansee injifate Eliyuud Kipchoogee du'a miiltoosaa dorgommii maraatoonitiin beekamu atileet Keevin Kiptum hordofee duula karaa intarneetii isarratti gaggeeffamurra kan ka'e lubbuu maatii isaaf akka yaadda'e hime.
Kiptum, atileetii fiigicha maraatoonirratti rikaardii addunyaa qabu yoo ta'u, atileetiin jabaan fiigicha maaratoonirratti morkataa Kipchoogee ta'e kun Guraandhala 2024 darbe kana balaa konkolaataatiin du'e.
Namoonni murasni miidiyaa hawaasarratti Kipchoogeen shira ajjeechaa Kiptum keessaa qooda qaba hamii jedhuun duula gaggeessuu eegalan.
''Namoonni miidiyaa hawaasaatti gargaaraman Eliyuud du'a gurbaa kanaa[Kiptum] keessatti qooda qaba jechuun isaanii na rifaasise,'' jechuu namni ganna 39 Eliyuud BBCtti dubbate.
''Kuni oduu hunda caala hamtuun jireenya koo keessatti dhagahe,'' jedhe Kipchoogeen.
'' Doorsisa hamtuu danuutu na qaqqabe; iddoo shaakala ispoortiikee gubna, inveestimetii atii magaalaa keessaa qabdu gubna, mana kee gubna, Maatiikee gubna,'' jedhu.
''Amma yoonatti doorsisni isaanii qabatamaan gochaatti hin geeddamne, garuu doorsiisa akkasii keessan jira,'' jedhe.
Kipchoogeen jalqaba doorsisaa fi hamii sobaa kana wayita dhagahu rifachuun nageenya maatiisaa mirkaneeffachuuf maatiisaa iyyaafataa ture.
''Jireenyikoo yaaddoo keessa jira jedhee poolisitti himachuuf annisaan dhabe. Sababa kanaaf maatiin koo akka dammaqanii of eeggataniin itti hime,'' jedhe.
''Sana booda namoota hedduuttin bilbile. Ijoolleekoo mana barnootatti erguufille nan sodaadhe,'' jedhe.
Taatee ijoollee mudachuu malu waanta hin beekneef konkolaaataan mana barnootaa geessine, galgala konkolaataan ijoollee fuuna jedha.
''Intallikoo waanta miidiyaa hawaasarratti qodamu quba hin qabdu. Ijoolleen koo dhiiraa garuu'' yoo abbaan keessan nama ajjeese jedhaman dubbiin kun ijoollee kootti ni jabaata'' jedha.
Hiriyoota fi amanamummaa dhabuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kipchoogeen iddoo dhalootasaa kan taate Eldoretti duula qoccollaa haadha isaarra qaqqabe wayita ifatti haasa'u miiraan liqinfamee dubbate.
''Yeroo hunda caala hamtuun wayitan haadha kiyyaaf bilbiluuf yaaledha,'' jedhe.
'' Waa baayyeetu adeemaa jiraa , ati of eeggadhu naan jette,'' jedhe.
''Iddoon ani itti dhaladhe baadiyyaadha. Haati kiyya umrii kanatti yoo kana dhagahan, miidiyaan hawaasa bakka kamiyyuu akka qaqqabun hubadhe,'' jedhe.
''Garuu haati kiyya nan jajjabeessite. Anaaf baatiin kun yeroo jajjabduudha,'' jedhe.
Olimpkirratti walitti aansuun fiigicha maraatooniin kan injifate Kipchoogeen bara 2021 wayita s'a lammataaf Tookiyootti injifate nageenya dhuunfaa isaaf ofeeggannoo akka isa taasifne murteesse.
''Fiigichi akka shaakala mana jiimii(gym) miti, fiiguuf bakkeetti bahuu qabda. Ani karaa gubbaa bilisaaniin deema'' jedhe.
Kipchoogeen himannaa dogoggoraa balaa konkolaataa Kiptumirraa qaqqabeen walqabatuu fi dhimma qoccollaa karaa intarneetii isa qaqqabuun ''hiriyootasaa keessaa % 90 dhabuu''' hime.
''Namoonni natti dhiyaatan, kanneen waliin fiigicha shaakallu, namoota ani itti dhiyeenyasaanii qaburraa jecha badaa kana dhagahuun na dhukkubsa,'' jedha.
''Kana arguu kootti nan gadde,'' jedhe.
Dhibbaa gahumsa Kipchoogeerratti qabu

Madda suuraa, Getty Images
Gartuun namoota Kipchoogee gargaaranii qoccollaa miidiyaa hawaasaarratti baname hordofuun miidiyaa hawaasarra fageessuuf yaalanii turan, garuu akkawuuntii isaa haquuf hin murteessine.
''Yoon akkawuntii koo haqe waantan dhoksuu barbaadu jiraachuu akeeka,'' jedhe.
''Ani akkawuntii miidiyaa hawaasaakoo hin balleessu,'' jedhe.
Haa ta'u malee qoccollaan karaa miidyaa hawaasaa isarra qaqqabu gahumsa dorgomirratti qaburratti dhiibbaa uumeera jedhee amana.
Kipchoogeen dorgommii fiigicha maraatoonni Tookiyoorratti Bitootessa 3, 2024 geeffameeratti 10ffa bahe.
Erga bara 2013 dorgommii hunda caala gahumsi isaa gadi bu'e yoo ta'u, dorgommmicha kan injifate Benson Kiprutoorraa daqiiqaa lamaafi walakkaa boodatti hafee fiigicha sana xumure.
''Tookiyoo yeroon turetti guyyaa sadii hirriba maleen bule,'' jedhe.
''Jireenya koo keessatti yeroon ani hundal caala haala hamtuu keessa seenedha,'' jedhe.
Taatullee Kipchoogeen garee dorgomtoota fiigicha maraatoonii Keeniyaa Olompikii Paaris kan bara 2024tti hirmaatan keessatti Roobii darbe filatameera.
Kipchoogeen amma walitti aansee meedaaliyaa warqii dorgoommii kanarratti injifatee, seenaa biraa dabalataan dalaguurratti xiyyeefateera.
''Kaatee dhaabbattee, gara galma keetti kallattuumaan qajeeluudha,'' jedhe.
''Nama yeroo jalqabaatiif irra deddeebi'ee fiigicha maraatoonii injifate ta'ee galmee seenarratti galmaa'uun barbaada,'' jedhe.












