Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booying xiyyaara 737 Max bilooniin isaa laafuu waan danda’uuf akka sakatta’amuuf gaafate
Daandileen qilleensaa sirna to’annoo balalii xiyyaara 737 Max keessa biloonii laafuu danda’u akka sakkatta’aniif Booying gaafate.
Kampaaniin Ameerikaa guddichi xiyyaarota omishu kun gosa xiyyaara falmsiisaa ta’ee ture ilaalchisuun akeekkachiisa kana kan kenne sirna to’annoo balalii keessatti bilooniin tokko cuqqaaltuu/qabduu malee erga argamteen boodadha.
Booying xiyyaarri bilooniin isaa laafeera jedhe wagga shan dura balaa xiyyaaraa Itoophiyaafi Indoneeshiyaatti mudate hordofee xiyyaara balali’uurraa dhorkamee ture 737 Max jedhamudha.
Kampaniin kun of eeggannoof jecha daaniiwwan qilleensaa xiyyaara 737 Max qaban xiyyaaricharratti sakatta’insa gaggeesssanii bu’aa isaa akka nu beeksisan nan barbaada jedheera.
Omisha Booying kan ta’e gosi xiyyaara 737 Max kun rakkoo to’annoo balalii isaa mudateen walqabatee daandiiwwan qilleensaa Indoneeshiyaafi Itoophiyaatti xiyyaaronni kunneen erga kufanii caccabaniin booda guutummaa addunyaarratti akka hin balaliineef dhorkamee tureera.
Bulchiinsi Aveeshinii Ameeriaa (FAA) dhimma bilooniin xiyyaara Booying 737 Max laafuu ilaalchisee itti dhiyeenyaan hordoffii taasisaan jira jedheera.
Booying bilooniin kutaa to’annoo balalii laafuu danda’a jedhame kana ilaalchisee sakatta’insi saatii lama gaafachuu danda’u torban lama keessatti akka gaggeessaniif daandiiwwan qilleensaatiif yaada gorsaa kenneera.
Booying ogeessonni balali’uu dura sakatta’insa idilee baratame taasisaniin rakkoo kana adda baasuu danda’u jedheera.
Ogeessa nageenya balalii kan ta’e Antonii Biriikhawus kampaanichi waan mudate kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu qaba erga jedheen booda, fayyadamtoota imala daandii qilleensaa waliigalaatiif garuu wanti mudate kun yaaddoo nageenyaa uumuu hin qabu jedheera.
Booying ijoo dubbii kan ta’e sirna to’annoo balalii xiyyaarichaarratti rakkoon biloonii laafuu jiraachuu akkuma gabaaseen gahee gabaa isaa harka dhibba keessaa tokkoon hir’ateera.
Booying 737 Max balaawwan lama mudatan booda ji’oota 20 dhorkamee turee bara 2020 mootummaa Ameerikaatiin gara balali’uutti akka deebiyuuf hayyamameeraaf.
Erga dhorkaan xiyyaaricharra ture kaafamee booda Daandii qilleensa Itoophiyaa dabalatee daandiiwwan qilleensaa baayyeen xiyyaaricha bituudhaaf Booying waliin waliigaltee raawwachaa turaniiru.
Dhiyeenya kana qophii ‘Air Show’ Dubaayitti gaggeeffameratti Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Booying 737 Max, 20 dabalatee xiyyaarota 31 bituudhaaf kampaanii xiyyaara omishu, Booying, waliin waliigalteerra gahuun isa ani yaadatama.