Boeing odeeffannoo waa'ee xiyyaarota 737 MAX dhokseef $200m adabame

Boeing himannaa balaawwan xiyyaaroota 737 MAX lubbuu namoota hedduu galaafatee irratti dhiyaateef odeeffannoo dogongoraa invastarootaaf kenne jedhamuun adabbii doolaara miiliyoona 200 akka kanfalu murtaa'e.

To'ataan gabaa Istookii Ameerikaa akka jedhetti, dhaabbanni aviyeeshinii guddichiifi hogganaa olaanaan isaa duraanii Dennis Muilenburg haala nageenya ilaalchisuun ibsawwan sobaa kennanii ture.

Beoing yaalii maqaasaa deebifachuu taasiseen 'lubbuu namaarraa bu'aa caalsifate,'' jedheera Komishiniin Nageenyaafi Jijjirraawwanii (SEC).

Xiyyaarawwan 737 MAX erga balaawwan lamaaniin lubbuu namoota 346 galaafateen booda baatiiwwwan 20'f hojiin ala akka ta'aniif godhamaniiru.

Haaluma qaama beenyaatti Obbo Dennis Muilenburg adabbii doolaara miiliyoona tokkoo kanfalu.

''Tibbawwan balaatti, dhaabbileen ummataafi itti gaafatamtoonni odeeffannoo guutuu, sirriifi dhuga qabeessa ta'e ifa taasisuun baayyee barbaachisaadha,'' jedhan Dura taa'aan komishinichaa Gary Gensler ibsa isaanii keessatti.

Haata'u malee, Boeing fi hooggannaan dhaabbatichaa ''itti-gaafatamummaa murteessaa kana hin raawwannee'' jedhan itti dabaluun.

Komishinichi akka jedhetti, Boeing fi Obbo Muileburg waan qaa'mni to'atu irra gahe hin fudhannee ykn hin haalle.

''Namoota balalii Daandii Qilleensa Itoophiyaa 302 fi Air Lion 610 irratti lubbuunsaanii badee yoomuu hin irraanfannu.

''Balaawwan kanneeniif deebii kennuuf ammoo dhaabbaticha guutuu keessatti jijjirama bal'aa fi gadi fagoo taasifneerra'' jedheera dhaabbanni Boeing deebii ibsa komishinichaaf kenneen.

"Jijjiiramawwan bu'uuraa taasifamanis kan adeemsa nageenya keenyaa cimsanii fi dhimmoota nageenyaa to'atan, akkasumas kan nageenya, qulqullinaa fi iftoomina keenya cimsaniidha'' jedhan dhaabbatichi itti dabaluun.

Komishinichi akka jedhetti invastaroota sababii odeeffannoo dogongoraatiin bara 2018- 2019 jidduutti kisaaraaf saaxilamaniif bajanni ni ramadama.

Onkolooleessa 29, 2018 irratti, xiyyaarri Lion Air 610 Jaakaartaa, Buufata Xiyyaaraaraa Idil-addunyaa So'ekaarno-Hattaa irraa ka'ee daqiiqaawwan 13 booda galaana Jaavaa keessatti kufee caccabuun lubbuu imaltootaafi hojjattoota xiyyaarichaa 189 galaafate.

Baatiiwwan shan osoo hin guutiin ammoo, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Lakkoofsa balalii 302 kanumti Boeing 737 MAX ta'e osoo gara Keeniyaatti imalaa jiruu, Buufata Xiyaaraa Idil-addunyaa Booleerraa ka'ee daqiiqaawwan jaha keessatti kufuun lubbuu namoota 157 galaafate.

Balaawwan kunneenis rakkina sirna to'annoo balaliinsaa xiyyaaroota 737 Max keessatti argamu "Maneuvering Characteristics Augmentation System" (MCAS) jedhamuun kan wal qabateedha.

Komishiniin Nageenyaafi Jijjirraawwanii (SEC) ''erga balaan jalqabaa qaqqabeen booda, Boeing fi hoogganaan dhaabbatichaa akka MCAS rakkoolee nageenyaa xiyyaarota irraan gahuu deemu ni beeku ture.

Garuu xiyyaaronni 737 MAX nageenyummaansaanii kan eegamee ta'u ummataaf mirkaneessan jedhe.

Balaawwan kunneenis dhaabbanni Boeing kanfaltii maatiiwwan balaa sanaan lubbuunsaanii darbeef taasisee dabalate, kasaaraa doolaara biiliyoona 20 irraan gahe.

Tibba balaan sun qaqqabeettis, Kongirasiin US seera haaraa kan haala to'ataan aviyeeshiiniin biyyattii, Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa (FAA), xiyyaarota haaraaf hayyama kennu irratti rifoormii taasise baase.

Himannaawwan dhiyaatan furuuf ammoo yaaliiwwan muraasni bara dhufu akka eegalu eegama.