Warshaan warqee MIDROC akka cufamu gaafatame akkamiin beekamtii argate?

Warshaan warqee MIDROC akka cufamu gartuun mirga namoomaaf falmu HRW dabalatee gaafateera
Ibsa waa'ee suuraa, Warshaan warqee MIDROC akka cufamu gartuun mirga namoomaaf falmu HRW dabalatee gaafateera

Dhaabbanni omisha warqee MIDROC komiin faalama naannoo irratti ka’aa ture eegumsa naannoon beekamtii argate.

Dhaabbilee omisha albuudaa akkuma biyyaattu jiran isaan adda duree keessaa tokko kan ta’e MIDROC, omisha warqee Godina Gujii keessatti omishuun faalama naannoofii rakkoo fayyaa hawaasarratti qaqqasiisuun walqabatee komiiwwan heddu keessummeessaa tureera.

Mormii jiraattota aanaalee godina Gujii garagaraafii komii dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa hordofees heeyyamni dhaabbatichaa haqamee boodarrattimmoo omishatti akka deebi’u taasifameera.

ALI Waxabajjii 25, 2016 immoo Dhaabbilee Garee Investimantii MIDROC jala jiran keessaa tokko kan ta’e 'MIDROC Gold' Dhaabbata Madaallii Walsimsiisa Itoophiyaarraa waraqaa ‘Ragaa Eegumsa Naannoorratti Xiyyeeffateefii Sirna Hoggansa Naannoo’ jedhamu argateera.

Waraqaan ragaa ‘ISO 14001:2015’ jedhamuun beekamu kun istaandaardii beekamtii idil addunyaa qabudha.

Dhaabbata Madaallii WalsimsiisaA Itoophiyaatti Daayrektara Itti Aanaa Damee Opireeshinii kan ta’an Obbo Abeel Anbarbir, “MIDROC Gold’ ulaagaalee ISO 14001 jalatti kaayaman hunda hojiirra oolchuusaanii mirkaneessineerra.

‘’Ulaagaalee seeraa mootummaan kaayes guutusaanii mirkaneessineerra” jechuun akkaataa waraqaan ragaa kun itti kenname ibsaniiru.

Ulagaaleen kunneen akkaataa balfi itti wal’aanamu, galteewwan faayidaarra oolan, dandeettii hojjettootaa akkasumas waliigalteewwan eegumsa naannoo Itoophiyaan mallatteessite hojiirra oolchuufaa ofkeessatti kan qabate ta’uus himan.

Dabalataan dhaabbanni MIDROC argannoowwan odiitiin (sakatta’iinsaan) irratti argaman akka sirreessuu taasifamuu kan himan Obbo Abeel, “argannoowwan argaman icciitii dhaabbatichaati” jechuun qabiyyee argannoosaanii himuurraa of qusataniiru.

Waraqaan ragaa kun waggoota sadi sadiin kan haaromfamu yemmuu ta’u, waggaa waggaanis sakatta’iinsi akka taasifamu himameera.

Sakatta’iinsa taasifamuun hanqinaaleen yoo argaman akka sirreessan akka taasifamu kan himan Obbo Abeel, sirreeffama yoo hingoone garuu tarkaanfiin akka irratti fudhatamus dubbatan.

'MIDROC komii jalaa hin baane'

Hoji Gaggeessaa Olaanaa Garee Investimantii MIDROC kan ta’an Obbo Jamaal Ahimad, “MIDROC sadarkaalee idil addunyaa eeguun hojjetullee naannichi (iddoo omisha warqee Laga Dambii) faalama naannoof akkaan kan saaxilame waan ta’eef, iddoo dhaabbileen dhuunfaafii mootummaa albuuda Meerkurii bal’inaan itti fayyadaman waan ta’eef rakkoo naannicharratti qaqqabeef (MIDROC) gaafatamaa ta’aa tureera” jedhan.

“Yeroo tokko tokko dhiibbaa siyaasaa uumuufis ragaaleen sobaa as bahanii himatamaa tureera. Hojiinsaas hanga ittifamuutti gaheera” jedhan.

Haa ta'u malee, BBC'n bara 2017 bakkicha imaluun daa'imman qaami miidhamuu, ulfii yeroo malee bahuufi dhibee hin beekamne kaanif hawaasni saaxilamuu hubateera.

Dhaabbaticharratti ammallee himannaawwan dhagahaman akka jiran kan himan Obbo Jamaal, “himannaawwan akkanaa yemmuu dhufan qaama walabaarraa, qaama beekamtii idiladdunyaa qaburraa waraqaa raga amanamummaa argachuu barbaachisa” jedhan.

MIDROC miidhaa hawaasarra gahaa ture waakkata
Ibsa waa'ee suuraa, MIDROC Dhaabbata Madaallii Walsimsiisaa Itoophiyaatii beekamtii argate
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Dhaabbileen to’attoonni akka Eegumsa Naannoos ta’e Ministeera Albuudaa seera qabeessa ta’uusaa mirkaneessuun hojii keenya akka itti fufnu nuuf heeyyamanis komatamuu jalaa bahu hindandeenye” jechuunis komii faalama naannoon walqabatee irratti ka’u qeeqan.

Ammallee itti fayyadama kemikaalaa oomisha warqee keessatti faayidaarra ooluun walqabatee waraqaa argachuuf fedhii qabaachuu himan.

“Qabiinsa Saayinaayidii fayyadamnuu, geejibasaa dabalatee amanamaa taasisuuf dhaabbata idiladdunyaa biraa waliin hojjennee waraqaa ragaas yeroo dhiyootti akka argannu abdii qabna” jedhaniiru.

Haala amma jiruun MIDROC kaffaltiiwwan dirqisiisoo kaayamaniin cinatti galii gurgurtaa warqeerraa argaturraa dhibbeentaa shan Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif qoodaa akka jirus himaniiru.

Kana malees bu’uraalee misoomaa hawaasa naannichaa fayyadan hojjechuun hawaasaaf gumaachaa jiraachuu dubbatan.

Dhaabbanni omisha warqee MIDROC faalama qilleensa naannoo fi miidhaa jiraattotarraan gahuun walqabatee waggoota dheeraaf himannaawwan irratti dhihaataa turaniiru.

Jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) ALA Ebla 2023 dhaabbatichi himannaa irratti dhiyaatu cinatti gochuun hojiisaa itti fufeera jechuun komatee ture.