Dhaabbanni oomisha warqee Midroc Laga Dambii akka cufamuuf HRW gaafate

Madda suuraa, HRW
Kaampaniin omisha warqee irratti hojjetu- Midroc faalama qilleensa naannoo fi miidhaa jiraattotarraan ga'eef himannaa irratti dhihaataa ture tuffatee hojiisaa itti fufee jiraachuu jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) gabaase.
Hojiin Kampaanii kanaa jiraattota naannoo rakkoo fayyaa hamaaf akka saaxile qorannoon mootummaa Itoophiyaan deeggaramee qoratame ibsuu HRW eereera.
Haata'u malee, Midroc tarkaanfii sirreeffamaa tokkollee hin fudhatin eeyyamuma mootummaan kenneef fayyadamuun hojii itti fufe jedha jaarmiyaan kun.
Mootummaan hanga rakkoon faalama naannoon walqabatee ka'aa ture furamutti jechuun bara 2018 ji'a Caamsaa keessa eeyyama Kampanii kanaa akka haqe ibsee ture.
Jiraattonni naannoo balfaafi gataa balaafamoo warshicha keessaa gadhiifamuun rakkoo fayyaaf saaxilamuun, mirgi naannoo qulqulluu fi naga-qabeessa ta'e keessa jiraachuu isaanii sarbamuu mormuun hiriira erga ba'anii boodadha mootummaan eeyyama warshichaa haquu kan ibse.
Hanga gaaffiin hawaasaa furmaataa argachuun, hojiin warshichaa naannoof sodaa fi yaaddoo ta'uun hafutti akka hin eeyyamneef ibsee ture mootummaan.
Haata'u malee, warshaan kun Bitootessa 2021 irraa eegalee himata irratti dhihaataa ture tokkoofillee osoo deebii hin kennin hojiisaa akkuma duraatti itti fufee jiraachuu mirkaneeffadheera jedha HRW.
Kana keessatti, mootummaan Itoophiyaa osoo dhaabsisuuf aangoo qabuu callisuun yakkamaa isa taasisa jedhe jaarmiyaan mirga namoomaa kun.
Jaarmiyaa kanatti daarektarri mirga daa'immanii Juuliyaan Kiippanbarg, ''Mootummaan Itoophiyaa osoo warshichi dhimma faalama naannoof deebii hin kennin hojii akka eegalu eeyyamuusaatiin, mirga daa'imman fi jiraattota naannoo sarbaa jira,'' jedhan.
''Hanga warshaan kun keemikaala summaawaa fi balfa kaaniin naannoo faaluu dhaabutti mootummaan eeyyama isaa haquu qaba. Warshichi hojii eegaluun dura seeraafi ulaagaa idil-addunyaa guutuu qaba. Jiraattonni miidhaaf saaxilamanis beenyaa argachuu qabu, fuulduraafis eegumsi isaanii mirkanaa'uu qaba,'' jedhan qondaalli HRW kun.
Himannaa Midroc irratti HRW dhiyeesse kana mirkaneeffachuuf yaalii BBCn dhaabbaticha gaafachuuf taasise kan hin milkoofne yoo ta'u, akka arganneen deebiisaanii ni dhiyeessina.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni Godina Gujii magaalaa Shaakkisoo dhiheenya warshaa kanaa jiraatan sababa warshaa kanaa fayyaansaanii balaarra bu'aa jiraachuu waggootaaf himataa turan.
Miidhaan sammuu, hir'ina qaamaaf saaxilamuun, daa'imman fayyaa dhabanii dhalachuun hawaasa kaluu warshaa kanaa jiraatan keessatti heddumminaan mul'ata.
Dhaabbatni omisha warqee 'MIDROC' Lagadambii wayita warqee fi meetii omishu keemikaala warqee qulqulleessuuf oolu Saanaayid jedhamutti fayyadama.
Keemikaalli kun bowwoo mataatii hanga dhukkuba onnee, sammuu fi narvii namarraan gaha.
Albuudawwan lafee namaa jabeessan kan akka aayiranii qaama namaa fi loon keessatti xiqqeessuun laafina fi caccabuu lafeetiif akka nama saaxilu qondaalli fayyaa Aanaa Oddoo Shaakkisuu BBCtti himanii turan.
Keessattuu ganda warshaan kun keessatti argamu-Dhibbaa Battee keessatti daa'imman qaama miidhamoo ta'anii dhalatan hedduudha.
Kana sodaachuun namoonni dhala godhachuuf akka siqiqan BBCtti himaniiru.
Warshaan hawaasa fayyada jedhamee abdatame kun fayyaa hawaasaa jeequu bira darbee dhala addaanutaa jiraachuusaatti yaadda'uu kan ibse HRW, dhaabbati kun ammas rakkoo biraa akka hin daballeef mootummaan dhorkuu qaba jedhe.
Warshaan omisha warqee Midroc Laga Dambii fi Kampaanii Swiss warshichatti michoomuun waliin warqee lommoxu uummata miidhaniif beenyaa kaffaluu, akkasumas naannoo faalan qulqulleessuu qabu jedheera HRW.

Jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmu kun namoota naannoo, hojjettoota duraanii Midroc, aanga'oota duraanii naannoo fi hojjettoota fayyaa walumaagalatti namoota 26 irraa iyyaafachuun gabaasa kana qindeessuu hime.
Akkasumas, qorannoo naannoo fi fayyaa irratti gaggeeffamee fi dokumantiiwwan kaan dhimma kanarratti qindaa'an akka wabiitti fayyadamuus ibse.
Qorannoon bara 2018 Yuuniversitii Finfinneen gaggeeffame samuuda bishaanii balfa warshichaan faalame keessatti keemikaalli balaafamaan-arsenic akkaan hedduu ta'e jiraachuu mirkaneesseera.
Akkasumas, keemikaala kana dabalatee, keemikaalonni akka nickel, chromium jedhaman biyyoo naannoo warshichaa keessatti argamuu mirkaneesseera.
Baruma kana qorannoo Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii hojjete, kan bu'aan qorannichaa HRW'f qoodame, warshaan kun jiraattota naannoo rakkoolee fayyaa hedduuf saaxiluu mirkaneesseera.
Garuu bu'aan qorannoo kun hanga yoonaa hawaasaaf ifa hin taane jechuun komata HRW.
Kampaniin investimantii Itoophiyaa keessa jiran keessaa isa guddicha kan ta'e Gareen Investimantii Midroc, iddoo omisha warqee Lagadambii bara 1997 mootummaarraa gatii doolaara Ameerikaa miliyoona 172'n waggoota 20'f fudhate.
Gabaasi dhaabbatichi bara 2014 fooramii Baankii Addunyaatiin qophaa'e irratti dhiyeesse warshaan omisha warqee MIDROC Lagadambii bara faranjootaa 1997 hanga 2014 waggoota 16 fi walakkaa keessatti warqee kilogiraama 52,044.71 fi meeti kiloogiraama 14,670.6 omishuun birrii billiyoona 17.24'tti gurguruusaa agarsiisa.
Kampaniin kun yeroosaa waggaa 20 erga xumuree booda eeyyamni akka haaressamuuf gaafatee ture, garuu mootummaan bara 2018 eeyyama kampanii kanaa dhorkeera.
Ministeerri Albuudaa, Boba'aafi Gaazii Uumamaa Itoophiyaa, komii jiraattonni naannoo warshichaa dhiheessan ilaalchisuun tarkaanfii kana fudhachuu eeruun, hanga qaama bilisa ta'een qorannoon gadi fageenyaan gaggeeffamutti warshaa kana hojii dhaabsisuu ibsee ture.












