Wantoota ajaa'iboo qaama keenya keessaa kana beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Qaamni keenya maashinii ajaa'ibaa fi walxaxaadha.
Saayinsii keessattillee hanga ammatti waa'een qaama dhala namaa harki caalaan isaa hin beekamu.
Haariiroo kutaan qaamaa tokko isa biraa waliin qabullee waaan ajaa'ibaafi ammallee qorattotaa bulee haaraadha.
Uumama kutaalee qaama keenyaa yemmuu ilaallu, wantoonni tokko tokko hojii asoosamaa fakkaatu.
Waa'ee qaama keenyaa irratti odeeffannoo ajaa'iba jennu muraasa walitti qabneerra.
1. Hiddi dhiigaa keenya yoo diriire addunyaarra si'a afur naanna'uu danda'a
Dheerinni hidda dhiigaa keenya umurii, fayyummaa fi guddina qaama keenya irratti hundaa'uun hanga tokko gargar ta'uu mala.
Ta'us hiddi dhalaa namaa giddu-galeessaan km91,000 hanga km161,000 ta'a jedhamee tilmaamama.
Kana jechuun utuu hiddi dhiigaa keenya diriirfame dheerinni isaa addunyaarra hanga si'a afur naanna'uu danda'a.
2. Gurriifi funyaan keenyaa guddachuu hin dhaabu

Madda suuraa, Getty Images
Kutaa qaama keenya keessa jireenya keenya guutuu kan guddachuu hin dhaabne, gurraa fi funyaan keenyadha.
Akka umuriin dabalaa deemnuun funyaan keenya guddachaa, gurri keenya gadi dheerachaa deema. Kunis sababa harkisa lafaa (gravity), jijjiirama sababa umuriin qaamaafi gogaa keenya irratti uumamuni.
3. Si'a takkaatti hafuura baafachuufi liqimsuu hin dandeenyu
Yeroo waa liqimsitan al takkaatti hafuura baafachuu akka hin dandeenye hubattanii beektuu?
Kunis sababa huubi qoonqoo keenya yeroo waa liqimsinu cufamuu fi yeroo hafuura baafannu ammoo banamuu qabuuf.
Yeroo nyaata liqimsinutti kutaaleen qoonqoo keenya qindoominaan nyaati gara garaa keenyaa deemurra dogoggoraan gara sombaa keenyaa akka hin deemneef hojjetu.
4. Tiruun keenya hojii 500 ol hojjeta
Hojii tiruun keenya hojjetu keessaa inni ijoo tokko hanga keemikaalaa dhiiga keessa jiru madaalama akka ta'u taasisudha.
Guutummaatti garuu tiruun keenya hojii 500 ol qaba.
Wantoonni akka vaayitaaminii (A, D, E, K fi B12) fi albudaa (akka ayiranii fi koopper) kan kuufamanii fi raabsaman tiruu keenyaan.
5. Waggaatti gogaa keenyarra kg4 kan ta'u gataa deemna

Madda suuraa, Getty Images
Gogaan keenya yeroo yeroon akka of haaressu beektuu? Adeemsi kun akka fakkeenyaaf yeroo bofti gogaa isaa geeddaratu kan ifatti mul'atu miti.
Ta'us seelootni gogaa keenya dullooman du'aa yemmuu deeman, suuta suutaan nurraa harca'anii gogaa haaraa jala jiruun bakka buufamaa deemu.
Giddugaleessaan dhalli namaa sa'aatii tokko keessatti seelii gogaa du'an kan 30,000 hanga 40,000 ta'an ofirraa gataa deema.
6. Guyyaatti hancufa liitira tokko ta'u oomishna
Hancufni nuti oomishnu guyyaatti liitra tokko kan ta'udha. Harka caalaa isaa deebinee waan liqimsinuuf deebifnee kan fayyadamnudha.
Jireenyaa keenya keessatti giddugaleessaan hancufa liitira 20,000 ta'u oomishna.
Hancufa hedduu kan oomishnu yeroo nyaata nyaannu yoo ta'u, xiqqaa kan oomishnu ammoo yeroo hirriiba rafnudha.
7. Daa'imman hanga umurii ji'a tokkotti imimmaan hin qaban

Madda suuraa, Getty Images
Imimmaan keenya yeroo boonyu qofa utuu hin taane, sababa adda addaan dhufuu danda'a.
Daa'imman hedduu boo'uun haa beekaman maleeyyu, hanga umurii naannaa ji'a tokkootti yemmuu boo'aan imimmaan akka hin qabne hubattanii beektuu?
Xannachi imimmaan oomishu daa'imman garaa keessa yemmuu jiran kan uumamuu ta'us, yeroo bo'anitti imimmaan oomishuu kan jalqaban garuu umurii gara ji'a tokkottidha.
8. Asiidiin garaa keenya keessa jiru siibila baqsuu danda'a
Nyaati nuti nyaannu akka bullaa'uuf kan gargaaru asiidii garaa keenya keessa jiruni.
Asiidiin gaastrik asiid jedhamu kun asiidoota ciccimoo jedhaman keessaa tokkodha. Asiidiin kun bakkeetti dandeetti sibiilota tokko tokko daandeessuu ykn baqsuu qaba.
Asiidiin cimaan kun garaa keenya keessa ta'ee kan nu hin miineef sababa membireenii 'mucous" keessa garaa keenya haguugee jiruunidha.
9. Maaliif akka hamuummannu hin beekamu

Madda suuraa, Getty Images
Hamuummachuun gocha yeroo dheeraaf saayinstootaatti gaaffi ta'edha.
Maaliif hamuummanna kan jedhu irratti tilmaami adda addaa kennamus hanga ammaatti ifatti gama saayinsiin wanti ifa ta'e hin jiru.
Yeroo dadhabnu, beelofnu, hirribi nu qabatu ykn yeroo namni bira hamuummatu arginu ni hamuummanna.
Gochi qaama keenya yeroo adda addaatti uumamu kun maaliif akka uumamu hin beekamu.
10. Hojjaan keenya galgala caalaa ganama dheerata
Sababa harkisa lafaan guyyaa irrati kaartileejiin keenya walitti waan shunturuuf hanga tokko ni gabaabbanna.
Galgala garuu dalga gallee waan rafnuuf dugugguruun keenya hanga tokko of gadhiisee diriiruu waan danda'uuf, ganama yemmuu kaanu hamma tokko hojjaan ykn dheerinni keenya ni dabala.
Garaagarummaan hojjaa keenyaa galgalaa fi ganama gidduutti uumamu miilimeetira muraasaa hanga seentimeetira tokkoo ta'uu danda'a.
Maddeen odeeffannoo: BBC Science, John Hopkins Medicine, NIH, Scientific American












