Ilmaan namaa qaamasaaniirra maaliif rifeensa dhaban?

Madda suuraa, Getty Images
Ilmaan namaa wantoota bineensota kaan irraa adda godhu keessaa, afaan ittiin waliigalu adda tahe qabaachuu, ol dhaabbatanii deemuu danda'uu akkasumas qaamasaaniirraa akka bineensota kaanii rifeensa qabaachuu dhaabuusaaniiti.
Bineensota keessaa arbaafi roobbii dabalatee qaamasaaaniirraa rifensa mul'atu hin qaban.
Sanyii hoosiftootaa baayyee kanneen ilmaan namaaf fira dhiyootii jedhaman otoo hin hafiin qaamasaaniirraa rifeensa qabu.
Ilmoon namaan qaamasaa gara caalu irratti akkamiin rifeensa dhabe?
Tiinaa Laasiisiin Yunivarsiitii Kibba Kaalifoorniyaatti, antiroopppoolojistii baayolojiitii, ''ilmaan namaa ammallee qaama keenya guutuu irratti rifeensa qabna, xannachoota rifeensaa miiliyoona shan olii qabna garuu rifeensi kuni wayii irraa nu eeguuf nun gargaaru,'' jedhu.
Rifeensi yoo biqiles, baayyee qaqallaa, gabaabaa, daalachaa'aadha. Rifeensi yabbuu rifeensa mataa, saalfattoon booda gudeedaa fi bobaa jalatti qofa biqila.
Ilmaan namaa maaliif rifeensa yabbuu dhabanii rifeensa xixiqqoo qofa qabaatan akkasumas akka bineensota kaanii rifeensa baay'ee maaliif dhaban kan jedhu saayintistoonni hamma yoonaa hin barre.
Tahus yaad-rimeewwaan garaagaraa dhimma kanarratti kaa'aman keessaa inni guddaan ''ilmoon namaa warri duraa ho'a gar-malee qaama isaanii to'achuuf jecha rifeensa qaamasaanii dhabanii,'' jedha
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Homoo Ireektasii fi booda immoo sanyiin ilmaan namaa ammaa bosona Savaanaa keessatti yeroo adamoof bahanitti aduu keessa waan dadhabaniif rifeensi isaanii irraa dhumuu eegaluun haftee namoota durriirraa ragaan argame mul'isa.
Haala kanaan dhalli namaa rifeensi yeroo irra hin jirre qaamasaa haala fooyya'aafi saffisaa taheen qabbaneessuufi ho'a qaamasaa to'achuu danda'eera.
Yaad-rimeen dhimma kana ibsuuf yaalu biraan immoo jijjiramni qaccee sanyii rifeensa biqilchuurra gara xannacha dafqaatti geeddarame jedha.
''Qacceen sanyii gogaa namaa bifa amma qabu akka qabaatu kan godhe fa'i yeroo ilaallu waggoota miiliyoona 2.5 dura namni rifeensa qaamasaa dhabuu hin oollee,'' jedhu Tiinaan.
Yaad-rimeen biraan bara 1980 bahe immoo ilmaan namaa miila lamaan dhaabbatee deemuunsaa faayidaa rifeensaa hir'ise.
Carallaa biiftuu ofirraa balaqqisuuf rifeensi mataa keenyarratti qofa hafe. Rifeensaan alas akka gaariitti dafquufi qaama keenya qabbaneessuu dandeenyeerra jedha.
Maark Paageel Yunivarsiitii Riidiing irraa yaad-rimeen ho'a qaamaa keenyaa to'chuuf jecha rifeensa keenya dhabne jedhu hanqina qaba jedhu.
Akka isaan jedhanitti qaamni keenya guyyaarra halkan yeroo rafnu, kan akka malee ho'u, kanaaf hanqina aannisaa qabaachuu keenya agarsiisuu mala.
Dabalataan, ummannii baay'ee waggoota kumaatamaan lakkaa'amuuf lafa qorraa fi adamoof fiiguun hin barbaachisne keessa jiraatan deebisanii rifeensa qaama isaanii hin biqilchine.
Tiinaan garuu ho'i qaamaa rifeensa keenya akka harcaasnu nu taasise isa akka Afrikaa naannoo mudhii lafaa irratti of qabbaneessuuf dhalli namaa sochii taasisaa tureen dhiibbaa caaludha jedhu.
Boodarra sanyiin qaccee geeddaramaa dhufee gara duubaattii deebisnee rifeensa biqilchuu nu dhorkuu hin oolle.
Namoonnii wayyaa ho'u fayyadamuu fi mala garaagaraa ho'aa fi dilallaa'uu qaamasaanii to'achuu danda'aniiru jetti.
Namoonni naannoo qorraa jiraachuutiin qaamni isaanii itti madaquu jalqabaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Maark Paagel immoo waayila isaanii Wooltar Boodmar wajjiin tahuun Yunivarsiitii Oksifardiitti dhimma kanaaf ibsa biraa kennaniiru.
''Naannoo keenya yoo ilaalle ilbisoonni qaama keenyarra buufatan har'allee rakkoo nutti uumaa jiru, bookee dhukkuba baattu dabalatee jechuu dha,'' jedhu Paagel.
Ilbisonni kunneen qaama rifeensa qaburratti qubachuufi hanqaaquu isaanii achirratti wal-horuun beekamu jedhan. Isaan ofirraa qolachuuf jechadha kan nuti rifeensa keenya dhabne jedhu.
Tiinaan garuu akkas taanaan rifeensa ofirraa hurgufuun kuni sanyii bineensota kaan kanneen akka chimpaanzii fa'irratti mul'achuu qaba ture jechuun, dubbii kana godaansaafi namoonni wayyaa qaamasaanii qorra irraa eegu bineensota rifeensa qabaniirra hojjetachuu jalqabuu fa'i wajjiin wal-qabsiisu.
Rifeensa qaama saalaa namaarratti biqilu ammoo bu'aa jijjiirama tirannaa kan biraa irraa kan hafe ykn immoo haftee sanyii akaakilee keenyaa foolii qaamaa fayyadamuun walii galan tahuu mala garuu kanaaf sanyii namootaa irraa ragaan hin jiru jedhu.
Walumaagala yaad-rimeewwan gama garagaraan keennamaniin alatti mirkanaan kanatu rifeensa dhala namaa harcaasee rifeensa qaamasaarraa amma qabu kan baayyee xixiqqoofi kutaalee qaamaa muraasaan alatti iddoo kaanitti hin mul'anne akka qabaatu taasise kan jedhu hin beekamu.












