Biyya hundeessuuf ulaagaalee murteessoo ta'aniifi dhimma Somaalilaand

Somaalilaand keessatti agarsiisa gaalaa

Somaalilaand bara 1991 Somaaliyaarraa adda ba'uun ofiin of bulchuu eegaltus hanga ammaa akka biyyaatti beekamti idil-addunyaa hin arganne.

Garuu buufata galaanaa isheef jecha biyyoonni isheetti dhihaatan hedduudha.

Ofii biyya ta'anii of danda'anii dhaabbachuuf maaltu barbaachisa ?

Eenyutu beekamtii kenna?

Ulaagaalee afran

Ogeeyyiin idil-addunyaa biyyi tokko kan isheen irratti ijaaramtu ulaagaalee afur- uummata, daangaa, mootummaafi birmadummaa eeggattee biyyoota ollaa waliin hariiroo dippiloomaasii uumuu danda'uu isheeti jedhu.

Uummata yeroo jedhamu ulaagaa kamiin utubaa akka ta'e ifatti kaa'uu baatanis, ogeeyyiin gariin uummata dhaabbataan bakka tokko jiraatan, eenyummaa tokko qaban ta'uu ibsu.

Landan, Mana-barumsaa Ikkonoomiksiitti seera idil-addunyaa kan barsiisu Jeems Irviing, ''walitti hidhamiinsi qabatamaan, qabiyyeen waliinii, yaadiifi eenyummaan waliinii uummata sana gidduu jiraa?'' jechuun gaafata.

''Fedhiin waliinii qabatamaan amma hojiirra oolaa jiru kan uummata sana walitti hidhu jiraachuu qaba,'' jedha.

Utubaanbiyyi tokko ittiin ijaaramtu kan biraan daangaa beekamaa qabaachuusheeti. Iddoowwan daangaashee keessatti argaman irratti birmadummaa mirkana ta'e qabaachuudha.

Mootummaa hojiirra jiruu fi bu'uura jabaarratti ijaarame akkasumas tasgabbaa'aa ta'e qabaachuunis ulaagaa isa ijoo biyyummaan bulchiinsa tokkoo ittiin mirkanaa'uudha jedhu ogeeyyiin damee kanaa.

Dhimmi murteessaan kaan ammoo dandeettii biyyi tokko biyyoota ollaa fi kaan waliin hariiroo dippiloomaasii uumuurratti qabduudha.

Biyyoota waliin hariiroo uumtee fayydamuu dandeenyaan biyyi tokko birmaduudha jechuu dandeenya.

As keessatti ijoon dubbii biyyi birmadummaa qabdu tokko biyya biraa irratti hirkachuu yookiin biyya biraaf bitamuu akkasumas mootummaa biyya biraan buluu hin qabdu.

Beekamtii eenyutu kenna? Akkamiin?

Biyyoonni dhuunfaadhaan beekamtii waliif kennuu danda'u. Garuu beekamtii Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) kennutu gatii guddaa qaba.

Faayidaansaa heddu: Eegumsa seeraa idiladdunyaa argachuu, Baankii Addunyaa fi IMF irraa liqii argachuu, daangaa ofii jabinaan to'achuu fi carraa neetwoorkii diinagdee keessa galuu fa'a.

Dabalataan eegumsa seeronni daldalaa taasisanirraa fayyadamuu fi waliigaltee daldalaa hunda taasisuufis fayyada.

Garuu beekamtii UN malee biyya ta'anii itti fufuun danda'amaa?

Biyya UK yuniversitii Keelitti barsiisaa barnoota Hariiroo Idiladdunyaa kan ta'an Rebecca Richards, ''biyya kan fakkaattu yookiin akka biyyaatti kan of ibsitu jenna. Beekamtiin sun waan hanqatuuf,'' jedhan.

Dhimma Somaalilaand

Uummanni Somaalillaand keessa jiraatan guyyaa itti walabummaasaanii labsatan wayita kabajan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uummanni Somaalillaand keessa jiraatan guyyaa itti walabummaasaanii labsatan wayita kabajan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka biyyaatti of lakkaa'uun kan of bulchitu Somaalilaand hanga yoonaa beekamtii UN hin arganne, kanaaf biyya jedhamtee hin waamamtu.

Baha Afrikaa keessaa bulchiinsa Biriiteen jala kan turte Somaalilaand, bara 1960 Somaaliyaa Xaaliyaanii jala turte waliin walitti dabalamuun biyya tokko ta'uu dura guyyaa afuriif biyya mataashee dandeesse taatee turte.

Hanga mootummaan Somaaliyaa bara 1991 diigamutti qaama Somaaliyaa turte.

Bara sanarraa eegaltee garuu Somaalilaand sagalee tokkoon walabummaashee labsatte.

''Mootummaa jabaa haala amansiisaa ta'een ittiin bultu kan mataashee qabdi,'' jedhan Dr Rebecca Richards.

''Yeroo garaagaraatti filannoo dimokiraatawaa walitti aansitee gaggeessiteetti. Naga qabeessaa fi tasgabbaa'aa ture. Guddina diinagdee amansiisaa ta'e galmeessisaa jirti. Waan biyya tokkorraa eegamu hunda irraa argina,'' jedhan ogeessi kun.

Uummata miiliyoona 3.5 qabattee Gaanf Afrikaa handaara galaanaa diimaa kan jirtu Somaalilaand, tasgabbii, bulchiinsa dimokiraasii fi sochii diinagdeen biyyoota Afrikaa hedduu gadi miti.

Maallaqa, paaspoortii, humna waraanaa fi seera ittiin bulmaataa kan mataashee qabdi. Pirezidnatii filannoo karaa dimokirasiin gaggeeffameen argattes qabdi.

Alaabaa mataashee kan halluu magariisa, adii fi diimaan faayames qabdi.

Garuu beekamtii qofa dhabde, isheenis hunda caalaa kan argachuu barbaaddu isa kana.

Sababa beekamtii dhabdeen gabaa addunyaatti ba'uu rakkatte, osoo balballi gara addunyaatti ishee baasu hedduun jiru beekamtii dhabuun haguugamtee teessi.

Haata'u malee Somaalilaand UN irraas ta'e qaama kamirraayyuu beekamtii hin arganne. Kun ammoo jireenyi uummata biyyattiitti akka ulfaatu taasiseera.

''Carraan biyyattiin deeggarsa misoomaa yookiin deeggarsa namoomaaf qabdu akkaan dhiphaadha. Yoo argattes garuu, fakkeenyaaf gargaarsi UN irraa dhufuuf karaa Somaaliyaa seenaaf,'' jedhan Dr Richards.

Golgaa seeraa osoo hin gonfatin daldala idiladdunyaatti seenuun baayyee ulfaata.

Maallaqi Somaalilaand daangaa keessaa ba'ee jennaan beekamtii waan hin qabneef addunyaarratti gatii hin qabu.

Daangaa seeraa

Yaad-rimeen biyya ta'uu yaada ''hiree ofiin murteeffachuu'' jedhurraa eegale.

Galmeen jechootaa Afaan Ingilizii- Oksifoord yaad-rimee kana akkanaan hiika: Gochi kun wayita uummanni mootummaa ofii isaa hundeeffachuuf murteessu, biyya ta'uuf walaba ta'ee kutannoo agarsiisu fi sanas akka mirgasaa bu'uuraatti falamtuudha.''

Mirgi kun Chaartara UN bara 1945 ba'e keessatti tumamee taa'eera.

Mirgi hiree murteeffannaa duraan sochii uummanni biyya tokkoo waanjoo kolonii ofirraa fonqolchuuf taasisu yookiin hariioo kolonii duraanii akkasumas biyya biraa waliin uummachuuf qabsoo taasisutti hiikamaa ture.

''Namni hedduun yaadi kun akka gaarii ta'etti hubata,'' jedhan Dr Irviin.

''Garuu maal jechuu akka ta'e (hiika isaarratti) namni hunduu kan waliigale hin fakkaatu.''

Uummanni kolonii jala jiru tokko biyyasaarratti abbaa ta'uu yoo barbaade, akkaataa qajeeltoo yaad-rimee hiree ofii ofiin murtaachuutiin mirga guutuu qaba.

Biyyoota addunyaarra jiran keessaa tokko sadaffaan haala kanaan sirni bulchiinsa isaanii jijjiirameera.

Bara 1945 biyyoonni beekamtii UN qaban 51 turan, yeroo ammaa miseensonni UN 193.

Hiree murteeffannaan amma waan hedduun qorama.

Ogeeyyiin seeraa idiladdunyaa hedduun uummanni tokko waanjoo kolonii jalaa ba'ee erga biyya ofii bulchuu eegalee booda bulchiinsarratti ammas dhimmi qormaata ta'u jiraachuu himu.

Erga koloneeffattoota jalaa walaboomaniis gargar ba'uun yookiin walirraa fottoquu fi daangaa ture jijjiiruun dhimmoota ijoo addunyaa raasaa jiraniidha.

Kun yaad-rimee hiree ofii murteeffachuu kan luugamee qabeedha.

''Yaadota kunneen lameen akkamiin walitti araarsina: daangaan geeddaramuu hin qabu kan jedhuu fi uummanni hireesaa murteeffachuuf mirga qabu?'' jechuun gaafata dhaabbata barnootaa LSE jedhamutti qorataan dhimma siysaasa Kibba Baha Awurooppaa Jeemsi Keer-Liindisee.

Ofiin of bulchuu

Biyya of dandeessee ofiin of bulchu jalaa ba'uu kan barbaaduuf akka furmaataatti kan taa'ee jiru, hanga beekamtii argatani biyya ta'anitti ofiin of bulchuu akka danda'aniidha.

Haalli kun dhimma Kosoovoo sirriitti ibsa.

Wayita Yuugoslaaviyaan diigamtu, rippaablika ja'aan bakka buufamte. Keessaa tokko Sarbiyaadha.

Koosoovoon bulchiinsa daangaa Sarbiyaa keessa olteedha. Garuu uummanni isaanii adda. Gosti isaanii of danda'anii of bulchu.

Koosoovoon yoo of dandeessee biyya taate daangaan Sarbiyaa ni jijjiirama. Daangaan ishee kabajamuu dhaba.

''Deebiin jalqabaa hawaasa idiladdunyaa Koosoovoon biyyuma Sarbiyaa keessatti hammatamtee mirga hiree ofii murteeffachuu qabdi jechuu ture,'' jedhan Dr Keer-Liindisee.

''Kun bulchiinsota Sarbiyaa keessaa tokko. Akka rippaabilka warra kaanii walabummaashee labsattee biyya ta'uuf mirga hin qabdu. Warri Koosoovoo karaa nagaan walabummaasaanii labsachuu akka hin dandeenye wayita baran fincilatti seenan,'' jedha ogeessi seeraa idiladdunyaa kun.

Aanga'oota Sarbiyaa waliin walitti bu'an, hanga bara 1999 Nato'n gidduu seenuutti ga'e.

Isa booda bara 2008 Koosoovoon sagalee tokkoon walabummaashee labsatte.

Sarbiyaan kun seeraan ala jechuun dhimmicha qaama seeraa UN kan dhimma seera idiladdunyaa ilaalu- International Court of Justice jedhamuun ga'atte.

''Garuu gaaffiin Sarbiyaa jala dhaabbate tokkotu ture. Koosoovoon walabummaashee yoo labsatte seera idiladdunyaa sarbu qabaa?'' kan jedhu jedhe Dr Keer-Liindisee.

''Manni murtii kun seera idiladdunyaa jalatti kan bulchiinsi tokko walabummaashee labsachuu hin dandeessu jedhu hin jiru jedhe.''

Garuu biyyi tokko akka biyyaatti beekamtii argachuuf gaaffiin seeraa hagas mara dhokataa fi walxaxaa miti, wanti guddaan beekamtii UN argachuudha.

''Fakkeenyaaf Koosoovoon biyyoota miseensota UN ta'an keessaa walakkaa olirraa beekamtii argatteetti. Garuu sababa UN akka dhaabbataatti beekamtii hin kennineef hanga ammaa biyya birmaduu hin taane,'' jedhu Dr Richards.

Michuuwwan cimoo qabaachuu

Gurmuun tokko walba ta'ee of bulchuuf darbees mirga abbaa biyyummaa gonfachuuf michuu jabaa qabaachuun murteessaadha.

''Deeggarsa biyyoota ciccimoo yoo hin arganne bulchiinsa walabaa yookiin biyya of dandeesse ta'uun hin yaadamu,'' jedha Yuniversitii US Kileviilaand keessatti pirofeesara seeraa kan ta'e Mileenaa Isteeriyoo.

Maarree bulchiinsonni yaada biyya ta'uu qaban biyyoonni ciccimoo ta'an akkasaan tumsaniif maal isaan gaafata?

Fakkeenyaaf Timoor Bahaa hanga bara 1960ootaatti wayita kolonii Poorchugaal jala turte Indoneshiyaadhaan weeraramtee turte.

Warri Indoneshiyaa michummaa cimaa US waliin qabu, keessatti yeroo Waraana Hololaa.

Kanaaf sochiin warri Timoor Bahaa walabummaasaaniif taasisan deeggarsa jabaa hin qabu ture.

Kun Waraanni Hololaa obba'uu booda hanga bara 1990oota keessaa qofatti. Wayita kana warri lixaa (huma qaban) xiyyeeffannaasaanii gara Timoor Bahaa deebisan. Komiyuunizimiin waan kufeef michummaa Indoneshiyaas ni dhaaban.

Warri Timooor haala kanaan bara 1999 walabummaasaanii gonfachuuf filannoo uummataa gaggeessan, bara 2002 mirkaneeffatan.

Haalli jiru osoo hin turin jeequmsi ka'e, tumsi siyaasaa UN ishee barbaachise akkasumas nagaa eegsistooonni idiladdunyaa gidduu seenuuf dirqaman.

Haalli Ispeen keessa ture garuu addadha. Akkaataa seera idiladdunyaa amma jiruun warri Kaatalooniyaa mirga hiree murteeffachuu qabu, garuu ogeeyyiin seeraa idiladuunyaa akka jedhanitti abdiin isaan qaban ofiin of bulchuu malee biyya ta'uu miti.

Sababni isaa Ispeen daangaashee eeggachuuf mirga guutuu waan qabduuf.

Haala kana keessatti uummanni walabummaa gonfachuu yoo sagaleesaan mirkaneesse maaltu ta'a?

''An kan natti mul'atu yoo waliin mari'atanii, Katalooniyaan Ispeenuma jalatti bulchiinsa ofiishee uummattee turte wayya,'' jedha Pirofeesar Isteeriyoon.

Ispeen biyyoota lixaa Koosoovoof beekamtii hin kennine keessaati, sababni isaas haalli kun qe'eesheettis akka hin dhufne waan sodaattuuf.

Somaalilaand ammoo bara 1991 walabummaashee labsatte, garuu biyya beekamtii isheef kenne hin arganne.

UN irraas beekamtii hin arganne, garuu bulchiinsa, diinagdee fi dippiloomaasii cimaa kan mataashee qabdi.

Somaalilaand tibbana dhimma carraa ulaa galaanaa ilaalchisee Itoophiyaa waliin walhubannoorra ga'uu wayita ibsitu, Itoophiyaan akka biyyaatti beekamtii akka kennituuf kan carraa isheef banu ta'uu ibsiteetti.

Itoophiyaanis yaada gama Somaalilaandiin dhihaatu kana akka qooddattu ibsiteetti.

Yaadi beekamtii kennuu fi argachuu kun hunda caalaa kan dhukkubse Somaaliyaadha.

Somaaliyaan ammallee Somaalilaand akka bulchiinsa ishee tokkootti hubatti.