'Rakkoo naannoo Amaaraa karaa nagaan furuuf ammallee carraan jira'- Mootummaa

Magaalaa Baahirdaar

Naannoo Amaaraatti labsiin yeroo muddamaa akka labsamuuf sababa kan ta'e, walitti bu'iinsi humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota faannoo gidduutti deemaa jiru, marii karaa nagaan furmaata argachuu akka danda'u mootummaan ibse.

Hojiiwwan waggaa kana keessa hojjete wayita gabaasu yaada kana kan eere Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa, rakkoo kana furuuf tattaaffii taasisaa akka jiru ibseera.

Mootummaan federaalaa humni addaa naannolee diigamuun miseensonni gara raayyaa ittisa biyyaa fi caasaalee nageenyaa biyyattii garaagaraatti akka makaman wayita murteessu rakkoon kun dhalate.

Naannoo Amaaraatti diigamuu caasaa humna addaa irratti mormii ka'een hookkarri dhalate yeroo ammaa sadarkaa yaaddessaarra ga'ee jira.

Walitti bu'iinsi humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota faannoo gidduutti hammaate humna idilee naannochaan to'atamuu wayita dadhabamu, naannochi mootummaa federaalaa deeggarsa gaafate.

Kana hordofuun manni maree ministeerotaa dhuma torbee darbeerratti labsii yeroo muddamaa labse.

Daarektarri Tajaajila Nageenya Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa akkasumas Walitti qabaan Ajaja Waliigalaa Qajeelfama Labsii Yeroo Muddamaa Obbo Tamasgeen Xurunee Dilbata darbe wayita ibsa kennan, humni hidhate kun magaalota aanaalee fi godinoota naannochaa garii to'achuu himan.

Humna hidhatee naannocha keessa socho'u kun mootummaa naannoo fi federaalaa humnaan kuffisuuf karoora akka qabus eeran.

Jaarmiyaan tikaa hojiirra oolmaa labsii kanaa qindeessu ibsa Wiixata kaleessaa galgala baaseen, hojiiwwan barbaachisoo ta'an hundayyuu raawwacha jiraachuu ibse.

''Rakkoo kana karaa mariin furuuf ammallee ulaan banaadha,'' jedhe ibsi kun.

Haata'u malee karaa kanarraa dabuun saamicha raawwachuuf garee qindaa'e waliin kanneen socho'an irratti tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamuu fi hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta'uu ibse.

Karaa marii nagaa tuffatanii humnaan aangoo mootummaa duunfachuuf kanneen yaalan, akkasumas hookkara uumame akka carraatti fayyaadamuun saamciha raawwachuuf kan deeman, ''humnoonni hidhatan, mankaraaristoonni fi finxaaleyyiin humnoota biyya alaa farreen nageenyaa ta'an waliin hojjetan, yaaddoo nageenyaa ta'aa jiru,'' jechuuun ibseera jaarmiyaan tikaa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rakkooleen naannoo Amaaraa karaa nagaatiin akka furamaniif kanaan dura dhaabbilee mootummaa, jaarsoolii biyyaa fi abbootii amantaa waliin yaaliiwwan adda addaa taasifamu kan eeree tajaajilli Odeeffannoo fi nageenya biyyaaleessaa, ta’us rakkinichaaf furmaata argachuun akka hin danda’amne ibseera.

‘‘Humnootii saamichaaf ijaaraman muraasa’’ kan jedheen, ammaan tana caasaaleen mootummaa akka diigaman, tajaajilli dhaabbilee maallaqaa akka adda citan, bu’uuraaleen misoomaa daandiilee akka cufaman taasisuun, ummata irratti dhiibbaa kallattii hedduu uumuudhaaf yaalii taasisaa jiru jedheera.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa rakkoo naannichaatti mudate karaa mariitiin furuudhaaf mootummaan fedhii akka qabu ibsulleen, haalicharratti garuu gadi fageenyaan kan jedhe hin jiru.

Haalli nageenyaa Naannoo Amaaraa keessaa badaa adeemuusaa hordofee dhaabbileen amantaa, paartiileen siyaasaa fi waldaaleen siiviilii dhimmichi karaa mariitiin akka furamuf ibsawwan baasuun qaamolee hundaaf waamicha taasisaniiru.

Walitti bu’iinsii humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota Faannoo jidduutti gaggeeffamaa turee fi walitti dhukaasuu gaggeeffamuu, keessattuu magaaloota keessatti akkuma itti fufeetti jiraachuu BBC Amaariffaa Wiixata kaleessaa jiraattoonni dubbise mirkaneessaniiru.

Jalqaba torban darbe irraa qabe walitti bu’iinsa cimaa dhufeen magaala guddoo naannichaa kan taate Baahir Daar dabalate magaaloota godinaalee keessatti sochiin danqameera.

Daandiileen waan cufamaniif sochiin geejjibaa danqamaa kan jiru yoo ta’u, wallakkeessa torban darbee irraa kaasuun Daandiin Qilleensaa Itoophiyaas eddoowwan naannichatti balaliinsa idilee taasisu keessaa bakka sadiitti balaliinsa haqeera.

Labsiin yeroo mudaamaa dhuma torban darbee irratti labsamee raawwachiisuuf kan ijaarame Izziin qajeelcha waliigalaa, hojii seeraafi sirna kabachiisuu irraa raawwachiisuun naannichi yeroo gabaabaa keessatti gara sochii idileesaatti akka deebii’u akka taasisuu beeksiiseera.

Izziin qajeelacha waliigalaa yeroo muddamaa kan naannoon Amaaraa, raayyaan ittiisaa, tajaajilli odeeffannoofi nageenya biyyaaleessa, poolisiin federaalaa, paartiin Badhaadhiinaa fi tajaajilli komunikeshinii keessatti argaman naannichatti seeraafi sirna kabachiisuuf akkasumas hojiiwwan caasaalee mootummaa fi paartii deebiisee cimsuu akka raawwatu ibseera.

Manni Maree Ministirootaa labsii yeroo muddamaa baatiiwwan itti aanan jahaaf hojiirra oolfamu jechuun Hagayya 4, 2023 darbe labseen torban lama keessatti mana maree bakka bu’oota ummataatiin ragagasiifama jedhamee eegama.