Dhaabbati Fayyaa Addunyaa haalli naannoo Amaaraa isa yaaddessuu hime

Daarektara Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom

Madda suuraa, Getty Images

Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunaa Dr Teedroos Adihaanoom walitti bu'iinsi naannoo Amaaraa keessatti hammaataa jiru dhaabbatasaanii akkaan yaaddessuu himan.

Hookkara naannichatti dhalateen daandiiwwan waan cufamaniif akkasumas tajaajilli interneetii waan adda citeef, deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu fi haala naannocha keessa jiru hordofuun ulfaataa ta'eera jedhan Dr Teedroos.

Qondaalli fayyaa addunyaa kun barreeffama yaadda'uusaanii ibsu tuwiitarii isaaniirratti kan maxxansan, wayita naannoo Amaaraatti walitti bu'iinsi hidhattoota fi humna nageenyaa mootummaa gidduutti hammaatee jirutti.

Kutaalee naannichaa hedduu keessatti walitti bu'iinsa adeemaa jiruun geejjibi lafoo fi qilleensaa danqameera.

Sababa kanaan tajaajilli interneetii adda citeera, magaalotaa fi iddoowwan garii hidhattoonni to'achuu hooggansi Labsii yeroo Muddamaa ibseera.

Walitti bu'iinsi naannoo Amaaraatti yeroo dhihoo as dhalate akkaan erga hammaatee booda mootummaan naannichaa humnasaa ol ta'uu ibsuun mootummaan federaalaa gidduu seeneera.

Adeemsa seera kabachiisuu karaa idileen nageenya naannocha keessatti mirkaneessuun hin danda'amne jechuun, Pireezidantiin naannochaa Yiliqaal Kaffaale (PhD) mootummaan federaalaa akka gidduu seenee seera kabachiisu xalayaadhaan gaafatan.

Kana booda Manni Maree Ministeerotaa Jimaata darbe Labsii Yeroo Muddamaa ji'oota ja'aaf turu naannoo Amaaraa keessatti labse.

Ajajaa fi qajeelfama labsiin kun ittiin raawwatamus boceera.

Ajaji labsii yeroo muddamaa kun hojiisaa kanaan naannichi yeroo gabaabaa keessatti gara nagaa fi sochii idileetti akka deebi'uuf hojjetaa akka jiru hime.

Haata'u malee Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom, walitti bu'iinsi dhalate kun fayyaa hawaasaa irratti balaa kan uumuu fi sirni kenniinsa tajaajila fayyaa waliigalaa kan gufachiisu ta'uu ibsuun, kun akkaan isaan yaaddessuu himan.

Dr Teedroos deeggarsi fayyaa hawaasarraa akka hin cinnee fi dhaabbatisaaniis jaarmiyaalee deeggarsaa kaan waliin ta'uun tajaajila barbaachisaa kennuurratti akka hin gufanneef, sirni tajaajila fayyaa naannochaa xiyyeeffannoon eegamuu qaba jechuun dhaaman.

''Hunda caalaa nagaan akka bu'u dhaamna,'' jedhan Dr Teedroos Adihaanoom.

Waraanni waggoota lamaaf kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessatti tajaajila fayyaa akkaan miidheera.