Obbo Kiristiyaan Taaddala humnoota nageenyaan to'annoo jala oolan

Obbo Kiristiyaan Taaddala

Madda suuraa, Getty Images

Miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataafi mana marichatti walittiqabaa koree bulchiinsaa fi to'annoo baasii mootummaa kan tahan Obbo Kiristiyaan Taaddala Jimaata galgala Hagayya 4,2023 humnoota nageenyaan mana isaanii irra fudhatamuu maatiin BBCtti himaniiru.

Jimaata galgala sa'atii 3:30 irratti poolisoonni uffata dambii poolisii federaalaa keewwatan bakka bu'aa paartii Warraaqsa Uummata Amaaraa(ABIN) Obbo Kiristiyaan Taaddala mana jireenyaa isaanii Finfinnee jiruutii 'humnaan ukkamsanii' fudhachuu maatiin ibsaniiru.

Miseensonni poolisii federaalaa ''mooraa irraan utaalanii,'' gara mana isaanii galuuniifi Obbo Kiristiyaaniifi mi'oota tokko tokko fudhachuu haati warraa Obbo Kiristiyaan Aadde Zaabishworq Kaasaa BBCtti himan.

Yeroo qabamanitti Obbo Kiristiyaan, ''ani nama seera qabeessa dha, maaliif na barbaaddu? jedhee yeroo isaan gaafatu, poolisoota keessaa tokko bunyaadhaan isa dhahe jechuunis dubbatan.

Miseensi poolisii biraan ammoo gara manaa seenuun, ''paaspoortii maatii funaantee fudhatte,'' jedhan.

Poolisoota lamaan alatti warri kaan uffata dambii poolisii kan uffatan tahuu maatiin Kiristiyaan dubbatu. ''Haala jiru hubachiisuuf yaallus meeshaa nutti qabanii nu akeekkachiisan,'' jedhan.

Sambata har'aa ganama sa'atii 2:30tti Obbo Kiristiyaan fudhatanii manatti deebi'uun mana sakatta'aa akka turan maatiin himaniiru.

''Poolisonni har'aa naamusa qabu,'' kan jedhan maatiin iddoo maatiifi ollaan Obbo Kiriistiyaan jiranitti sakatta'insa erga taasisaniin booda mallatteessisaniin isa fudhatanii deeman jedhan.

Naannoo Amaaraa Obbo Kiristiyaan itti filatamanitti guyyoota darban keesstti rakkoo nageenyaa uumameen labsiin yeroo muddamaa kaa'ameera. Nageenya naannichaa mirkaneessuufi heera biyyattii kabachiisuuf poolisiin federaalaa tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu beeksiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Kiristiyaan humnoota nageenyaan yeroo to'ataman miseensa paarlaamaa tahuu isaaniin mirgi himatamuu dhabuu isaanii ka'uufi dhiisuunsaa akkasumas to'atamuun isaanii labsii yeroo muddamaa waliin wal-qabachuusaa irratti waan beekame hin jiru.

Ministirri Dhimmoota Koominikeeshinii Dr Laggasa Tulluu Sanbata har'aa ibsa kennaniin labsii yeroo muddamaa kaa'amuun wal-qabatee tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministirichi akka jedhanitti Jimaata kaleessaa qabee, ''humnooti dhimmichaa waliin hidhata qaban akkasumas karaa adda addaan rakkoo kana hammeessan irratti to'annoon taasisuun jalqabeera,'' jechuun qaamni labsii yeroo muddamaa raawwachiisu tarkaanfii fudhatus guyyoota aananitti akka beeksisu himan.

Obbo Kiristiyaan rakkoon nageenyaa naannoo Amaaraa yeroo hammaatee jirutti, ''bulchiinsi Abiy Ahimad weerara uummata Amaaraa irratti taasisuufi ajjeechaan namoota nagaa atattamaan akka dhaabbatu nan yaadachisa,'' jechuun humnooti kaanis gochaa kana akka balaalefatan gaafatanii turan.

Maree yeroo dhihootti paarlaamaatti taasifameen Obbo Kiristiyaan ministira mummee biyyattii ''aangoo gadhiisaa'' jechuu isaaniin miseensota Paartii Badhaadhinaanillee yoo qeeqaman dhagahameera. Miidiyaa hawaasaa irratti dhimmoota mootummaa qeeqan barreessu.

Gama biraan miseensa mana maree magaalaa Finfinnee kan tahan Dr Kaasaa Tashaagar halkan qixxee, ''nuti miseensota poolisii dha mana bani jedhamaan jira,'' ergaa jedhu barreesanii turan.

Ergasii maaltu uumame kan jedhu hubachuuf yaaliin BBC'n taasise hin milkoofne.