'Labsiin Yeroo Muddamaa mirgoota namoomaa kan bu'uuraa daangessuu hin qabu' -KMNI

Komishinera Komishinii Mirgoota Namoomaa, Dr Daani'eel Baqqalaa

Madda suuraa, GERMAN AFRICA FOUNDATION

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa Labsiin Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraatti labsame karaa mirgoota namoomaa bu’uuraa hin sarbineen hojiirra akka oolu gaafate.

Komishinichi qaama mootummaa naannoo Amaaraa fi federaalaa dhimmi isaan ilaallatu waliin dubbachuun hojjechaa akka jiru himuun, kabaja mirga namoomaa naannicha keessaas hordofaan jira jedhe.

Komishinichi manni maree ministerotaa naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labsuu hordofee ibsa kana kenne.

Mirgoota namoomaa akkaataa heera mootummaa Itoophiyaatti hin daangofnee fi kanneen akka seera idil-adunyaatti Itoophiyaan waliigaltee mallattesite daangeffamuu akka hin qabne ibsa baaseen himeera.

Tarkaanfiin fudhatamu namoota nagaa irratti karaa miidhaa dabalataa hin fidnee fi haala amma naanichi keessa jiru karaa hin hammeesineen tahuu qaba jedhe.

Naannoo Amaaraa keessa buqqaatotni kumaatamni sababa waraana Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaa oliif tureen qe’ee isaanii irraa buqqa’an, rakkoo nageenyaa naannoo Lixa Oromiyaan buqqa’uun gara naannichaa kan galanii fi waraana Sudaan baqachuun gara naannichaa seenan jiru.

Komisiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas walitti bu’nsi naannichatti dhalate baqattootaa fi kanneen biyya ollaa irraa baqachuun koolugaltummaa gaafatan kumaatama rakkoo irra buusa jedhe.

Itti dabaluun, qaamoleen wal dhaban hunduu gara marii nagaatti dhufuun rakkina uumame akka furaniifis gaafateera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessatti ji’a Eblaa keessa mudate ni fooyya’a jedhamee eegamus, walakeessa ji’a Hagayyaa irraa eegaluun babal’achuun namaa fi tajaajiloota adda addaa irraan miidhaa geessisaa jira jedhe.

‘’Bakka tokko tokkotti namoota nagaa irratti haleellaan raawwatee, qabeenya isaanii irras miidhaan dhaqabeera. Tajaajilli hawwaasaa fi geejibaa adda cituu, dhiyeenya ammoo tajaajilli interneetii adda cituu quba qabna jedhe.

''Lammiileen bilisaan socho’uun hojjetatanii galuu akka hin dandeenyee fi bakkeewwan tokko tokkotti ammoo uggurri sochii kaa’amuu hubanneerra.’’

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudate hordofee manni maree ministerotaa Labsiin Yeroo Muddamaa naannicha keessa hojiirra akka ooluuf labseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo Amaaraa walitti bu’insi humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu hammaatetti Labsiin Yeroo Muddamaa kan labsame Jimaata kaleessaa Adoolessa 4, bara 2023 dha.

Kunis naannoon Amaaraa rakkoo nageenyaa isa mudate karaa humnoota nageenyaa idileen ol aantummaa seeraa kabachiisuun humna isaan ol tahuu erga mootummaa federaalaatti beeksisee kan darbedha.

Waajjirri MM Abiy ibsa baaseen sababa Labsiin Yeroo Muddamaa barbaachise yeroo ibsu ''sirna heera kabachiisuu kan balaarra buuse,'' jechuun ibse.

''Sochiin seeraan ala naannichatti hidhannoon deeggarame sirna seeraa kabachiisuu idileetiin to’achuun sadarkaa hin danda'amnetti ce'uu,’’ beeksise.

Walitti bu’insii fi muddamni naannoo Amaaraa keessaa yeroo mootummaan federaalaa humna addaa naannolee irra deebiin caasessuuf murteessee hojiitti gale dabalaa dhufe.

Humni addaa naannoo Amaaraa ‘’hiikkachuu hin qabu’’ jechuun mormiin naannicha keessaa dabalaa dhufuun humnoota nageenyaa mootummaa federaalaa waliin walitti bu’insi jalqabe.

Haalli naannicha keessa jiru maal fakkaata?

Sababa rakkoo nageenyaan balaliiwwan xiyyaaraa gara naannichaatti taasifaman keessaa yoo xiqqaate iddoowwan lamatti kan taasifaman haqamaniiru.

Bakkeewwan naannichaa garagaraatti walitti bu'iinsi mudachuun lubbuun darbuufi qabeenyi manca'uu BBC'n jiraattotarraa odeeffateera.

Walitti bu’iinsa torban kanas ittifufeen hidhattoonni naannichaa Faannoo jedhamuun beekaman bakkeewwan naannichaa garagaraa to’achuu himatu.

BBC’n waan adda baafate hin qabu.

Magaalaa guddoo naannichaa kan taate Baahir Daar keessa haalli nageenyaa jiru tasgabbaa’aa ta’uu kan himan jiraataa BBCn gaafate tokko, sochiin adda ta’e akka hin jirreefi jireenyi idilee akkuma duraan turetti itti fufee jiraachuu dubbataniiru.

Haalli magaalaa Gondar keessa jirus tasgabbaa’aadha kan jedhan jiraataan magaalichaa, galma magaalattii bakka tokko tokkotti garuu darbee darbee dhukaasni akka dhaga’amu ibsaniiru.

Laalibalaattis akkuma kana dhukaasni dhaga’amaa kan hin jirre yoo ta’u, sochiin walitti bu’iinsaa akka hin jirre Jimaata kaleessaa jiraattonni BBC'n dubbise himaniiru.

Guyyoota darban keessa nageenyi boora’e hammaachaa deemuu hordofee naannicha bakka baay’eetti tajaajilli interneetii addaan cituu jiraattonni ibsaniiru.

Walitti bu’insi humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti deemaa jiruun jireenya idilee bakka gara garaatti danqeera.

Sochii humnoota mootummaa dhorkuudhaafis dargaggoonni daandiiwwan cufuu isaanitu gabaafame.

Rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiru kan isaan yaaddesse biyyoonni akka Ameerikaa, Kanaadaa, Yunaayitid Kingdam fi Austiraaliyaa lammileen isaanii gara naannichaa akka hin imalle gorsan.

Yoo duraan achi keessa kan jiran ta’e ammoo akka of eeggannoo taasisan, akkasumas deemuudhaaf warri barbaadanis gorsa akka gaafataniif hubachiisaniiru.

Itoophiyaan waraana naannoo Tigiraayitti jalqabee gara naannolee ollaa akka Amaaraa fi Affaaritti babal'atee waggoota lamaaf ture waliigaltee nagaan xumurtee osoo hin turiin rakkoo nageenyaa biraan naannoo Amaaraa keessatti ishee mudate.

Naannoo Oromiyaa keessumaa gara Lixaa, Kibbaa fi Giddugaleessaattis rakkoo nageenyaa erga mudatee bubbuleera.

Mootummaan Itoophiyaa wal dhabdee ABO-WBO, kan naannoo Oromiyaa keessa socho'an waliin karaa nagaa xumuruuf marsaa duraa Taanzaaniyaa Odola Zaanzibaaritti taa'ame osoo waliigaltee irra hin gahiin achumaan barfate.

Amma immoo walitti bu'insa qaama hidhate naannoo Amaaraa keessa karaa seeraan alaa socho'uu fi qaama nageenyaa mootummaa gidduutti uumameen muddamni guddaan dhalateera.