Waa'ee rakkoo naannoo Amaaraatti mudate hanga ammaa maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Amaaraa magaalota adda addaa keessatti mormiifi walitti bu’insi mul’achuu erga jalqabee ji’ootni lakkaa’amaniiru.
Ji’a Caamsaa keessa humnoota addaa naannolee irra deebiin gurmeessuun gara caasaa nageenyaa Federaalaa fi raayyaa ittisa biyyaatti makuun erga jalqabee magaalota naannoo Amaaraa tokko tokko keessatti muddamniifi mormii dhalateera.
Magaalota naannichaa adda addaa keessatti mormiin ka’e ‘’humni addaa naannoo Amaaraa hidhannoo waraanaaa hin hiikkatu’’ dubbii jedhuun ture.
MM Abiy Ahimed ‘’tokkummaa Itoophiyaaf’’ fi ‘’nageenya uummataaf’’ jecha bulchiinsi isaanii humnoota addaa naannolee gara caasaa kaaniitti galchuuf murteessuu yeroo sana himaniiru.
Muddamni kun gara magaalota naannichaa tokko tokkootti babal’atus bulchiinsi magaalotaa dhorkaa gurguddaa dabarsanii ture.
Humnootni addaa naannolee hidhannoo hiikkachuun naannolee hunda keessatti kan gaggeeffame tahus, addatti kan naannoo Amaaraa kana irratti mormiin mudateera.
Humnoota addaa naannolee deebisanii ijaaruun erga ifoomsamee magaalotni kan akka Dasee, Gondarii fi Dabre Birhaan humnoota nageenyaa mootummaan ala namootni kaan meeshaa waraanaa qabachuun socho’uu akka hin dandeenye dhorkaa dabarsanii ture.
Bulchiinsotni magaalaa murtee kana dabarsanis yeroo sana nageenya magaala isaanii mirkaneessuu fi ol aantummaa seeraa kabachiisuuf akka tahe himaniiru.
`Walitti bu’insa Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota gidduu
Yeroo jalqabaaf Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota gidduutti walitti bu’insi mudachuu kan gabaafame Caamsaa 01/2015, magaalaa Qobbootti ture.
Magaalaa kanatti humnoota hidhachuun naannoo Amaaraa socho’aniifi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti meeshaa waraanaa gurguddaa dabalatee dhukaasni gaggeeffamuu gabaafamee ture.
BBC’n qaama walabaa irraa mirkaneeffachuu baatus, namootni ajjeefaman miseensa hidhattoota Faannoo akka turan jiraattota irraa odeeffateera.
Sana boodas naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa magaalaa Dabre Birhaanitti waraanni Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota naannichaa waliin walitti bu’uun lubbuu namoota lamaa darbuufi dubartiin tokko miidhamuu jiraattotni BBCtti himaniiru.
Sana boodas Gondar, Dabre Siinaafi Shawaa Roobit fi magaalota kaan keessatti sochiin idilee daangeffamee ture. Loltoonni hedduunis naannichatti bobbaafamanii akka turan jiraattonni bakka sanaa BBctti himaniiru.
Godina Goojjam magaalaa Faanote Salaam, Jigaafi Dambacaa keessattis walitti bu’insa qaama nageenyaa mootummaafi hidhattoota gidduutti mudateen namootarra miidhaan dhaqabuu jiraattonni naannichaafi qondaalonni mootummaa BBCtti himaniiru.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa humna addaa naannichaa deebisanii ijaaruu hordofee rakkoo mudateefi tarkaanfii humnoonni nageenyaafi hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne fudhataniin lubbuun namaa darbuu ibseera.
Dabalataan haleellaa naannichatti banameen hojjettoota dhaabbata gargaarsaafi namoota nagaarra miidhaan gahuu ibse.
Naannoo Amaaraa keessa Faannoo jechuun humni of waamu, milishoonniifi hidhattoonni adda addaa akka jiran himama.
Ajjeechaa qondaalota mootummaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensi Hojii Raawwachiisaa Paartii Badhaadhinaafi Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaa hidhattootaan kan ajjeefaman A L I Eebla 19 bara 2015 ture.
MM Abiy Ahimed finxaaleyyii ‘’yaada keenya irraa adda kan tahe qabaachuu hin qabu jedhanii amananiifi gochaa nama qaanessu raawwataniin’’ Girmaa Yeshixilaa ajjeefamuu ibsan.
Naannoon Amaaraa ibsa baaseen hogganaan paartichaa kan ajjeefaman humnoota ‘’al-idileetiin’’ jedhe.
Ajjeechaa Obbo Girmaan boodas Baha Goojjam aanaa Dajaniifi Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Shawaa Roobit keessatti hoggantoota dhimma nageenyaa irratti ajjeechaan raawwateera.
Akkasumas, magaalaa Dabre Birhaan keessatti ajajaan poolisii namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen rasaasaan ajjeefamaniiru.
Magaalittiitti komaander Minwuyyeellet Cinqilloo kan ajjeefaman A L I Jimaata Hagayya 07 bara 2015 ture.
Kun kanaan osoo jiruu mootummaan Federaalaafi naannoo Amaaraa nageenya lammiilee kabachiisuuf hojjechaa akka jiran irra deddeebiin ibsaa turan.
Haleellaa Dabre Eeliyaas
Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Bahaa aanaa Dabre Eeliyaas, Gadaamii Sillaasee keessa hidhattoonni 200 tahan dhokatanii turan jechuun tarkaanfii irratti fudhachuu Koreen Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Federaalaa beeksisee ture.
Ibsa Koreen Waloo Nageenyaafi Tasgabbii baaseen, ‘’finxaaleyyii mootummaa hidhannoodhaan garagalchuuf socho’aa turan’’ bakka turanitti tarkaanfiin irratti fudhatameera jedhe.
Humnoonni nageenyaa mootummaa duula nageenya kabachiisuu kan jalqaban A L I Caamsaa 18 bara 2015 yoo tahu, kana gidduutti miidhaan lubbuu namaarras gaheera.
Bulchaan aanaa Eeliyaas Obbo Malkaamuu Addis BBCtti akka himanitti, Gadaamicha keessa namoonni wlaitti qabaman kanneen amantaa haaraa babal’isuuf karoorsanidha jedhan.
Namoonni Gadaamicha keessa turanis amantii ‘’Alam Birihaan’’ jedhamu babal’isuuf kan hojjetaa turan jedhan Obbo Malkaamuun.
Tarkaanfii mootummaan Federaalaafi humni nageenyaa naannichaa fudhateen dahoon cabee namoonni 200 ajjeefamuu ibsames ‘’dahoo Iskindir Naggaafi humnoonni isaa waraanaaf qopheeffachaa turanidha,’’ jedhe mootummaan.
Iskindir Naggaa duraan hundeessaafi gaggeessaa paartii Baaldiraas ture. Garuu dhiyeenya paarticha keessaa bahuufi hoggansa irraa ka’uu isaa ibse.
Ergasii naannoo Amaaraa keessa kan hidhatee socho’u Adda Uummata Amaaraa kan jehdu hundeessuu beeksise.
Haleellaawan magaalota adda addaatti raawwatan
Naannoo Amaaraa magaalaa Waldiyaatti dhukaasa hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne bananiin lubbuu namoota lamaa darbuu jiraattonni magaalichaa BBCtti himaniiru.
Hagayya 12, bara 2015 A.L.Itti dhukaasa hidhattoonni halkan banan sa’aatii muraasaaf turuu himaniiru.
Yeroo sana Itti-anaan Kantiibaa magaalichaa Obbo Dubbaalee Abraaree BBCtti akka himanitti, akka tasaa dhukaasicha kan banan hidhattoota kallattii adda addaan magaalittii galanidha jedhan.
Ergasii magaalaa Laalibelaatti Hagayya 25 bara 2015 [A.L.Itti] walitti bu’insi Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota naannicha keessa socho’an gidduutti mudachuu jiraattotarraa BBC’n odeeffateera.
Kanarraa kan ka’e balaliin gara Laalibelaafi magaalota naannoo Amaaraa tokko tokkotti taasifamu addaan cituufi rakkoo keessa galuu himaniiru.
Akeekkachiisa Raayyaa Ittisa Biyyaa
Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti Daarikterri Daarektoretii Qunnamtii Uummataa Kolonel Geetinnet Adaanee, Hagayya 25 bara 2015 A.L.Itti ibsa kennaniin ‘’hidhattoota maqaa Faannoon socho’uun nageenya booressan irratti tarkaanfii fudhanna’’ jedhan.
Dabalataan Koloneel Geetinnet bakka Cuhiit fi Qollaadibbaa jedhamanitti torban darbe humna Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti haleellaan banamuu ibsan.
Miidhaan hammamii akka dhaqabe ibsamuu baatus jaarsolii biyyaa waliin dhimmichi ‘’dhiifamaan’’ darbameera jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa seera kabachiisuuf qaama hidhaterratti tarkaanfii fudhatus cimsee itti fufa jedhaniiru.
Pirezidaantiin naannichaa Dr. Yiliqaal Kaffaalee rakkoon nageenyaa naanichaa human nageenyaa idilee naannoo isaaniin ol waan taheef mootummaan Federaalaa gidduu galuun seera akka kabachiisuu qabu gaafataniiru.
Qaamni naannicha keessa hidhatee socho’us meeshaa waraanaa isaa lafa kaa’uun gara marii nagaatti akka dhufan gaafataniiru.
Itti-dabaluun daandiiwwan gurguddoon cufamuun rakkoo dinagdee, hawaasaa fiduu himuun ‘’walii keenya balleessuun rakkoo itti fufu malee furmaata itti fufu hin fidu,’’ jedhaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa kutaa biyyattii hundarraa kan walitti bahe tahuu himanii, uummanni naannoo isaanis nagaa kabachisuuf sochii godhamaa jiru kana akkasiin hubachuu qaba jedhaniiru.
Itti-aanaan MM Obbo Dammaqaa Mokonnonis rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudate ‘’waan yaaddessaa’’ tahaa dhufuu fuula Feesbuukii isanaiirratti barreessaniiru. Itti-dabaluun rakkoo jiru furuun kan danda’amus karaa nagaa qofa tahuu ibsaniiru.
Aaanga’oonni Federaalaa maal jedhani?
Torban kana keessa gaafa Kibxataa pirezidantiin mootummaa na\nnoo Amaaraa Yiliqal Kaffaalee (PhD) ibsa kennaniin rakkoon nageenyaa modachaa akka jiru eeruun, “qaamni yaada addaa qabu qawwee lafa kaa’ee gara mariitti haa dhufu,” jedheera.
Pirezidantich ibsa isaanii kanaan, hokkaraan daandiiwwan gurguddoo cufamanii miidhaan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa qaqqabeera erga jedhanii booda “wal balleessuun rakkoo hin dhaabbanne malee nagaa waaraa hin fidu,” jechuun isaanii gabaafameera.
Yiliqaal Kaffaalee (PhD) itti dabaluun, “Raayyaan ittisa biyyaa kan bahan Itoophiyaa keessaati,” akka jedhaniifi “uummanni naannichaa adeemsi seera kabachiisuu waan ol aantummaa seeraa mirkaneessuuf taasifamu ta’uu isaa beekuu qaba,” jedheera.
Itti-aanaan ministira muummeefi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon ammoo fuula Feesbuuk isaaniirratti rakkoowwan nageenyaa naannicha bakka gara garaatti mul’atan “yaaddessaa” ta’aa dhufaniiru jechuun barreessaniiru.
Gaaffiiwwan deebii hin argatiin jiraachuu akka danda’an eeruun, “rakkoowwan kanneen furuuf garuu karaan fayyadu karaa nagaafi mariitu sirriidha,” jedhan.
Mootummaan Federaalaa akka gidduu seenu gaafatamuu
Mormiifi walitti bu'insi ji'a Ebla darbe irraa kaasee naannoo Amaaraa bakka gara garaatti jalqabe torban muraasa darban keessa hammaachuun humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu'insi gaggeeffamaa tureera.
Rakkoo naannicha keessatti guyyaan hammaachaa deemu to'achuudhaaf yaaliin humnoonni naannoofi Federaalaa taasisan waan hin milkoofneef naannichi filannoo biraa barbaaduuf dirqameera.
Torban kana keessa Kamisa gaafa Hagayya 04, 2023 pirezidantiin naannichaa Yiliqaal Kaffaalee mootummaan rakkoo nageenyaa uumame seera kabachiisuu idileetiin to'achuu akka hin dandeenye ibsuun mootummaan Federaalaa gidduu akka seenuuf gaafateera.
Kun akka Heera biyyattiitti keewwata 51 muraa 14 irra kaa'ametti mootummaan Federaalaa "rakkoon nageenyaa humna naannichaatiin ol ta'e yeroo mudatu akkaataa gaaffii bulchiinsa naannichaatiin raayyaa ittisa biyyaa bobbaasa,"kan jedhu hojiirra oola.












