Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattootaan 'balaliin xiyyaaraa Laalibalaa danqame'

Buufati xiyyaaraa Laalibalaa yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa humnoota TPLF'n qabamee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Buufati xiyyaaraa Laalibalaa yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa humnoota TPLF'n qabamee ture

Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa naannawa magaalaa Laalibalaa humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu walitti bu’iinsi akka ture jiraattonni BBC’tti himan.

Akka jiraattotaatti, sababa kanaan walakkeessa guyyaa Kibxataa xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa magaalattii qubachuu hin dandeenye.

Jiraattonni walitti bu'iinsa ALI Kibxata Adoolessa 25, 2015 dhiheenya magaalattii walitti bu’iinsa Raayyaa Ittisaafi hidhattoota gidduu ture ‘’cimaa’’ jechuun ibsan.

Guyyaa Kibxataa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hidhattoota maqaa Faannoon socho’aa jiru jedheerratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiiseera.

Pirezidantiin Naannoo Amaaraa ibsa miidiyaaleef kennaniin kanneen sochii hidhannoo gaggeessaa jiran mariitti akka deebi'an waamicha dhiheessaniiru.

Akka jiraataa BBC'n dubbisetti, xiyyaarri jalqabaa Kibxata kaleessaa Finfinneeti ka’un Laalibalaa qubateera. Laalibaraa irraas imaltoota qabatee gara Finfinnee deebi’eera.

Haa ta’u malee, guyyaa sa’aatii 6:50 irratti xiyyaarri Laalibalaa qubatuu qabu rakkoo uumameen qubachuu isaatiin deebi’u dubbatan.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalataa xiyyaaraan gara Laalibalaa dhufaa jiru oduun jedhu erga faca’e booda hidhattooti Faannoo jedhaman buufata xiyyaaraa kana to’atu isaanii dhagahuu jiraataan kuni himan.

Jiraataan biraa BBC’n dubbise immoo walakkeessa guyyaa Kibxataa dura buufati xiyyaaraa hidhattoota kanaan to’atamuu ibsan.

Magaalaan seena qabeessi Laalibalaa magaalaa hambaawwan addunyaa galmaa'e kan keessatti argamuufi giddugala turistootaadha.

Waan buufata xiyyaaraa kanatti mudame jedhameerratti BBC’n qaama walabaarraa waan adda baafate hin qabu.

Waan buufata xiyyaaraa kanatti mudate adda baafachuuf Dhaabbata Buufatawwan Xiyyaaraa Itoophiyaafi Daandii Qilleensa Itoophiyaa irraa adda baafachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Buufati xiyyaaraa hidhattootaan to’atamuun haa ibsamuuyyu malee, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa boru gara Laalibalaa warra imalaniif tikkeeta kutaa akka jiru websaayitiin dhaabbatichaa ni mul’isa.

Walitti bu’iinsa magaalaa Laalibalaarraa 25km fagaatee kan argamu naannoo Buufata Xiyyaaraa Shumshahaa Laalibalaa tureen miidhaan lubbuufi qabeenyarratti mudate yoo jiraate hin beekamu.

Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka eeramu kan hin feene jiraataan Laalibalaa Kibxatas ta’e Roobii ganama sochiin adda ta’e akka hin jirre ibsan.

Haa ta’u malee, kallattii gama Gaashanaa fi Saqoxaa sagaleen dhukaasaa ni dhagahama jedhaniiru.

'Meeshaa lafa kaa'aa mariif koottaa'

Pirezidantiin Naannoo Amaaraa Yiliqaal Kaffaale (PhD) guyyaa har’aa dhimma waqtawaa irratti ibsa kennaniin naannichatti rakkoon nageenyaa mudataa akka jiru ibsaniiru.

Qaamoleen walitti bu‘iinsa keessa qooda fudhataa jiru jedhan mariitti akka deebi'an gaafatan.

‘’Qaamni garaagarumma qabu meeshaa lafa kaa’ee gara marii haa dhufu,’’ jechuu isaanii televijiniin naannichaa gabaaseera.

Pirezidantichi daandileen cufamuu isaaniin miidhaan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa dhaqqabuu ibsanii ‘’walballeessuun rakkoo waaraa malee nagaa waaraa hin fidu,’’ jedhan.

Dr Yiliqaal ummanni naannichaa Raayyaa Ittisa biyyaa akka tumsuufi ‘’olaantummaa seeraa kabachiisuu’’ keessatti qooda akka bahatu waamicha taasisuun isaanii dhagahameera.

Pirezidantiin Naannoo Amaaraa Dr Yikiqaal Kaffaalee ummanni Raayyaa Ittisaa bira akka dhaabatu waamicha dhiheessan

Madda suuraa, AMHARA COMMUNUCATION

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Naannoo Amaaraa Dr Yikiqaal Kaffaalee ummanni Raayyaa Ittisaa bira akka dhaabatu waamicha dhiheessan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchaan naannichaa kana dura rakkoo uumame mariin furuuf hojjetamaa akka ture ibsanii, ammallee nagaa buusuf ummata naannichaa waliin mariin taasifamaa akka jiru ibsan.

Walitti bu’iinsi balalii xiyyaaraa danqe jedhame kuni Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota Faannoo ofiin jedhan gidduu walitti bu’iinsi babal’ataa yeroo jirutti dhagahame.

Ji’oota muraasa dura mootummaan federaalaa humnoota addaa naannolee deebisee gurmeessuuf murtee dabarse hordofee Naannoo Amaaraatti mormiifi walitit bu’iinsi mudateera.

Bakkeewwan naannichaa tokko tokkootti hidhattooti humnoota waraanaa federaalaa waliin lola seenaniiru.

Dubbi Himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ibsa miidiyaaleef Kibxata kennaniin buufatawwan waraanaa lamarratti haleellaan tasaa irratti banamuu ibsan.

Dabaluunis, ‘'hidhattoota maqaa Faannoon socho'aa nagaa booressan irratti tarkaanfii ni fudhata,'' jechuun dubbachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Torbanoota muraasa darban Gondar, Qobboo, Waldiyaa, Shawaa Roobiitiifi bakkeewwan birootti humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu walitti bu’iinsi dhalachuun gabaafameera.

Dabalataan, haleellaawwan raawwataniin miidhaanillee dhaqqabu ibsamuun ni yaadatama.