Naannoo Amaaraatti walitti bu'iinsi raayyaa ittisaa fi Faannoo gidduu itti fufe

Madda suuraa, AFP
Naannoo Amaaraa iddoowan adda addaatti milishoota hidhatan, Faannoo fi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti walitti bu’insi jalqabe jabaatee akka itti fufe jiraattotni himan.
Naannoo Magaalaa seenaa qabeetti Gondar Azezoo fi Maaraakiitti hanga har’a walakkaa guyyaati dhukaasni dhagahamaa akka ture jiraattotni magaalittii BBCtti himan.
Magaalaa Gondar naannoo buufata xiyyaaraatti walitti bu’insi ka’uun tajaajilli geejibaa dhaabbatee akka jirus himan.
Haa tahu malee, walakkaa magaalittii naannoo Piyaasaa fi Araadaa jedhamuun beekamanitti sochiin hawaasaa idileen itti fufee akka jiru himan.
Raayyaa Ittisa Biyyaa fi milishoota hidhatan, Faannoo gidduutti ‘’walitti bu’insi jabaan’’ dheengadda [Kibxataa] fi Roobii kaleessaa akka ture himaniiru.
Dabalataan naannoo magaalaa Laalibelaatti fageenya kiilomeetira 25 irratti buufata xiyyaaraa argamutti ammoo sagaleen dhukaasaas tahe sochiin waraanaa akka hin jirre himan.
Sababa walitti bu’insichaan tajaajilli balalii buufata xiyyaaraa Laalibelaa rakkoo mudatee akka ture kan himan jiraattotni Buufatni Xiyyaaraa Laalilebaa Shuumshehaan to’annoo Faannoo jala akka ture himaniiru.
Kibxata dheengaddaa Faannoon buufata xiyyaaraa Idil-Adunyaa Laalibelaa to’annookoo jala oolcheera kan jedhes ammas akkasumatti akka jiruufi balaliin adda cite akka jiru jiraattotni magaalittii BBC’n dubbise himaniiru.
BBC’n waa’ee taatee buufata xiyyaaraa Laalibelaa Dhaabbata Qilleensaa Itoophiyaa fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin godhe hanga ammaa hin milkoofne.
Dabalataan balaliin gara Laalibelaa fi naannoo Amaaraatti taasifamu akka haqame BBC’n namoota daandii qilleensichaatti dhiyeenya qabanii fi imaltoota irraa odeeffateera.
Akkasumas karaa aappii gurgurtaa tikkeettii daandiin qilleensichaa gaggeessu irratti balaliin gara buufataalee afur naannoo Amaaraa keessatti godhaman akka hin jirre agarsiisa.
Kibxata darbe xiyyaarri imaltoota fe’ee gara naannoo Amaaraa Laalibelaatti imale imaltoota osoo hin buusiin ofirra deebi’uun isaa ni beekama.
Akkasumas Waldiyaa irraa gara Baahirdaar daandii guddaa geessu irra bakka Istaayish jedhamuun beekamutti dhukaasni akka tures jiraattotni naannichaa BBCtti himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Teessoo Godina Gondar Kibbaa kan taate dhiyeenya magaalaa Dabra Taaboritti guyyaa Roobiifi Kamisaa raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu'iinsi gaggeefamaa akka ture Rooyitarsi poolisootaafii ogeeyyii fayyaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan waabeffachuun gabaaseera.
Ogeessii fayyaa kun dhukaasa meeshaalee gurguddaa dabalateen namootni sadii miidhaan qaamaa guddaan irra gahee kanneen biroo 10 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuu fi waldhaanaa jiraachuu himaniiru.
Ogeessii kun walitti bu'iinsi kun magaalaa irraa achi siiqee ammallee gaggeefamaa akka jiruufi daandiin gara Dabra Taaboor geessu cufamuu dubbatan.
Dabalataan ammoo jiraattotni magaalaa Qobboo lama Kibxata barii magaalittii irraa xiqqo siiqee lafa jirutti lola jabaa akka dhagahan Rooyitarsitti himaniiru. Roobii kaleessaa garuu walitti bu'insichi hanga tokko qabbanaa'uus dubbatan.
Mormitootni Faannoo deeggaran sochii raayyaa ittisa biyyaa danquuf dhagaafi muka jigsanii daandilee cufaa jiraachuu isaanii suuraaleen miidiyaalee hawaasaarra naanna'an ni agarsiisu.
Miidiyaaleefi rogeeyyiin garee hidhataa kana waliin hariiroo qaban ykn ammoo sochii isaa deeggaran Faannoon gandootaafi magaalaalee to'achaa akka jiru gabaasu.
BBC'n Faannoon naannoo Amaaraa keessatti magaalota to'achaa jiraachuu isaa ammaaf qaama walabaa irraas ta'e ofiin qulqulleeffachuu hin dandeenye. Gabaasaaleen dhagahaamaa jiran bakka tokko tokkotti manneen hidhaa fi buufataaleen Poolisii cabsamuu himu.
Naannoo Amaaraa keessatti walitti bu'iinsi ji'oota dura eegalee gidduutti tasgabbaa'ee ture tibba kana deebi'ee hammaateera. Maddeen BBC'n dubbise walitti bu'iinsi akka haraatti deebi'ee eegale bakka adda addaatti guyyaa sadaffaaf itti fufee jira.
Ji'oota dura murtee mootummaan Federaalaa caasaa humna addaa naannolee diiguuf murteesse hordofee diddaafi jeequmsa naannoo Amaaraa keessatti eegale mariin akka furamu akka qabu manni Maree naannichaa kan ibse yeroo ta'u, pireezidantiin naannichaa Yiliqaal Keffaalee(PhD) yaadicha faara gaariin simatanii, waamicha marii nagaa godhaniiru.
Walitti bu'inis akka haaraatti eegaluu guyyaa tokko duras pireezidantichi abbootii amantaafi jaarsolii biyyaa waliin rakkoo nageenya kana nagaan furuun haala danda'amu irratti marii gaggeessaniiru.
Kun kanaan osoo jiru, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ibsa Kibxata darbe baaseen hidhattoota Faannoo irratti tarkaanfii fudhachuu eegale akka itti fufu beeksiseera.
Pireezidant Yiliqaal ammoo ibsa Roobii kaleessaa kennaniin karaa nagaa rakkoo jiru fuuun akka barbaachisu kaasuun waamicha godhaniiru. Ammoo mootummaan ''hojii seera kabachiisuu isaa akka itti fufu uummatni deeggarsa akka godhu'' gaafatan.
Ministirri Muummee Itti Aanaan Dammaqaa Mekonniin, gama isaaniin yaada miidiyaa hawaasaa isaaniirratti qoodaniin ''rakkooleen nageenyaa naanoo Amaaraa keessatti mudachaa jiran yaaddessaa ta'aa dhufeera'' jedhaniiru.
Furmaatni isaas wabii hundaa kan ta'e seeraa fi sirna haala guutuu ta'een kabajuufi kabachiisuudha'' jedhaniiru obbo Dammaqaan.












