Labsii Yeroo muddamaa naannoo Amaaraatti hojiirra oolu irraa maaltu eegama?

Humna nageenyaa Federaalaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Poolisii Federaalaa Itoophiyaa

Naannoo Amaaraa walitti bu’insi humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu hammaatetti Labsiin Yeroo Muddamaa labsame.

Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa walgahii Jimaata ganama taa'en murtee kana murteessuu Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa ibseera.

Haa tahu malee, labsiin darbe kun Mana maree Bakka Bu'oota Uuummataan raggaasifamuu qaba.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa amma hojiirra waan hin jirreef akkaataa heera mootummaa biyyichaa keewwata 93/2A jalatti ibsametti labsiin yeroo muddamaa guyyoota 15 keessatti mana marichaaf dhiyaachuun sagalee harka sadii keessaa harka lama argachuun raggaasifamuu qaba.

Labsiin yeroo muddamaa manni maree ministerotaa labse erga mana maree bakka bu’oota uummataan ragga’ee hojiirra ooluun turuu kan danda’u aduu ji’oota jahaaf qofadha.

Barbaachisaa tahee yoo argame manni marichaa ji’a afur afuriin labsichi akka haareffamu gochuu danda’a.

Labsii yeroo muddamaa booda qajeelfamni labsii yeroo muddamaa ni qophaa’aa.

Sana booda labsicha ol aantummaan kan hordofuu fi hojii irra oolmaa isaa kan hordofu Komaandi Postiin hundeeffama.

Naannoo Amaaraa bakka labsichi hojiirra oolutti raayyaa ittisa biyyaa fi qaamonni nageenyaa mootumaa federaalaa bal’inaan bobbaafamuu danda’u.

Naannichatti rakkoon nageenyaa mudate salphataa yoo adeeme akkaataa barbaachisummaa isaatti qajeelfamni labsichaa dhiphachuu danda’a.

Yeroo Labsii yeroo muddamaa tarkaanfiin fudhatamu maal fa’aa tahu?

Naannicha keessaa iddoo kamittuu raayyaa ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa federaalaa kaan bobba’uun nageenyaa fi tasgabbii kabachiisuu danda’u.

Dabalataan uggurri sochii yeroon daangeffamu darbuu danda’a.

Tajaajilootni dedebisaa uummataa fi qunnamtii akka dhaabbatan ykn akka cufaman ajajuu danda’a.

Mootummaan federaalaa haala kamiiniyuu garee seeraan alaa waliin hojjeteera jedhee nama shake to’achuun, mirga sa’a 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuuf qabus mulquun hanga labsichi hojiirra turutti to’atee tursiisuu danda’a.

Mirga lamiilee haala daangessuu danda’uun sakatta’insi bakka hedduutti gaggeeffamuu danda’a.

Caasaan bulchiinsi siivilii guutummaan guutuu ykn gariin hoggansa waraanaan bakka bu’uu danda’a.

Tarkaanfii qaamoleen nageenyaa fudhatan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wayita labsiin yeroo muddamaa labsamu qaamoleen nageenya eegsisan seera kabachiisuuf humna gitaa ta'e akka fayyadaman hayyamni ni kennamaaf.

Haata'u malee waayee qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisee keewwatni 18, Mirga waliqixxummaa keewwatni 25 fi keewwatni 39 kan mirga saboota sablammootaa fi uummatootaa labsu keewwatotni 1 fi 2 daangeffamuu hin danda'ani.

Labsiin gochoota dhorkamaniifi dirqamoota qabatee dhufa.

Isaan keessaa tokko jiraattotni naannichaa qajeelfamoota yeroo muddamaa fudhachuuf dirqamni kan irra jiru ta'uudha. Labsii yeroo muddamaa karaa kamiinuu gochi faallessu dhorkamaadha.

Addababayiitti walgahiinis ta'e hiriira nagaa gaggeessuun kan dhorkame ta'e.

Caasaalee mootummaa hayyama qabaniin alatti meeshaa waraana hidhatanii socho'uun kan dhorkame ta'a.

Jiraattotni naannichaa waraqaa eenyummaa isaanii ibsu qabatanii socho'uuf kan dirqaman yeroo ta'u, namni hin qabne atattamatti ganda naannoo isaatti argamu irraa waraqaa eenyummaa kan yeroo baafachuuf dirqamuu danda'a.

Labsicha eenyutu raawwachiisa?

Labsiin yeroo muddamaa yeroo labsamu Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa miseensota isaa keessaa akkasumas abbootii seeraa keessaa filatee boordii raawwii Labsii Yeroo Muddamaa hordofu miseensota torba qabu ni hundeessa.

Boordichi sababa labsichaatiin eenyummaa namoota hidhamanii ifa godha.

Tarkaanfileen fudhataman faallaa mirga namoomaa akka hin deemne ni hordofa, yoo faallaa mirga namoomaa adeeme fooyya'iinsi akka godhamu yaada ni kenna.

Kanneen mirgoota namoomaa sarbanis seera duratti akka dhiyaatan ni taasisu.

Haalli naannicha keessa jiru maal fakkaata?

Sababa rakkoo nageenyaan balaliiwwan xiyyaaraa gara naannichaatti taasifaman keessaa yoo xiqqaate iddoowwan lamatti kan taasifaman haqamaniiru.

Bakkeewwan naannichaa garagaraatti walitti bu'iinsi mudachuun lubbuun darbuufi qabeenyi manca'uu BBC'n jiraattotarraa odeeffateera.

Walitti bu’iinsa torban kanas ittifufeen hidhattoonni naannichaa Faannoo jedhamuun beekaman bakkeewwan naannichaa garagaraa to’achuu himatu.

BBC’n waan adda baafate hin qabu.

Magaalaa guddoo naannichaa kan taate Baahir Daar keessa haalli nageenyaa jiru tasgabbaa’aa ta’uu kan himan jiraata BBCn gaafate tokko, sochiin adda ta’e akka hin jirreefi jireenyi idilee akkuma duraan turetti itti fufee jiraachuu dubbataniiru.

Haalli magaalaa Gondar keessa jirus tasgabbaa’aadha kan jedhan jiraataan magaalichaa, galma magaalattii bakka tokko tokkotti garuu darbee darbee dhukaasni akka dhaga’amu ibsaniiru.

Laalibalaattis akkuma kana dhukaasni dhaga’amaa kan hin jirre yoo ta’u, sochiin walitti bu’iinsaa akka hin jirre Jimaata har’aa ganama jiraattonni BBC'n dubbise himaniiru.

Guyyoota darban keessa nageenyi boora’e hammaachaa deemuu hordofee naannicha bakka baay’eetti tajaajilli interneetii addaan cituu jiraattonni ibsaniiru.

Walitti bu’insi humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti deemaa jiruun jireenya idilee bakka gara garaatti danqeera.

sochii humnoota mootummaa dhorkuudhaafis dargaggoonni daandiiwwan cufuu isaanitu gabaafame.

Rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiru kan isaan yaaddesse biyyoonni akka Ameerikaa, Kanaadaa, Yunaayitid Kingdam fi Austiraaliyaa lammileen isaanii gara naannichaa akka hin imalle gorsan.

Yoo duraan achi keessa kan jiran ta’e ammoo akka of eeggannoo taasisan, akkasumas deemuudhaaf warri barbaadanis gorsa akka gaafataniif hubachiisaniiru.