Marii Afrikaa Kibbaatti eegalameen alatti Tigraay amma maal irratti argamti?

Taankii waraanaan barbadaa'ee

Madda suuraa, Getty Images

Bakka bu’oonni mootummaa federaalaafi humnootii Tigraay kan Kaaba Itoophiyaatti wal waraanaa jiran yeroo marii nagaatiif Afriikaa Kibbaa galanii jiran kanatti, waraanni garuu naannoo Tigraay keessatti cimee itti fufuu ilaalchisee gabaasaaleen bahaa jiru.

Guyyoota muraasaan dura mootummaan federaalaa magaalota Tigraay kan akka Shiree fi kaan qabachuu himuun nu yaadatama.

Humnootiin Tigraay garuu booda keessa magaalaan Koram ammalleen nu harkaa hin baanee jechuun ibsanii turan.

Tajaajjilli Komunikeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa guyyoota lamaan dura baaseen ammoo raayyaan ittisaa magaalotii Tigraay murteessoo kan jedheen garuu kan maqaa hin eerre to’achuu itti fufeera jedhee ture.

Waraanni mootummaan federaalaa loltoota Ertiraatiin deegaramuun humnootii Tigraay irratti gaggeessuu cimee itti fufaa haa jiraatu malee, wal dhabdee humnoota wal waraanan jidduu jiruf furmaata siyaasaa barbaachaaf marii nagaa Afriikaa Kibbaatti Kibxata Onkolooleessa 25, 2022 eegaluun gabaafameera.

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota TPLF jidduutti gaggeeffamu kunis hanga Onkolooleessaa 30, 2022tti akka itti fufu odeeffannoo Gamtaa Afriikaa irraa argame ni mul’isa.

Marii kunis Gamtaa Afriikaatiin karaa jaarsoolii gamtichaan muudaman Ergamaa Addaa gaanfa Afriikaa gamtichaafi pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa, Oluseengoon Obaasaanjoo, Pirezidantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaa fi Ittaantuu Pirezidantii Afriikaa Kibbaa duraanii Dr Phumzile Mlambo -Ngcukatiin gaggeeffamaa jira.

‘Humnooti Tigraay bittinnaa’aa jiru’ hanga ‘humni Tigraay seene hin ba'uu’tti

Raayyaan Ittisa Itoophiyaa ibsa Wiixata Onkolooleessaa 25, 2022 baaseen, haleellaa raayyaan fudhataa jiruun humnootiin Tigraayi ‘’adda hundaanuu harka keennachaa fi bittinaa’aa jiruu’’ jedhe ture.

Itti dabaluunis hidhattooti TPLF naannoolee raayyaan ittisaa to’atee fi gara naannoolee ollaa deemuun harka keessa kennaa jechuun ergaa kan dabarse yoo ta’u, hidhattoota harka kennaniif ammo ‘‘kunuuns abarbaachisu akka taasifamuuf qajeelfamni dabarfameera’’ jedheera.

Gama Tigraay ammo dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eel gama isaanitiin miseensoonni human gamtaa Itoophiyaafi Ertiraa Tigraay seenee ‘‘eddoon awwaalcha isaanii Tigraay’’ ta’a jechuun ibsa kennanii ture.

Dabratsiyoon haasaa TV naannichaa irratti Onkolooleessaa 24, 2022 taasisaniin, humnootiin Tigraay diinsa isaanii mo’achuuf dandeettii guutuu qaba jedhan.

Itti dabaluunis, ‘‘humnoonni Tigraay waraana biyya lamaatiin wal waraanuun gootummaa isaa mirkaneesseera’’ jechuun ammas ‘’qabsoon itti fufa’’ jedhanii ture Dabratsiyoon.

Marii Afriikaa Kibbaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marii nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota TPLF jidduutti hoggansa Gamtaa Afriikaa jalatti yeroo jalqabaatiif Afriikaa Kibbaatti Kibxata kaleessaa eegaleera.

Jaarsummaa kan mariicha hogganan Ergamaa Addaa gaanfa Afriikaa gamtichaafi pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa, Oluseengoon Obaasaanjoo, Pirezidantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaa fi Ittaantu Pirezidantii Afriikaa Kibbaa duraanii Dr Phumzile Mlambo -Ngcukatiin.

Kana malees mariicha irratti Ameerikaa, Mootummooti Gamtoona fi IGAD taajjabdoota ta’uun akka hirmaatan Gamtaan Afriikaa beeksiiseera.

Gamtaan Afriikaa qaamooleen wal waraanaan wal dhabdee dhaabuun mariidhaan gargaagarummaa saanii akka furaniif yaalii taasisaa turuun ni yaadatama.

Ammattis qaamoolee lamaan dhimmoota irratti mari’atan ifatti ibsuu baatan illeen, Gamtaan Afriikaa fi biyyoonni lixaa waldhabdichaaf furmaata siyaasaa argamsiisuuf yaalii taasisaa turaniiru.

TPLF marii mootummaa Itoophiyaa waliin taasisuu irratti dhimmoota kaasuu keessaa dhimmoonni waraanni atattamaan akka dhaabbatu, deeggarsi namoomaa hin daangeeffamne akka galuufi humnootiin Ertiraa Tigraay keessaa akka bahan kan jedhu ta’u miseensi koree jidduugala paartii Tigraay Pirofesar Kindiyaa Gabra Hiyiiw ibsanii ture.

Haata’u malee mootummaan Federaalaa ammo dhimmoonni dursa kennuuf kam fa’i akka ta’an ilaalchisuun kan jedhe jiraachu baatulleen, kana dura garuu ‘‘haal duree tokko malee’’ mariidhaaf qophiidha jechuun ibsaa ture.