Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maqaa qaama saalaa dubartootaa lagachuun tajaajila fayyaa isaan barbaachisu dhabsiisaa jiraa?
Qaama dubartootaa waamuutti qaana'uun, wal'aansa fayyaa dubartootaa walxaxaa taasisuun, balaaf isaan saaxiluu akka malu doktaroonni akeekkachiisan.
Dhimma qaama dubartootaa namoota hubachiisuurratti xiyyeeffattee kan hojjettu Dr Aziizaa Sesay, qaama dubartootaa hunda quunnamtii saalaan walqabsiisuun ''lagannaa, maqaa balleessii fi qaanii dubartummaan walqabatu itti fufsiisa jira,'' jette.
Kun ammoo dubartoonni tajaajila fayyaa isaan barbaachisu akka hin arganne taasisuu himte.
kana malees daa’imman qaama dhalaa kallattiin akka hin waamneef (lagataniif) jechoota sasalphaa [bakka bu'u jedhamanii yaadaman] barsiifamaa guddatan, yoo miidhaan qaama saalaa irra ga’e carraan akka waan salphaatti hubatamuu guddaadha yaaddoon jedhu jira.
Tajaajila Fayyaa UKtti hakiima waliigalaa kan taate Dr Aziizaa Sesay dhimma kanaan yaadda'uun miidiyaa hawaasummaarratti baruumsa hubannoo uumuu kennuu eegalte.
Dubartoota barsiisuun afaan safeeffatamu kana jijjiiruurratti hojjetaa kan jirtu ogeettiin fayyaa kun, hojiin kun akkaan qormaata qaba jetti.
''Jechoota maqaa kutaa qaama saalaa dubartii ta'an [qinxirii, buqqushaa fi kaan] barreessuun koo jalqabarratti wayita mul'atu qabiyyee koo xiyyeeffannaan saaxiluu eegalu. Algoorizimiin battala jechoota kunneen argatu akka waan naamusaan ala yookiin qabiyyee saal-quunnamtii ta'eetti waan hubatuuf, namoota bira akka hin geenye gochuuf qophaa'u.''
Akka Dr Aziizaan jettutti wanti isheen maxxansitu, yoo suuraa xiqqoo qaama saalaa dubartootaatti dhihaatu qabaatellee akeekkachiisa irra kaa'u.
Suuraan kun miira namaa akka jeequ akeekkachiisuun namoonni bananii ilaaluurraa akka of qusatan ajaju jetti.
Dr Aziizaa Sesay kutaa qaama saalaa dubartootaa hunda maqaa isa sirriin waamti, ni barreessiti, namoonni akka waaman jajjabeessiti.
''Kutaan qaama saalaa [buqashaa] kee- qinxirii, qaama buqushaa gara alaa, keessi isaa, ededi buqushaa kee inni keessaa fi inni alaa- hunduu waan qaanfatamu ta'uu hin qabu.''
''Isaanis kutaa qaamaati. Akkuma mataa, harkaa, lukaa fi quba kee jechuudha.''
Dr Aziizaan lagannaa maqaa qaama saalaa dubartiin walqabsiiftee wayita dubbattu, haalli kun dhibeen dubartootaa hedduun salphifamee akka ilaalamu, jechuun lubbuuf sodaachisaa akka hin taanetti akka fudhatamu taasisuu himte.
Garuu haalli kun hagam lubbuu namaa akka gaaga'aa jiru waan beekstuuf taateen kun mudachuutti guddoo mufatteetti.
Dr Aziizaa Sesay doktaroota dubartootaa festivaala dhimma dubartootaa irratti xiyyeeffatu- Everywoman Festival jedhamuun Waxabajjii 24 gaggeeffamerratti hirmaatan keessaa tokko.
Festivaala dubartoota fayyaa dubartootaaf quuqamanii hojjetan walitti fide kanarratti waa'een jalqabbii fi xumura marsaa laguu dhimma ijoo irratti dubbatame ture.
Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa UK keessatti gorsituu kan taate Dr Misheel Oliver waltajjii kanarratti kan maqaa qaama saalaa lagatan dubartoota dhukkubsan qofa miti jette.
''Dubartiin tokko marsaan laguu dhaabbachuutti wayita dhihaatu fi dhaabbatu mallattoon ittiin beektu qaamni saalaa ishee goguu, hooqsisuu fi fedhii quunnamtiiti. Hunduu walqabatu.''
''Dubartiin qaamni saalaa ishee dhukkubu walquunnamtii saalaaf fedhii hin qabaattu,'' jetti Dr Misheel Oliver.
Haata'u malee ogeeyyiin fayyaa qormaata saal-quunnamtii keessatti mudatuu fi qaama saalaa dubartii keessaa iddoon kam akka dhibame beekuuf guddoo akka rakkatan qorannoon ni mul'isa jette.
Jechoota itti fayyadamnu eeggachuu fi madaalawaa gochuun kanneen dhukkubsatanii dhufan ni fayyada kan jettu ogeettiin fayyaa kun, ''garuu nuyi [ogeeyyii fayyaa] gidduu waa'ee qaama saalaa mari'achuun qaanii yoo ta'e dubartoonni kaan gara keenya dhufanii yaalamuu hin danda'an,'' jette.