Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Qaama miidhamtuu waanan ta'eef gaaffiin saalqunnamtii akka tola-oltummaatti naaf dhiyaata'
Holiin yeroo umuriin ishee waggaa 16 turtetti namni tokko qaama miidhamtuu waan taateef "walqunnamtii saalaa raawwachuu dandeessaa?" jedhee ishee gaafate.
Waggoota darban keessa gaaffiiwwan hedduun kan akka "walqunnamtii saalaa raawwachuu danda'uu ishee ykn wiilcheerii irratti dhiyaachuufii akka danda'u gaafatamaa turte.
"Namoonni qaama miidhamtoota waliin ta'uu akka waan aarsaa kaffalaniifitti ykn hojii tolaoltummaa guddaa isaaniif oolanitti yaadu. Wanti badaan kana booda na ajaa'ibu ykn nan mufachiisu."
Holii Giraader amma umuriin ishee waggaa 26 ta'eera. Dhukkubbii yeroo dheeraa kan qaamni ishee akka barbaaddetti hin sochoonen rakkataa jirti. Dubartoota qaama miidhamtoota hedduu hariiroo jaalalaa ilaalchisee qoodinsaafi maqaa balleessii qaama miidhamummaa waliin ka'u mormuuf dubbatan keessaa tokkodha.
Akka Holiin jettutti, namoota qaama miidhamtootaafis hariiroo jaalaalaa gammachiisaan barbaachisaa dha.
Isheen abbaa warraa ishee amma Jeemsi wajjin hariiroo jaalala kan jalqabde yeroo dargaggummaa isheetti ture. Waggoota sagaliif isa waliin turte, jalqaba bara kanaatti walfuudhan.
"Yeroo baayyee miidiyaa irratti qaama miidhamtoonni jireenya abdii kutachiisa qabu, nuti seenaa gaddisiisaa qofa," jetti.
Itti dabaluudhaanis yeroo hunda isa biraa akka deeggaramtu ta'us, namoota biroo biratti akka qoodinsatti itti dhaga'amu dubbatteetti.
"Yeroo jalqaba waliin jiraachuu jalqabnu namoonni fayyaan koo yoo hammaate na dhiisu akka danda'u natti himan."
"Ba'aa ta'uu ykn waan baay'ee ta'uu"
Namoonni mana barumsaatti waa'ee ishee tilmaamni akka turan kan dubbatte yoo ta'u, namoonni tokko tokko ishee duratti gaaffii akka kaasan taasiseera.
"Shakkii tokko malee gaaffiin jalqabaa yeroo hunda waa'ee fayyadamtoota wiilcheeriin gaafatamu, namni sun walqunnamtii saalaa raawwachuu danda'aa?"kan jedhuudha
Ijoolleen dhiiraa kutaa ishee keessa jiran mana barumsaa keessatti gaaffii dhuunfaa fi miira ishee jeeqan akka gaafatan dubbatteetti.
"Gaaffiwwaan akka, Wiilcheeriin qofa walqunnamtii saalaa raawwachuu dandeessaa? wal qunnamtii saalaa yoo raawwatte miidhaan sirra ga'u jiraa? Osoon walqunnamtii saalaa si waliin raawwachuu barbaade nan danda'aa?" jedhanfaa dhiyaataf ture.
Hooliin namoonni miidiyaa hawaasaa irrattis waa'ee saalqunnamtii ergaa isheef erganiiru, yeroo baayyee gaaffiin kun akka waan "carra qabeettii" taatetti itti dhaga'ama ture.
Holiin miidiyaa irratti bakka bu'ummaa fooyya'aa arguu barbaaddi, sagantaa barnoota saalqunnamtii irratti irratti fakkeenya gaarii dhiheenya kana barte Isaac Goodwin akka fakkenyatti eerudhaan.
Niikoolaa Toomaas kan ganna 38 magaalaa Kaarfiilii irraa taate qarodhabummaan galmooftetti. "Wantoota namoonni baay'inaan gaafatan keessaa tokko akkamitti walqunnamtii saalaa raawwatta? kan jedhuudha. Gaafii miira gaarii hin qabne fi dhuunfatu hafuura si kuta."
Niikoolaan dhukkuba (auto immune disease neuromyelitis optica) jedhamuun ija ishee tokko waggaa 15 dura ija kaan ammoo waggaa shan dura dhabde.
"Namoonni baay'een qarodhabummaa waliin bu'aa ba'ii baayyee dabarsu, ani immoo warra ilaalcha sana cabsan keessaa nama tokko ta'uun koo hin oolu."
Niikoolaan hojiiwwan akka imala yabalaa, ispoortii bishaan keessaa fi imalaa kanneen ishee bashannansiisan yoo ta'u, imalli ishee itti aanu gara Hong Kong dha.
Niikoolaan yeroo ija ishee dhabdu jaalallee qabdi turte garuu amma hariiroon sun diigameera.
"Ani akka waan ba'aa irratti ta'ettin ilaalamature, namoonni kunuunsituu ishee ta'uu hin dandeessu jedhun turan, garuu nama na kunuunsu hin barbaachisu ture."jetti.
Amma jaalallee akkuma ishee ijaan hin argine qabdi. "Lamaan keenya iyyuu qaro dhabeeyyii taanus, magaalaa keessa naanna'a ykn bashannana mataa keenyaa deemaa oolla, wanti duubatti nu deebisu hin jiru."
Niikoolaan namoonni fedhii yeroo isheef qaban wayita ibsan qoodinsi akka itti dhagahamu dubbatti.
"Namoonni miidiyaa hawaasaa irratti guyyaa guyyaan gaaffii jaalalaaana gaafatu, yeroon qaro dhabeettii ta'ukoo itti himu garuu xiyyeeffannaan isaanii ni jijjiirama ykn haala duraa irraa ni jijjirama""Akka waan hojii tola ooltummaa ykn deeggarsa siif godhanitti of ilaaluun isaanii hin oolu. Kun battalumatti si aarsa"
Nicolaan itti dabaluudhaan: "Waan qaama miidhamaa taaneef qofa namoonni akka waan miira nama kaanirra adda ta'e qabnuutti yaadu. Ani qoodinsa badaa sana cabsuu barbaada, jireenya guutuu fi gammachiisaa qaba."jette.
Kaat Watkinsi namoonni qaama miidhamtoonni waa'ee saalaa isaanii qorachuufi hariiroo uumuuf akkuma nama kamiiyyuu mirga akka qaban dubbatti.
Isheen qondaala Pirojektii Dhaqqabummaa Siyaasaa Qaama Miidhamtootaa Weelsiti.
"Saalqunnamtii fi hariiroon jaalalaa qaama miidhamtootaaf maaliif akkas qaanii ta'a?Nyaachuu danda'uu fi of danda'uu keenya caalaa waan baay'ee qabna."
"Jireenya kee jiraachuu fi ofitti gammaduun qaama jireenyaati, qaama miidhamtoonnis xiyyeeffannoo gahaa hin argatan."
Kaat fakkeenya namoonni dubartoota qaama miidhamtootaaf ergaa barreeffamaa itti ergan dhaga'uun ''akka nama gaddisiisu waanuma jiruudha'' jetteetti.
Marsariitiiwwan hariiroo jaalaalaa beeksisan qaama miidhamtootallee hammachuu akka qabu arguu akka barbaaddu dubbatteetti.
"Of waliin walii galtee qaama kee hubatta, kanaaf waan fedhakeellee namoota birootti himuu dandeessa. Of jaallachuunis baayyee barbaachisaadha."jechuun hubannoon hawaasaa qaama miidhamtoota irratti qaban akka jijjiramu hojjatmu akka qabu dhaamti ogeettin kun.