Liivarpuul qabxii 15'n caalee waancaa abdatu sadii keessaa tokkotti dhihaate

Madda suuraa, Getty Images
Fiixee gabatee Piriimer Liigiirra kan jiru Liivarpuul kilaba dhumarra jirtu Saawuzhampitan waliin wayita taphatu qabxii 58n caala.
Qabxii tapha kanarraa argate wayita dabalatu amma garaagarummaan kilaboota lameenii qabxii 61 ta'eera.
Injifannoon kanaan Liivarpuul waancaawwan abdataa jiru sadii keessaa kan Piriimer Liigiitti akkaan dhihaateera.
Saawuzhampitan ammoo liigicha keessaa bu'uutti dhihaateera. Kilabni kun haala amma irra jiruun qabxii seenaa liigichaa keessatti isa gadi aanaa ta'e galmeessee bu'uuf deema.
Ga'umsi Mohammad Saalaa akkuma itti fufetti jira. Rukuttaa adabbii lama kilabichi argate gara gooliitti jijjiiruun gareensaa durfamuurraa gara dursuutti akka ce'u taasise.
Saawuzhampitan Liivarpuuliif salphaa hin turre. Kanaan duras kilabni gara dhumaarra jirtu kun osoo dursituu duubaa ka'ee mo'eera. Tapha kanarratti jalqaba goolii 1-0 dhaan dursaa ture. Boodarra Liivarpuul goolii sadi galchuun taphichi 3-1n xumurame.
Rukuttaa adabbii Mohammad Saalaa galche lamaan alatti goolii tokko kan galche Darwiin Nuuneez.
Amma Liivarpuul qabxii 16n kilaba itti aanee jiru Arsenaal irraa fagaatee fiixee gabatee Piriimer Liigiirra taa'a.
Har'a Maanchistar Yunaayitid waliin kan taphatu dabalatee tapha lama kan qabu Arsenaal qabxii 54n lammaffaarra jira.
Tapha kaleessaan Maanchistar Siitii kan injifate Nootiingihaam Foorast ammoo qabxii 51 sadaffaarra jira.
Liivarpuul erga dhiphina guddaadhaan dorgommii waancaa Chaampiyoonsi Liigii irratti PSG injifatee as deebi'ee tapha Piriimer Liigii irratti dhiphina keessa ture.
Garuu waanti guddaan barbaadamu qabxii argatanii ba'uudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iddoo leenjistoonni dhaabanii taphattoota taliigan irraa dhorkamuun daawwattoota waliin teessoorra kan turan leenjisaan Liivarpuul Arne Siloot, taphicha booda waancaa abdatan keessaa tokkotti dhihaachuu dubbatan.
Liivarpuul tapha Piriimer Liigii itti aanu taphachuu dura dorgommii Chaampiyoonsi Liigii PSG waliin, waancaa Karabaawoof ammoo Niwukasil waliin morkata.
Abjuun Liivarpuul waancaa sadi: Chaampiyoonsi Liigii, Piriimer Liigii fi FA mo'achuuf qabu ji'a darbe jalaa fashalaa'e.
Innis wayita Pileeymaawuz dorgommii FA keessaa baaste ture.
Ammas garuu waancaa sadi adamsaa jiru.
''Dorgommiiwwan gosa garaagaraa mo'achuun mallattoo garee cimaati,'' jedhan Arne Siloot taphicha booda.
''Taphoota torbee kanaa keessaa kun isa murteessaadha. Waancaa eegnu sadan keessaa tokko harka galfachuu keenya. Waancaa isa itti aanu [Chaampiyoonsi Liigii] ammoo kana caalaa falmanna.''
Hanga ammaa dorgommiiwwan hundarratti goolii 32 kan galche Mohammad Saalaa ''har'a akka gaariitti waan taphanne natti hin fakkaatu,'' jedhe.
Saalaan taphoota Piriimer Liigii baranaarratti gooliiwwan 44 Liivarpuuliif akka lakkaa'an sababa ta'eera.
Dhuunfaasaan gooliiwwan 27 galche, 17 mijeessee kenne.
Kun tapha Piriimer Liigii guutuu (dorgommii bara tokkoo 38) keessatti goolii fi kubbaa mijeessanii kennuun ga'umsa gita hin qabnedha.
''Yoo waancaa Chaampiyoonsi Liigii ykn Piriimer Liigii mo'achuu barbaadde tapha taphattus sadarkaa sanatti injifachuu qabda,'' jedhe Saalaan tapha kana booda.
Torbee darbe dorgommii Chaampiyoonsi Liigii marsaa 16ffaa tapha jalqabaan dirree Parc des Princes irratti goolii 1-0 dhaan PSG kan mo'atan Liivarpuul, Kibxata dhufu tapha deebii Anfiildi irratti qabu.
''PSG mo'annee gara marsaa itti aanuutti darbuuf akkaataan tapha har'aa nu hin baasu. Anniisaa fi cimina yeroo sadi, afur, shan, ja'a, torba fi isaa daballu malee rakkoo ta'a. Ga'umsa tapha har'aatiin marsaa itti aanutti hin dabarru,'' jedhan Arne Siloot.
Liiverpuul Dilbata dhufu Wemble irratti tapha xumuraa Waancaa Karabaawoof Niwukasil morkata.
Leenjisaan lammii Daach jalatti kun Liivarpuuliif carraa waancaa isa jalqabaati.
Carraan waancaa sadi mo'achuu hangam dhiphaadha?
Kanaan dura kilaboota Ingilaand sadi qofatu bara dorgommii tokkotti waancaa sadi mo'atan.
Kun waacaan Community Shield, suppar kaappii (Uefa Super Cup) ykn kilaba addunyaa ( Club World Cup) osoo itti hin dabalamin.
Ulaagaan waancaa sadi mo'achuu, dorgommiiwwan waancaa Awurooppaa, waancaa Piirimer Liigii fi waancaa FA mo'achuudha.
Kana kan milkeessan kilaboota lama: Maanchistar Yunaayitid bara dorgommii 1998-99 fi Maanchistar Siitii bara dorgommii 2022-23.
Liivarpuulis kanaan dura yeroo lama bara dorgommii tokkotti waancaa sadi injifateera.
Bara 1983-84 waanuma barana eeggatan milkeessanii turan. Waancaa Piriimer Liigii, Diviiziyoona tokkoffaa fi waancaa Awurooppaa mo'atan.
Garuu yeroo sanas marsaa afraffaa irratti Biraayitaniin mo'amuun dorgommii keessaa baafaman.
Liivarpuul bara 2000-01 akkasumas waancaa sadi- FA, Piriimer Liigii fi Uefa Cup mo'ateera.
Maanchistar Siitiin bara 2018-19 waancaa Piriimer Ligii, FA fi Karabaawoo (League Cup) injifateera.
Kilaboota Piriimer Liigiin alattis kilaboonni Awurooppaa hedduun waancaa sadi yookiin afur bara dorgommii tokkotti mo'ataniiru.
Bara 1966-67 Seeltik waancaa Awurooppaa afur fi waancaa biyyashee sadi injifatteetti.
Baarseloonaa, Baayer Muunik, Ayaaksi, PSV fi Inter Miilaan kilaboota Awurooppaa bara tokkotti waancaa sadi injifatanii beekaniidha.












