Liiverpuul taphaan salphatee akkamiin injifannoon gale?

PSG 0-1 Liiverpuul

Madda suuraa, Getty Images

Liiverpuul tapha Shaampiyoonsi Liigii baay'ee caalamee fi yaalii gara galchiitti osoo hin taasisiin daqiiqonni 90 xumuramuu gahan irratti injifannoon deebi'uun waan raajii ture.

Paaris irratti Liiverpuul caalamuu qofa osoo hin taane rikardii kubba qabachuu fi yaalii gara galchiitti taasisuu dhiyeenyatti irratti argamee hin beekne galmeesse.

Liiverpuul %29.5 qofa kubba to'achuun taphate. PSG %70 kan tahu caalmaa qabu ture.

Aliisan Beeker addunyaa irratti karra eegaa cimaa tahuu isaa tapha irratti argisiise ture.

PSG'n dirree isaanii irratti kubba 27 karra Liiverpuul irratti yaalan keessaa kudhan qiyyeeffannaa isaa kan eeggate ture.

Liiverpuul kubba lama qofa gara galchiitti yaale. Isa keessaa Harvii Eeliyoot daqiiqaa 87ffaa irratti galchii tokko lakkoofsisuun injifannoon galan.

PSG hamma kana taphatee galchii lakkoofsisuu dadhabuun waan ajaa'ibaati. Icciitiin isaa ammoo Aliisan Bekertu karra isaa cufate.

Alisan ''taphan hanga ammaa taphadhe keessaa kan har'aa isa addaa fi gahumsakoo itti agarsiisedha'' jedhe.

Osmaan Dembeelee fi Kivaraasqeeliyaa namni dhaabu hin argamne.

Kivaraasqeeliya galchii lakkoofsise VAR jalaa haqe. Ibiraahim Koonaatee balleessaa Biraadilii Baarkoolaa irratti hojjeteef kaardii diimaa argachuu qaba ture kan jedhanis jiru.

Liiverpuul tapha kana gara dirree akkaan sodaatamu Aanfiilditti fudhateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arnee Isloot bara leenjisummaa isaanii jalqabaan hanga ammaatti taphoota afur qofa mo'ame.

Piriimer Liigii dursaa jiru. Karaba'oo Kaappii Niwkastil waliin xumura waancaaf dhaqabaniiru.

Shaampiyoonsi Liigii marsaa duraan tokkoffaan xumuran.

Amma PSG injifachuun deebi'aniiru. Paaris irraa gammachuudhaan kan deebi'an sababa karra eegaa isaanii Alisan Beekeriifi.

Garuu Aanfiildi irratti ni milkaa'uu?

Luwis Diyaaz qofatu daqiiqaa 44 irratti kubba qiyyeeffannaa isaa hin eegganne yaale. Yaaliin biraa hanga Eliyoot galchii lakkoofsisutti takkaa hin argamne.

Mohaammad Saalaa, Diyaaz akkasumas sarara gidduu irra kan taphatan akka Giraavenbergi, Sooboslaayii fi Maak Alister guutummaan guutuu morkattoota isaaniin caalamaniiru.

Leenjisaan PSG, Luwis Eniriikee, Aanfiildi irratti deebisne einjifachuuf qophiidha jedhe.

Hamma kana isaan caallee taphannee mo'achuu dadhabuun keenya waan nama dhibudha. Qabxii kana garagalchinee deebi'uuf qophiidha jedhe.

Deeggartoonni PSG waan daqiiqaa dhumaa irratti ijaan argan amanuu hin dandeenye.

Aliisan Beeker kubba sagal karra isaa irraa deebisuu qofa osoo hin taane kubba fageenya irraa Nuuneziif dabarse, Nuunez ammoo Eliyootiif kennetu galchii Liiverpuul tahe.

Bara 2011 abbaan qabeenyaa Kaataar erga PSG bitee maallaqa guddaa irratti dhangalaasee Shaampiyoonsi Liigiidhaan milkaa'uu hin dandeenye.

Mesii, Neeyimaarii fi Imbaappee qabatee gareen hin milkaa'iin hafe barana ammoo bifa haaraan ijaarame.

Akka durii maqaa taphattoota urjii jala dhokachuu osoo hin taane akka gareetti ijaaraman.

Osmaan Dembelee itti gaafatamummaa guddaa fudhachuun gahumsa isaa haala gaariin fooyyesse.

Taphoota 22 darban irrattis hin mo'amne ture. Garuu ammas Shaampiyoonsi Liigiin gaara isaanitti tahaa? Moo Liiverpuul taphoonni itti baay'achuun harka kennachuuf dirqama. Facaasaa dhuftu kan ilaallu taha.

Tapha Biraan Baarseloonaan daqiiqaa 70 ol taphattoota kudhaniin taphatee 1-0 Benefiikaa mo'atee deebi'e.

Pawu Kubaarsii daqiiqaa 22ffaa irratti kaardii diimaan bahus Baarseloonaan gahumsa Raafiinaa fi Lewandowiskii agarsiisaniin injifannoon galeera.

Baayern Munik ammoo morkataa isaa baayern Liiverkusaniin 3-0 injifate. Haarii Keen galchii lama, Muusiyaalaan tokko lakkoofsisaniiru.

Arsenaaliifi Aston Viilaan kanneen torban kana injifatan keessaati.