Seera sekondii saddeetii karra eegdotaaf bahe beektuu?

Joordaan Piikfoordi

Madda suuraa, Getty Images

Ganna dhufu irraa eegalee karra eegdotaaf seerri sekondii saddeetii bahe hojiirra ooluu jalqaba.

Karra eegdonni kubba qabatanii hanga garee isaaniiif kennuun tapha jalqabsiisanitti sekondii saddet qofatu eeyyamamaaf.

Seerri kun isa karra eegdonni kubba qabatanii yeroo gubuuf of harka tursiisan hanbisuuf bahe.

Seerri kun Ingilaandi, Xaaliyaanii fi Maaltaa keessatti yaalamaa turee waan milkaa'aa taheef Boordiin Waldaan Kubba Miilaa Idil-adunyaa [IFAB] bara dorgommii 2025-26 keessa hojiirra oolchuuf murteesse.

Seerri kun Hagayya 1 bara 2025 irraa eegaluun akka adunyaa guututti hojiirra oola.

Dorgommichi Waancaa Kileboota Adunyaa Waxabajji 15 hanga Hagayya 15tti gaggeeffamu irrattis hojiirra akka oolu boordichi ibseera.

Murteessitoonni adabbii akkamii dabarsu?

Karra eegaan tokko yoo sekondii sadetii ol kubba qabatee ture murteessaa [daanyaa] garee faallaaf rukuttaa koornaa kenna.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isa dura garuu yeroo karra eegaan kubba qabatee sekondii shan guutu murteessaan akeekkachiisa kennaaf.

Harka isaa ol qabuun haaluma mul'atuun sekondii hafe lakkaa'uu jaqaba.

Seerri kun kana duras jira ture. Garuu hojiirra oolfamaa hin turre. Seerri kana dura ture yoo karra eegaan kubba sekondii jahaafi isaa oliif qabatee ture rukuttaan peenaaliitii fageenya irraa garee fallaaf kennama jedha.

Boordichi akka jedhetti yeroo yaalii kana keessa seerichi sirriitti hojiirra ooleeyyuu balleessaa fi adabbii afur qofatu taphoota dhibbaan lakkaa'aman irratti mudate.

Boordii Waldaan Kubba Miilaa Idil-adunyaatti daariktera kutaa teeknikaa kan taheefi kana dura murteessaa tahuun Piriimer Liigii keessa hojjechaa ture Deevid Eleraay The Times'tti akka himetti, ''jijjiirraan seeraa gaariin bakka rakkoo hedduu jirutti hojiirra oolee dhuma irratti rakkoo sana maqsudha.''

''Tapha kan saffisiisu yoo tahe, bu'aa gaarii argamsiifnaan, seera bu'aa qabeessa danqaa ture maqse tahuu isaati.''

Seera kana irraa maal eegna?

Dorgommii Waancaa Kileboota Adunya irratti akkamiin akka karra eegdonni isaanii akka Edersan, Orteegaa, Roobert Saanches ykn Filiip Joorgensan fa'aa hojiirra oolchan ilaalla.

Yeroo seerichi jaqabu yoo xiqqaate gara jalqabaa rukuttaa koornaa sababa adabbiin kennamu arguu dandeenya.

Inumaayyuu leenjistoonni rukuttaa koornaa fi rukuttaa kubba fageenyarraa dhaabbatee hojii guddaa qabu.

Akkamiin akka taphattooni isanaii fayyadamuun galchii lakkoofsisan irratti baay'ee hojetu jedhamee eegama.

Yeroo seerri jalqaba hjiirra oolu akkamiin akka cimu ni beekna.

Fakkeenyaaf yeroo dorgommiin Piriimer Liigii bara kana jalqabe Deklaan Raayisii fi Tiroosaad kubba fageessanii dhiituun taphicha gufachiisaniiru jedhamuun akkamiin akka kaardii keelloo lama argachuun dirreetii bahan ilaaluun danda'ama.

Yeroo karra eegaan kubba qabatu deeggartoonni mormitootaa sagalee ol kaasanii sekondii lakkaa'uun dhiphisuun isaanii waan hafu miti.

Seerri kun namoota kubba taphatanii hin beekneen bahe. Karra eegaan duraanii West Haamii fi Ingilaandi Roob Giriin:

Kana dura seera sekondii jaha jedhutu ture. Isa karra eegdonni kubba tursiisan kana hanbisuuf gahaa ture. Amma seera kana deebisanii fiduun na ajaa'ibeera.

Tapha kubba miilaa kana dura caalu daqiiqaa 90 keessatti argannaan bayeessa jedhe.

Rukuttaan koornaa carraa galchii tahuu %4 qofa qaba. Kanas tahe sana gareen dursaa jiru rukuttaan akkasii yoo irratti kenname jabaatee ittisuu qofadha jedhe Roob Giiin.

Karra eegaan duraanii Tootenhaam Pool Roobinsan seerri sekodii jahaa ture. Sun yeroo hafu karra eegdonni kubba qabachuun yeroo gubaa turan Amma sekondii lama dabaluun saddet taheera. kun rakkoo ture furaa edhee gaafata?