'Ati dhiira naan jedhanii kubbaa miilaa dubartootaa keessaa na baasan'- Masaay Tamasgeen

Taphatuu kubbaa miilaa Masaay Tamsgan

Madda suuraa, Mesay Temesegen

Ibsa waa'ee suuraa, Taphatuu kubbaa miilaa Masaay Tamsgan

Masaay 'duri' ollaashee keessatti yeroo kubbaa taphattu kan haala isheen ittiin kubbaa qabattu ilaalee kan hin leellisiin hin jiru. ''Mucaan kun bakka guddaa geessi'' kan hin jedhiin hin jiru.

Taphawwan mana barnootaattis ''taphattuu kubbaa miilaa cimtuu ta'ushee mirkanneessuuf yeroo itti hin fudhanne. Ogummaa ishee nkubbaa miilaatiif qabduus 'saffiisaan gara waltajjiiwwan gurguddaatti' ishe geesse.

Mana barnootaatii aanaa, aanaarraa godina, godinarraa naannoo bakka bu'uudhaan taphachuudhaaf yeroon itti fudhate ''baayyee gabaabaa'' ture.

Yeroo gabaabaa keessattis taphattuu kubbaa miilaa ''pirofeshinaalii'' liigii pirimerii dubartootaa Itoophiyaa ta'uun taphattee jirti. Haaluma walfakkaatuun haalli saffiisaa jijjiramuudhaan kubbaa miilaa jaalattuun adda baate.

Taphattuun pirofeshinaala duraanii amma hojii argame hojjataa jirti.

Haallii attamiin saffiisaa jijjirame?

Magaalaa Hosaahiinaatti kan dhalatte Masaay Tamasgeen ''umuriikoo irra caalaa kubbaadhaanan dabarse,'' jetti.

Taphawwan kibba waliigalaa bara 2006tti Arbaa Miincitti taphatame irratti Masaayiin kan hammate garee kubbaa miilaa dubartootaa godina Hosaahinaa irratti hirmaattee turte.

Dorgommiin kunis Masaayiif carraawwan hedduu baneef.

Yeroo sanatti garee kubbaa miilaa dubartootaa qabachuudhaan kan gara sanatti imale leenjiisaan Yooseef Gabrawald, ''haalli qabiinsa'' Masaay kan abdatamu akka ta'e waan amaneef kilabiitti leenjiisuuf akka mallatteesitu murteesse.

Masaay leenjiisaa Yooseef olmaa olaanaa akka taasiseef dubbatti.

Kana qofaas miti, gahuumsi dorgommii kanarratti agarsiifte naannoo Kibbaa bakka bu'uudhaan taphawwan Itoophiyaa waliigalaa Baahir Daariitti gaggeeffamuuf akka filatamtu taasise.

Masaay dorgommii garee dubartoota Naannoo Kibba injifattuu ta'uun hirmaatteen mo'atan. Dorgammii sanaan Masaay taphattuu urjii ta'uun xumurte ture.

Masaay waa'ee dogommii kanaa yoo dubbattu, ''waan fooyya'aa baayyee ittiin argeera. Muuxannoos ittiin argadheera. Dorgommii akkan baayyee qabu ittiin hubannee ture. Isaan boodan sadarkaa pirofeshinaatti ofi yaaduu kanan eegale'' jetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dorgommichaan booda barbaadummaan Masaay dabale. Kilaboonni piriimer liigii dubartoota Itoophiyaa irratti hirmaatan akka mallatteessituuf gaafatan.

Kilaboota akka mallatteessituuf gaafatan keessaa Hawaasaa Kanamaa fi Sidaamaa Bunnaan keessatti argamu. Masaay haala walfakkaatuun kilaboota lamaaniifuu mallatteessite.

Kana kanan raawwadhee ''sababiin hin beekneefidha'' jettulleen, badiin waan irratti argameef waggaa lamaaf akka hin taphannee adabamte.

Hawaasaa Kanamaa ol iyyannoo gaafachuudhaan waggaa tokkoo fi wallakkaan booda gara kubbaatti deebite. Masaay yeroo sanatti kaffaltii kubbaa miilaa dubartootaaf gaariidha jedhamuun mallatteessite.

''Mindaan argadhuun kan maatiikoo gargaaru ana ture. Abbaan keenya nu waliin miti. Haadhakoos kan gargaaru anadha,'' jetti.

Turtii waggaa lamaatiin Masaayiin injifattuudhaan qabatee kan ture Haawaasaa Kanamaan Waancaa mo'atanii darbuu dubartoota Itoophiyaatiin waancaa injifatan.

Piriimer liigiin dubartootaatiin taphattuu goolii baayyee galchite ta'uun xumurte. Irra deddeebiin urjii taphaa ta'uun filatamteetti.

Sababii weerara Koovidiin adda citee kan ture piriimerii liigiin dubartootaa ALI bara 2012tinis goolii baayyee galchite turte. Imalli milkaa'inaa Masaay kun qormaatatu mudate.

Masaay Tamsagan taphattoota waliin

Madda suuraa, Mesay Temesegen

"'Saallishee sirrii mitiin' jedhame''

Hawaasaa Kanamaa keessatti yeroo gaarii dabarsitee kan turte Masaay komiin irratti dhiyaate. ''Saalli Masaay sirrii miti'' jechuudhaan leenjiisaan piriimerii liigii federeshiniitti komii dhiyeesse.

Sababii kanaatiin Masaay ''qoratamuu'' qabdi jedhamte. Federeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa hospitaalaa Minilikiif xalayaa barreesse. Xalayichis Masaay akka qoratamtu kan gaafatu ture.

''Qorannoon gaggeesse. Bu'aansaas taphachuu ni dandeessi kan jedhu ture. Innis Federeshinichaaf ergame. Federeshinichis akkan taphadhu naaf hayyame',' jechuun ibsiti.

Dhimma kana ilaalchisee BBCn kutaa wallaansa ispoortii federeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa dubbiseera.

Daareektarri kutaa wallaansichaa, Dr Saamu'el Yashiiwaas kutaan suni Fulbaana ALI bara 2015 hundeeffamuu kaasuudhaan, ''wanta duraan ture hin beeku. Garuu murteen ulaagaa guutuu fi gabaasni harkaa koo hin gallee'' jedhan.

Kanas ta'e sana, Masaay bara kanatti irra deebiin gara kubbaa miilaatti ni deebiiti.

Yoo barri dorgomichaa xumuramuttis gareen kubbaa miilaa dubartoota Raayyaa Ittisaa Masaayiin mallatteessiseera.

Bara dorgomii ittaanuun dura gara lafa dhalootashee Hosaahinaatti deebiiti.

Yeroo muraasaan booda taphattoonni dubartaa lama kan ishee waliin Raayyaa Ittisaatiif mallatteessan barreeffamni mindaan isaaniif seenuu ibsu qaqqabeera.

Masaay garuu ergaan kun hin qaqqabne. Eegde. Kan jijjirame omtuu hin jiru.

''Mindaan naaf hin gallee jedhee yoon bilbilu, federeshinichi waliigaltee ishee hin raggaasifnu jedheera' naan jedhan. Cimaa ture, na naasiseera'' jechuun haala ture yaadatti.

Qorannoo marsaa lamataa akkan taasisun gaafatame jetti. ''Nama tokkorratti al lama qorannoon akka gaggeeffamu taasifamunsaa sirrii akka hin taane kan kaaftu Masaay, murtee kanatti gammaduu baatulleen qoratamuuf waliigalte.

''Ani barbaadee wanti dhufe hin jiru. Waanan dhoksuus sababii hin taaneef yeroo lammataatiif qorannoo yoo naan jedhan 'toleen' jedhe'' jetti.

"Jalqabarratti dhiira jedhanii na qoratan. Irra deebiin hakiimoonni federeshinichaa na qorachuudhaan hormoniin kee sirrachuu qaba naan jedhan.''

Maalummaa hormonii sirratu uqaba jedhamee, hangamii? ykn waliigalatee waa'ee hormonichaarratti odeeffannoo bal'aa hin qabdu.

Ta'us ''wallaansa hormoonii'' baatii ja'aa ol fudhata jedhame gochuudhaaf qormaanni ishee mudate. Wallaansa kanaaf beellama hakiimiin kennuuf Finfinneetti marmaaruu qabdi.

Masaay tamasgan

Madda suuraa, Mesay Temesegen

"Baasii hedduun baase. Maallaqa harka koorra ture hunda bu'aa tokko maleen fixe. Qorannoof jecha Hosaahinaarraa Finfinneettin deddebi'aa ture. Finfinneedhaa fira hin qabu. Maatiis hin qabu. Siree qabadheen tura. Waan baayyeen dabarse. Humna kootiin ol taanaan ammoo nama na gargaaru sababiin dhabeef qorannicha adda kute. Achinis gara hojiin naannoo kootti argadhuuttan deebi'e'' jetti.

''Federeshinichi waan na gargaare hin qabu. Namni na cinaa ture hin jiru,'' jechuun haalicha ibsiti.

Masaay haala gahaa ta'een odeffannoon akka hin kennamneefi haala ifatti hin ibsamneefiin kubbaa miilaa keessaa gaggeeffamuu dubbatti.

Bu'aa qorannoo jalqabaalleen argachuu hin dandeenye. ''Bu'aan sun federeshinii i Hawaasaa Kanamaa bira jira. Kilabii biraa bira deemuuf wanti jedhu sababii tureef Hawaasaa kanamaan bu'aa qorannichaa naaf hin kennine,'' jetti.

Garee biyyaaleessa dubartoota Itoophiyaatiif taphachuudhaaf yeroo filatamtetti federeshiniin kubbaa miilaa qorannoo taasisuu ittigaafatamaan kun ibsaniiru.

Taphattuunis erga duraan qorannoo gaggeessuudhaan taphachuudhaaf hayyama argatteen booda irra deebiin akka qoratamtu maaliif taasifame? jedhamuun kan gaafataman Dr Saamu'el, ''Isaan dura qorannoon jira hin jiru gaaffiin jedhu hin ta'u. Taphattuun kubbaa miilaa federeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa jalatti dorgommii taasifaman keessa jirtu hundi, kubbaa miilaa dubartootaaf haqa qabeessa gochuudhaafi imaammata barbaachisuuf bitamuuf yeroo kamiitu qorannoo taasisuu waan dandeenyuuf, taasifneerra. Bu'aan qorannichaatis har'a kan biraa boru adda haalli itti ta'uu hin jiru'' jechuun deebiisan.

Ittigaafatamichi, imaammanni ulaagaa federeshinichaa kan seeroota idil-addunyaa bu'uurreeffatedha jechuun ibsan.

''Eenyunuu 'dubartiidha' ykn 'dhiira' jennee haalli itti murteessinu bu'uurri kamuu hin jiru'' kan jedhan Dr Saamu'eel, dorgommiirratti hirmaachuuf hangi hormoniifi kiromozom, akkasumas caasaa qaama keessoo (internal structure) ulaagaaleen ilaallatan guutuu akka qabaatan kaasu.

"Kana guutanii haalli itti dorgomiitti deebi'an keenyeerra'' kan jedhan Dr Saamu'el, haala kanaatiin Masaay ''dhimmoonni hin guunne jiru'' jechuun ibsan.

Dr Saamu'el, walumaagalatti Masaay ''dhimmoota hin guutiin jiru'' jechuun alatti, ''bu'aaleen wallaansaa waan icciitiin qabameef'' gadi fageenyasaa dubbachuu akka hin dandeenye BBCtti himan.

Federeshinichi baasii qorannoo kanaa kaffaluus hin qabaatus jedhan. Daarektarri kutaa wallaansa federeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa, Dr Saamu'el, komiiwwan saalaan wal qabatan mana murtii jaarsummaa ispoortii idil-addunyaatiin ilaalmuu akka danda'u ibsan.

Guddiina saalaa damee ispoortiin furmaata hin arganne

Dhimmi kun kan Masaay qofa mudate miti. Waltajjiiwwan ispoortii addunyaa hedduun namoonni ispoortii sababii saalaatiin rakkoo keessa ni galu.

Kanaanis olompiikii tokkorratti kan meedaaliyaa warqee argatte atileetiin lammii Afriikaa Kibbaa dheerina meetira 800, Kaastar Semeeniiyaa kan eeramtuudha.

Semeeniiyaan bara 2017tti, umamaan teesteestiroonii olaanaa ''dorgomtoota kaan caalaa akka argattu'' taasisu qabdi jechuun ture federeshiniin atileetiksii idil-addunyaa kan ibse.

Atileetittiin garuu kana hin fudhattu. Olompikii dubartootaa bara darbe Paariisitti gaggeeffame, hirmaattuu dorgommii bunyaa dubartootaa kan turte lammiin Aljeeriyaa, Imiinii Kaaliif fi Taayiwaan kan bakka buute Liin Yuu Tiingim dhimma kana waliin maqaansaanii ka'aa ture.

Namoonni garaagarummaa guddiina saalaa (differences of sex development/DSD) qaban, yeroo baayyee ibsituuwwan dubartiidha ykn dhiira jechuun ramaduuf gargaaran hin qaban.

Qacceen sanyii, teesteestiroon, Kiromozom, hormoniifi qaamni wal hormaata namoota haalaa umamaa akkasii keessa jiran garaagarummaa qabaachuu danda'a.

Namoonni akkasii kunneenis, ispoortii keessatti namoota kaan caalaa caalmaa qabaatu? gaaffii jedhuuf, qorattoota biratti mataasaa deebiin tokko hin jiru.

Dubartoonni haala ummamaa akkasii keessa jiran tokko tokko cimina qaamaa caalaa qabaachuu akka danda'an falmu.

Lammii Aljeeriyaa Imaan Kaaliif

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dorgomtuu bunyaa lammii Aljeeriyaa Imaan Kaaliif dorgomii olompikii Paariis irratti murmiin mudate

Yeroo ta'etti BBC garaagarummaa guddiina saalaa irratti kan dubbise, Yunivarsitii Meetiropolitaantii Maanchistariitti qorataa qaccee sanyii inistitiyuutii ispoortii kan ta'an, Pirofesar Aluun Wiiliyaams kiromozom (Y) qabaachuun qofti jiraachuun nama tokko dhiiraa ykn dubartii jechuudhaaf gahaa miti jedhu.

Dameewwan ispoorti muummee keessatti molokiiwula qorataa qaccee sanyii kan ta'an, Dr Shaanee Heefaraan dorgomtoota guddina saala addaa qaban irratti qorannoo gaggeessaa jiru.

Uumama akkasii kanneen qaban hundi haalaa walfakkaatuun madaaluun sirrii akka hin taane ibsuun, tokkoo tokkoon namoota garaagarummaa guddina saalaa qaban haala mataasaanii addaa akka qaban himu.

Fakkeenya yoo kaasanis, dubartiin garaagrummaa guddiina saalaa 'Androgen Insensitivity Syndrome' jedhamu qabdu tokko, yeroo baayyee ibsituu dhiiraa kan ta'e kiromozomii (XY) akka qabaatu ibsan.

Kana malees, testostironii dubartoota caalu maddiisifti. Ta'us qaamnishee kan qindeessuu hin dana'u. Kanaaf, bu'aan dubartoota kaan ykn caalaa argamsiisuuf akka hin jirree dubbatan.

Ittaansee Koreen olompikii addunyaa ulaagaalee hirmaachuuf kaa'e saayinsii hammayyaa amma jiruu irratti kan bu'uurreeffate miti. Kanaafiidhan ulaagaaleen amma jira irra deebii'aan akka ilaalamaniif namoota gaafatan hedduu keessaa tokkodhan kanan jedhan.

Koreen olompikii addunyaa qajeelfama garaagarummaa guddina saalaa irratti bu'uurreeffachuun, federeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaas qajeelfama qopheesseera.

Haala qajelfama kanaatti ulaagaalee wal fakkaataa akka hin guuttuu ibsameera.

Haata'u malee taphattuun tun waa'ee argannoo qorannoo yaaliitiin irra gahameerratti ibsi gahaan waan hin kenneemnee fi bu'aan qorannoo harkasheerra akka hin jirree kaafti.

"Abjuunkoo guddaa ture"

Masaay yeroo dorgommiiwwan irratti hirmaattuuttis arrabsoon irratti raawwatama. ''Taateen kunis bakka yeroo jalqabaatiif dorgoommiidhaaf itti hirmaatte Arbaa Minchirraa kaaseeti'' jetti.

''Wantoonni tokko tokko darbaa yoo ta'an na gaddisiisa. Kaan akkan waan ani ofii kiyyaan fidee fi akka ummama badaatti kan na ilaalu jira. kanneen jecha sammuu nama xuqu dubbatanis jiru'' jetti.

''Waaqni karoorsee na uumee jedhee sababiin yaaduuf dhimmoota salphiseen bira darba'' jetti.

Dorgommii taphoota waliigala Itoophiyaatiin yeroo gara Baahir Daar imalteettis kan ishe mudate hin dagattu.

''Kun dhiira jedhanii deeggartoonni guutuun tiribuniirraa bu'ee na marse. Sun kan jalqabaakoo sababii ta'ef baayyee nan naasise. Garuu osoo na arrabsaniin isaan dhiisee bahe'' jetti.

Afriikaarra darbee sadarkaa addunyaatti dubartoota kanneen uumama akka ishee qaban yoo ilaaltuutti 'anis abdiin qaba'' jetti.

Taphawwan garee biyyaaleessaatti Loozaa Abbaraa waliin yeroo muraasaaf taphachuuf carraa argattee kan turte Masaay, sadarkaa isheen irra geessee gahuuf hawwiiti.

''Abjuunkoo guddaadha. Jireenyikoo guutuun qormaata'' kan jetti Masaay, ammas ''qabsaa'uu'' fi gara kubbaa miilaatti deebii'uuf hawwii guddaa qabdi.

Rakkoo guddaa ammo attamiin ''qabsaa'uu'' akka qabdu hin beektu. Kan daandii ishee agarsiisu, kan kallattii qabsiisuu hin qabdu.

Kanaafiidha ammatti abjuushee dhiisuun gara magaalaa itti dhalatteetti deebii'uudhaan buufata konkolaataatti mi'a buusuufi fe'uu hojjataa kan jirtu.

''Yeroo kubbaa miilaa taphaa ture baayyee gabaabaa ta'ulleen bu'aa baayyee itti argadheera. Kubbaan miilaa dubartootaa ammaan tana jiru kan yeroo ani keessa turee caalaa fooyya'aadha. Osoon kubbaa miilaatiin itti fufee sadarkaa gaarii irra nan gaha ture'' jetti.