Kaayyoon keenya Waancaa Piriimer Liigii mo'achuudha - Amoorim

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorim erga Fuulhaamiin mo'amanii waancaa FA keessaa bahanii ''kaayyoon keenya waancaa Piriimer Liigii mo'achuudha'' jedhan.
Yuunaayitid rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'amuun dorgommii FA keessaa bahe.
Taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid Wayinii Ruunii ammoo galmi keenya waancaa Piriimer Liigii injifachuudha jechuun ''wallaalummaadha'' jedhe.
Yuunaayitid taphoota 24 Amoorim jalatti taphate keessaa 10 mo'ameera.
Ji'a sadaasaa darbe keessa leenjisaa Yuunaayitid erga tahee Amoorim, Oldi Tiraafordi irratti taphoota jaha mo'ame.
Bara kana hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii irraa hedduu duubatti kan hafe Yuunaayitid karaan tokkichi gara dorgommii Awurooppaatti isa deebisu hafe Awurooppaa Liigii qofadha.
Awurooppaa Liigii keessa ammoo kileboonni jajjaboon gahumsa guddaa irra jiran jiru. Kunis Maanchisteriif gaara guddaa bahuu itti taha.
Erga Sar Aleeksi Farguusan soorama bahanii Yuunaayitid Waancaa Piriimer Liigii mo'atee hin beeku.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amoorim waancaa kana gara Oldi Tiraafoorditti deebisna jedhe.
Garuu yoom?
"Kaayyoon keenya waancaa Piriimer Liigii mo'achuudha,'' jedhe Amoorim.
''Akka taphoota hedduu mo'amaa jirru nan beeka. Galmi keenya garuu Waancaa Piriimer Liigii mo'achuudha. Yoom akka tahe garuu hin beeku. Galma kaawwanne qabna. Waan barbaades tahu fuulduratti deemuu qabna,'' jedhe.
Ruuniin garuu yaada Amoorim kana hin jaalanne.
Sagantaa 'Match of the Day' jedhamu irratti yaada kan kenne Ruuniin ''Amoorim karoora yeroo dheeraa dhiisee kan yeroo gabaabaa irratti xiyyeeffachuu qaba. Isatu hojii isaa dhabuu irraa isa oolcha'' jedhe.
''Haalaa fi bakka amma jiran yoo ilaalle Waancaa Piriimer Liigii mo'anna jechuun wallaalummaa natti fakkaata. Waancaa injifachuu irraa baay'ee duubatti hafanii jiru'' jedhe.
''Yeroo gahaa argata jedheen yaada. Garuu yeroon kennamuuf akkasumaan miti. Jalqaba gabatee liigIchaa irraa achii ol dhufuu barbaachisa. Akkamitti dorgomaniiti waancaa kan mo'atan?'' jechuun qeeqe Waayinii Ruunii.
Ruuniin Yuunaayitid waliin Waancaa Piriimer Liigii shan, akkasumas Shaampiyoonsi Liigii mo'ateera.
Dursaa taphattootaa tahuun Yuunaayitid keessatti maqaa guddaa kan qabu Ruuniin galchii hedduu lakkoofsisuun rikardiis qaba.
Ruuniin leenjisaa tahee hojjechuun hammam akka ulfaatu argeera. Darbi Kaawontii keessatti hojii fooyyee qabu hojjeteeera.
Garuu gara Ameerikaa deemuun MLS keessatti DC Yuunaayitid leenjisaa ture.
DC Yuunaayitid akka malee gadi buunaan Ruuniin achii ari'ame.
Barmiingihaamii fi Piliimaawoz keessa ammoo duraa duubaan taphoota 15 fi 25 qofa leenjise.
Ruuniin akka leenjisaatti qabxii akka malee gadi bu'aa galmeesse.
Amoorim yeroo dubbii Ruuniif deebii kennu rikardii leenjisummaa Ruunii qabu hin dubbanne.
Garuu miidiyaa irratti odeessuu fi qabatamaatti leenjisuu gidduu garaagarummaa guddaa akka jiru ibse.
''Haala amma keessa jirru anis namni hunduu beeka. Yeroo kubba taphachuurraa sorama bahe xiinxalaa tahee miidiyaa irratti hojjedheera. Odeessuun akka baay'ee salphaa tahe nan beeka.''
''Tarii ana waliinis tahuu dhiisuu mala. Akka kilabaatti garuu galmi keenya akkuma leenjistootaa fi taphattoota seenaa gurguddaa qaban waliin Waancaa Piriimer Liigii mo'achuudha.
"Haala ulfaataa keessa jirra. Garuu ani wallaalaa miti. Kanumaafan umuriikoo waggaa 40'n Maanchister Yuunaayitid leenjisaa jira.''












