Gaazaatti namoonni 81 guyyaa tokkotti ajjeefaman- Ministeera Fayyaa Gaazaa

Madda suuraa, Reuters
Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu, haleellaa Israa'eliin guyyaa tokkotti jiraattonni Gaazaa yoo xiqqaate 81 ajjeefamuu fi 400 kan caalan miidhaamuu ibse.
Hojjettoonni hospitaala Al-Shifa fi namoonni ijaan argan miidiyaaleetti akka himanitti haleellaa naannawa istaadiyemiitti yeroo tokko raawwateen daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namonni 11 ajjeefamaniiru.
Istaadiyemiin haleellaa Israa'eliin maca'e kun bakka namoonni qe'eesaaniirraa buqqa'an keessa jiraataniidha, hedduun isaanii dunkaana keessa jiraatu.
Suuraalee fi viidiyoon BBCn dhugaa ta'uu mirkaneesse wayita namoonni harkaan lafa qotuun rifeensa baasan mul'isu.
Humni waraanaa Israa'el haleellaa raawwateen ''miidhaa qaqqabe quba hin qabu,'' jedhe.
Uummati Gaazaa wayita haleellaa jala jiranitti Pirezidanti Doonaald Tiraamp torbee dhufu waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra ga'amuuf akka jiru ibsaniiru.
Qataar irraa kanneen jaarsummaan dhimma kana gidduu jiran dhiibaan Ameerikaan uumtuun dhukaasa dhaabuurratti waliigaluun ni danda'ama jedhan.
Guraandhala darbes waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'oota lamaa haleellaa Israa'el Gaazaarratti bifa haaraan eegalteen cabeera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Amajjii 19 irra ga'ame sun silaa gulantaa sadiin hojiitti hiikamuuf tue.
Garuu gulantaan jalqabaallee osoo hin milkaa'in cabe.
Gulantaan lammataa waliigalteen dhukaasa dhaabuu dhaabbataa ta'e jiraatee kanneen butaman gadhiifamuun Filisxeemonni akka hidhaadhaa ba'an ture.
Akkasumas humnoonni Israa'el guutummaatti Gaazaa keessaa akka ba'an ture.
Kamisa darbe qondaalli gameessi Hamaas tokko BBCtti akka dubbatetti kannneen jaarsummaan gidduu jiran dhukaasi akka dhaabbatu dhiibbaa uumaa jiru.
Garuu Israa'el waliin marii eegaluun ammallee akka cufametti jira jedhe.
Wayita qaami dhimmi ilaalu hunduu nagaa buusuu fi kanneen buutaman akkasumas kanneen hidhaman akka gadhiifaman gaafataa jiranitti Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa cimsiteetti.
Keessattuu haleellaan Jimaata halkan Istaadiyemii Filisxeem magaalaa Gaazaa keessatti argamurratti raawwate akkaan suukanneessaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa kanaan dunkaanni buqqaatonni keessa jiraatan namuma waliin dachee jalatti awwaalame.
Yoo xiqqaate reenfi namoota 11 argameera, kaan barbaadamaa jiru.
Namni ijaan arge tokko wayita haleellaan isaan irratti eegalamu taa'anii akka jiran hime.
Jalqaba daandii guddaatu haleelame, isa booda dhohiinsa cimaan istaadiyemirratti raawwate jedhe.
''Naannoo kana dunkaanatu heddumminaan jira. Amma dunkaanonni hundinuu dachee jalatti awwaalamaniiru. Yeroo dheeraaf harkaan qotaa turre. Reenfa namaa baasuuf,'' jechuun Rooyitarsitti hime Ahamd Qishawi.
''Namoonni barbaadaman (hidhattoonni) as hin jiran,'' kan jedhu namni kun ''akka warri Israa'el jedhan 'shororkeessaan' bakka kana hin jiru. Bakka kana namoota nagaa, daa'imman dabalatee, hedduutu jiraatu. Kanneen irratti haleellaa suukanneessaa raawwatan,'' jedhe.
Bakka biraatti, iddoo al-Mawasi jedhamutti haleellaa manneen jireenyaa irratti raawwatameen ammoo namoonni 14 ajjeefamaniiru.
Haleellaa al-Mawasi kanaan maatiin ijoolleesaanii sadi waliin ajjeefamaniiru.
Firoonni namoota ajeefaman kunneenii Asoosheetid Pireesitti akka himanitti ''maatiin kunneen osoo rafaa jiranii ajjeefaman.''
''Daa'imman kunneen maal isaan godhan? Badiin isaanii maali?'' jedhan akkawoon ijoollee dhumtee Su'aad Abuu Teyimaa.
Haaluma walfakkaatuun haleellaa Sambata kaleessaa naannawa Tuffah jedhamuutti naannawa mana barumsaatti raawwateen namoonni hedduun ajjeefamaniiru. Bakka kana namoota qe'eesaaniirraa buqqa'antu qabatan.
Ministeerri fayyaa Filisxeem haleellaa kanaan daa'imman shan dabalatee yoo xiqqaate namoonni saddeet ajjeefamuu ibse.

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Israa'el ibsa baaseen qondaala damee waraanaa Hamaas Hakham Muhammad Issa al-Issa magaalaa Gaazaa naannawa Sabra jedhamutti ajjeesuu qofa eere.
Israa'el hoogganaan kun haleellaa Onkoloolessa 2023 kan qindeesse nama kana jedhanii amanu.
Haleellaa Onkoloolessa 7 sanaan Israa'el irraa namoonni 1,200 ajjeefamuun 251 kan ta'an butamaniiru.
Gama Gaazaatiin ammoo hanga ammaatti namoonni 56,000 caalan ajjeefamaniiru.












