Gaazaatti namootni nagaa nyaata barbaada ba'an ajjeefamaniiru jedhame

Nama lammii Falasxiin gargaarsaa baatee deemaa ture

Madda suuraa, Reuters

Hogganaan dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa fi Israa'eel deeggaramuu, Israa'el lammiilee Falasxiinota gargaarsa eeggatan irratti irra deddeebiin haleellaa raawwattee ajjechaa fi miidhaa raawwatte boodallee ''hojii koo sirnaan hojjechaa jira'' jedh.

Hogganaan Dhaabbata Gaazaa Humanitarian Foundation (GHF) Jooniin Muur BBC'tt akka himanitti, ajjeechaa naannoo bakka gargaarsa raabsutti raawwatame haaluu bataniss, taateewwan kunneen hundi naannoo bakka raabsaa gargaarsaatti dhhootti raawwatame jechuun soba ta'uu dubbatan

Qondaalli kun Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbileen idil-addunyaa biroo ''odeeffannoo mirkaneessuu hin dandeenye babal'isaniirus'' jedhan.

Sirni gargaarsa GHF dhaabbilee akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin kan balaaleffatame yoo ta'u, Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees Jimaata darbe ''nageenya hin qabu'' jechuun dubbataniiru.

"Sochiin namoota nagaa nyaata barbaadan gara naannoo waraanaatti geessu kamiyyuu uumamaan nageenya hin qabu. Nyaata barbaaduun murtii du'aa ta'uu hin qabu," jedhan Gutrees

Akka Ministeerri Fayyaa Hamaas Gaazaatti geggeeffamu ibsutti, erga GHF gargaarsa raabsuu eegalee as lammiileen Falasxiin 500 ol gargaarsa argachuuf osoo yaalanii ajjeefamanii 4,000 madaa'aniiru.

Erga raabsiin gargaarsaa baatii Caamsaa eegalee guyyoota muraasa keessatti haleellaa adda addaatiin lammiileen Falasxiin hedduun ajjeefamaniiru.

Ergasii as Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi gareewwan gargaarsaa naannoo waraanaa Israa'el keessatti bakka gargaarsa GHF itti raabsanitti guyyaa guyyaan jechuun haala danda'amuun Falasxiimoonni ajjeefamaa jiraachuu isaanii yaaddoo qaban ibsaniiru.

Humnoonni Israa'el lammiilee Falasxiin naannoo buufata gargaarsaatti walitti qabaman irratti yeroo adda addaatti dhukaasa banuu isaaniis namoonni ijaan arganii fi hojjettoonni fayyaa himaniiru.

Ministirri muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun garuu himannaa kana ''soba hamaa'' jechuun kuffiseera.

Ibsa Raayyaan Ittisaa Israa'el BBC'f kenneen, ''miseensonni koo namoota nagaa irratti akka dhukaasan hin ajajne, kanneen bakka gargaarsa raabsaa gahan dabalatee'' jedhe

Akkasumas, dhiheenya kana daandii haaraa gara iddoowwan gargaarsatti geessu banuu isaa ibsuun, iddoowwan raabsa gargaarsaa irratti deebii kennamu fooyyessuuf hojjechaa akka jiranis dubbataniiru.

Hogganaan dhaabbata gargaarsaa GHF akka jedhanitti, "Miidhaan kun guutummaatti Raayyaa Ittisa Israa'eliin akka qaqqabe himannaan dhiyaate hanga nuti beeknutti dhugaa irraa kan fagaateedha" jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raayyaan Ittisaa Israa'el namoota dhuunfaa ''shakkamtoota'' jedhee ibsu ykn namoota balaadhaaf saaxilu jedhee yaadu irratti ''dhukaasa akeekkachiisaa'' dhukaasuu isaa ji'a darbe keessa irra deddeebiin ibseera.

"Yeroo baay'ee waan ta'e sirriitti adda baasuuf yaaluun dabarsina, yoo wanti tokko ta'e carraa ta'uu isaa karaan itti hir'isu jira jennee yaadna," kan jedhan Jooniin Muur, yeroo baay'ee maaltu akka ta'e adda baasuu akka hin dandeenye dubbataniiru.

"Namoonni odeeffannoon namoonni gara iddoowwan raabsa gargaarsa GHF deeman ajjeefamaa jiru jedhu soba ta'uu hubachuu qabu. Taateewwan sun naannoo buufataalee gargaarsaatti akka raawwataman ragaan hin jiru," jedhan

Israa'el BBC dabalatee miidiyaaleen idil-addunyaa gaazexeessitoota isaanii gara Gaazaatti akka ergan hin hayyamtu, kunis waan naannoo sana keessatti ta'aa jiru mirkaneessuu kan daangessuudha

Israa'el ji'a darbe uggura torban 11f Gaazaa irratti qabdu gartokkoon kaaftus, hammi gargaarsa ammallee gara Gaazaa qaqabaa jiru gahaa miti.

Biyyattiin qarqara beela irra akka jirtus ogeeyyiin akeekkachiisaniiru.

Gargaarsi nyaataa namoota gargaarsa barbaadan bira ga'aa jiraa jedhamee gaafatameef, Muur gahaa miti, garuu ji'a tokko duraa caalaa gaarii ta'uu dubbataniiru.

Dabalataanis dhaabbatichi deeggarsa isaa akka dabalu ibsuun dhaabbilee akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin hojjechuuf abdii qabu eera.

"Ergamichi ifaadha: ummata Gaazaa nyaachisuu barbaanna," jedhan.

Kamisa darbe Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa GHF'f deeggarsa doolaara miiliyoona 30 kan beeksise yoo ta'u, garee gargaarsaa kanaaf kallattiin deeggarsa yeroo jalqabaatiif taasiseera.