Hambaan addunyaa 'Malkaa Qunxurree' maaliif maqaa qaama saalaa dhiiraan moggaafame?

Madda suuraa, FBC
Bara 2024 keessa hambaalee addunyaan qabdu keessaa tokko ta'ee kan galmaa'e Malkaa Qunxurree, giddugala biyyaarraa kallattii kibbaan qarqara laga Awaash irratti argama.
Seenaan iddoo kanaa qaroomina laga Awaash waliin walqabatee dhufe faana wal hidhata.
Jiruu fi jireenya dhala namaa iddoo kana turanii fi ammallee jiraachaa jiran akkasumas meeshaalee isaan itti fayyadamaa turan, kan amma hambaa seenaa fi aadaa addunyaa ta'e, qorachuun waggoota 60 dura eegale.
Seenaa qorannoo arkiyooloojii keessatti qorannoo baayyee fi yeroo dheeraa fudhate kan irratti gaggeeffame Malkaa Qunxurree, qorattoota biyyoota addunyaa kanneen akka Nezarlaandis, Faransaay, Xaaliyaan fi Ispeen hirmaachiseera.
Hortee nama durii waggaa miiliyoona lama dura turerraa eegalee jijjiiramni itti fufiinsa qabu addanatti mul'achuu qorattoonni mirkaneessaniiru.
Itti fayyadamni meeshaalee iddoo kana tures jijjiirama teeknooloojii (technological evolution) keessatti qooda guddaa gumaachuu qorattoonnui ibsaniiru.
Malkaa Qunxurree hambaa seenaa jijjiirama tirannaa dhala namaa fi argannoo meeshaalee dhalli namaa itti fayyadamaa tureen ulaagaa guutuun dhaabbata barnootaa, saayinsii fi aadaa- UNESCOtti galmaa'eera.
Qorannoo iddoo kanaa keessatti waggoota kurna sadi caalaa kan hirmaatan ogeessi hambaalee Dr Solomon Daggafaa seenaa moggaasa maqaa iddoo kanaa duuba jirurraa eegalanii qabiyyee walii galaa as jiru BBCtti himaniiru.
Maaliif Malkaa Quxurree/rroo jedhame?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Moggaasa maqaa kanaan walqabatee yaada lamatu jira jedhan Dr Solomon.
Akka qorannoon mul'isutti moggaasa maqaa kana ilaalchisee bu'uura kan ta'e inni tokko seenaa laga Aawaash fi sochii dhala namaa bara duriirraa kaasee addanatti mul'ataa tureedha.
Inni jalqabaa ''imaltoonni wayita fageenya dheeraa imalanii dhufanii malkaa kana ce'an qabbana handaara galaana kanaatti boqonnaa fudhatu. Galaa qabatanii deeman irraa waliif qunxuru. Kanarraa ka'uun 'Malkaa Qunxuree' akka jedhame dhageenye,'' jedhan Dr Solomon.
Ka'umsi maqaa kanaa inni hunda caalaa sirrummaasaa qorannoon mirkaneesse ammoo qaama saalaa dhiiraa (Qunxurroo) irraa kan moggaafamedha.
Kunis ka'umsi isaa ''malkaan Aawaash guddaa waan ta'eef namoonni uffata baafatanii ce'u turan. Daldaltoonni hedduun dachee Guraagee irraa hanga giddugala biyyaatti laga kana ce'u. Wayita uffata baafatanii ce'an kana qaamni isaanii ni mul'ata. Kanarraa ka'uun 'Malkaa Qunxurroo' jedhan. Boodarra maqaa kana waamuu qaanfatanii 'Malkaa Qunxurree' jedhan,'' jechuun ibsan Dr Solomon.
''Bakka kana irratti yeroo dheeraaf qorannoo kan gaggeesse Pirofeesar Jiyaan Shavaayoon kanuma natti hime.''
Qorannoon Malkaa Qunxurree yoom eegale?
Malkaa Qunxurree Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaalee Sabbataa Hawaas fi Qarsaa Qondaalaa keessatti handaara laga Aawaash gamaa gamanatti argama.
Qorannoon bakka kanaa bara 1963 nama Jeeraard Deekar jedhamuun eegale.
''Namichi kun waa'ee hambaa seenaa fi aadaa dhala namaa (paleoantropology and archaelogy) qorata osoo hin taane waa'ee laga Aawaash qorata ture. Oggaa qorannoo gaggeessu dhagaawwan dur harka namaan bocamanii faayidaarra oolaa turan arge. Achumaan gabaase, qorannoon bakka kanaas eegalame,'' jedhan Dr Solomon.
Erga ogeessi saayinsii bishaanii (hydrologist) Deekar iddoo kana abuuree booda, akiyooloojistiin Jeeraard Beyiluud jedhamu bara 1964 gara bakka kanaa deemuun qorannoo Deekar mirkaneesse.
''Beyiluud ogeessa/qorataa nama durii (Pre-historian archaelogist) dha. Iddoon kun lafa dur dhalli namaa keessa jiraate, keessatti hojjetaa ture, keessa scoho'aa ture (Stone period time) ta'uu qoratee mirkaneesse,'' jedhan Dr Solomon.
Qorannoon iddoo hambaa nama durii (arkiyooloojii) kun sirnaan kan eegalame bara 1965 yoo ta'u qorannocha adda durummaan kan hoogganaa ture lammii Faransaay Jiyaan Shavaayoon nama jedhamuudha.
''Hoogganummaan qorannoo bakka kanaa 1965 irraa hanga 1980 keessaa Pirofeesar Shavaayoon jala ture. Bara 1980 irratti barataa Shavaayoo kan ture Pirofeesar Marseelloo Piperno dhufe,'' jedhan Dr Solomon.
Saayintistoonni Faransaay erga bakka kana qorachuu eegalanii ammallee hin dhaabne.
Pirofeesar Shavaayoon bara 1993-1995 deebi'ee qorannoo Malkaa Qunxurree irratti gaggeeffamu hoogganeera.
Barataan isaa Pirofeesar Maarseelloo Piperno ammoo bara 1999 irraa qabee qorannoo iddoo kanaa hooggane, boodarra hooggansi qorannoo Malkaa Qunxurree saayintistii Margaariitaa Muusii jedhamtu harka gale.
Qorattoonni lameenuu Yunivarsitii Room ''La Sapienza'' jedhamurraati.
Bara 2019 irraa eegalee ammoo garee qorattootaa Xaaliyaan fi Ispeen- Margaariitaa Muusii, Edwaardoo Meendez Kuwintaas fi Jowaakuwiin Paaneeraa hojii qorannoo Malkaa Qunxurree harkaa qabu.
Qorattoonni biyyoota alaa kunneen Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Itoophiyaatti Abbaa Taayitaa Qorannoo fi Kunuunsa Hambaalee Aadaa akkasumas Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa waliin ta'uun qorannoo gaggeessu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa seera Malkaan Qunxurree ittiin eegamu baasuurraa hanga qorannoof haala mijeessuutti ga'ee guddaa gumaache jedhan Dr Solomon.
Kana malees fedhiin uummataa maal akka ta'e hubachuun akkasumas uummanni eegumsaa fi faayidaa bakka kanaa keessatti hirmaannaa guddaa akka qabaatu kan hojjete Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaati.
''Federaalli warra UNESCO waliin dubbachuun haala mijeessuu ture hojiinsaa.''
Malkaa Qunxurree keessa maalfaatu jiru?
Dr Solomon Daggafaa akka jedhanitti Malkaa Qunxurree keessatti wantoota ijoo saditu argamu.
Isaan keessaa tokko jijjiiramni suuta suutaa dhala namaa asitti mul'achuusaati.
''Dhalli namaa waggaa miiliyoona lama dura iddoo kana jiraachaa akka turee fi ammas itti fufee jiraachaa akka jiru qorannoon mul'iseera,'' jedhan qorataan hambaa nama durii kun.
Gama jijjiirama tirannaa dhala namaatiin Malkaa Qunxurree keessa ''horteen dhala namaa waggaa miiliyoona lama dura kan ture Homo Erectus irraa kaasee hanga qaccee nama ammaa- Homo Sapiens Sapiens jedhamuutti iddoo kana jiraachaa jira,'' jedhan Dr Solomon.
''Har'allee dhalli namaa itti fufiinsaan bakka kanarra jiraataa jira. Kun jijjiiramaa fi itti fufiinsa (change and continuity) dhala namaaf fakkeenya ta'a.''
Gama meeshaalee dhalli namaa itti fayyadamuun ammoo ''bara dhagaa durii (Old Stone Age) irraa kaasee hanga bara dhagaa giddugaleessaatti (Middle Stone Age) achirraa kaasee ammoo hanga bara suphee (Pottery Period) meeshaalee turan hunda of keessaa qaba,'' jedhan Dr Solomon.
''Jijjiirama dhala namaa fi meeshaalee kunneen haala addaan hin cinneen (continuity) bakka kanatti argatta. Bakka biraa haala kanaan hin argattu. Afrikaa keessas deemtu kan miiliyoona tokkoo yookiin kan miiliyoona walakkaa argatta. Kanaaf bakka addaa ta'e.''
Aadaa fi duudhaa, jiruu fi jireenya dhala namaa akkasumas meeshaalee dhalli namaa durii fayyadamaa turee fi ammallee jireenyi itti fufee jiru waggaa miiliyoona lamarraa kaasanii walitti fufiinsaan argachuun Malkaa Qunxurree adda taasisa jedhan Dr Solomon.
''Gama jijjiirama teeknooloojii ykn meeshaa dhalli namaa itti fayydamuutiin (technological evolution) bara dhagaa durii irraa kaasee meeshaalee turan- qottoo (hand axe) irraa hanga meeshaa ittiin dhagaa cabsan- cleavers jedhamuutti Malkaa Qunxurree keessatti argameera. Ammallee jira.''
Magaalaa Finfinnee irraa kallattii kibbaatti kiilomeetira 50 fagaatee kan argamu Malkaa Qunxurree, godambaa arkiyooloojii sadi of keessaa qaba.
''Seenaa pre-history kan qabate jira. Ji'ooloojii, volkaanooloojii fi paaliyoo antirooppooloojii kan qabates godambaan jira. Godambaan hurufa keessa jirus jira, kun Afrikaa keessatti kan jalqabaati. Namni gara iddoo kanaa dhufu jalqaba kan argudha,'' jechuun wantoota bakka kanatti argaman ibsan Dr Solomon.
Lafeen bineensota durii fi sanyiin dhala namaa iddoo kana turan akkamiin dhagaadhaan qalatanii akka nyaataa turan kan mul'isus jiraachuu ibsan.
Dr Solomon Malkaa Qunxurree waliin hidhata addaa qabu. Yeroo tokko bakka kana ibsuuf walaloo armaan gadii kana barreessanii akka turan BBCtti himan.
Natti himi yaa Malkaa Qunxurree
Yaa Malkaa Qunxurree, yaa Malkaa Qunxurree
Lafa seenaan duree, hundee sanyii namaa
Yaa lafa aadaa ganamaa
Yaa warra Oldowan (uummata bara dhagaa durii- Old Stone Age)
Yaa warra Ashuuliyaan (Acheulean- warra bara dhagaa giddugaleessaa)
Akkamitti jiraattanii
Malkaan maal fakkaatti zabana (bara) keessanii
Ni ho'iti moo ni qorritii? Daggala moo akka ammaatii?
Yookiinis kan biraatii?
Yaa warra durii
Dhakaan qalattanii, kaan murattanii, kan foon nyaattanii
Fedhiidhamoo beekumsa dhabdanii?
Haata'u malee baayyeen isin faarsaa
Zabanaan (bara sanaan) yoo ilaallu meeshaa sadarkaasaa
Olaanaa guddaadhaa nama dinqisiisaa
Hojiin keessan bu'uura ganamaatii, qorannoo ammaatii
Dabalataanis bu'uura diinagdeetii
Galata keessanii yaa warra Odowan, yaa warra Ashuuliyaan
Nutis itti fufneerra yeroo keenyaanii
Hanga nurraa fuudhutti dhaloonni haaraanii.
Qorannoon erga eegalamee waggaa 60 booda UNESCO irratti galmaa'e
Iddoon hambaa nama durii, Malkaa Qunxurree, kun qorannoonsaa bara 1963 irraa eegalus Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti galmee dhaabbata barnootaa, saayinsii fi aadaa irratti kan galmaa'e Hagayya 2024 ture.
Iddoowwan hambaa nama durii (arkiyooloojii) ta'an keessaa kan akka Malkaa Qunxurreetti gadi fageenyaan qoratame akka hin jirre kan kaasan Dr Solomon, kanaaf UNESCO irratti galmeessuun yeroo dheeraa fudhate jedhan.
''UNESCO irratti akka galmaa'uuf sochii kan eegalle ALI bara 1990 keessa. Qorannoon iddoo kanarratti qoratame hedduudha. Duudhaa aadaa fi seenaa addunyaarratti sadarkaa guutu kan bakka kana qofatti argamu (universal value) of keessaa qaba.''
Qorannoowwan heddumminaan gaggeeffaman dhugummaasaanii mirkaneessuuf yeroo dheeraa fudhachuun akkuma jirutti ta'ee, eegumsa fi kunuunsa iddoo kanaa ilaalchisee rakkootu ture jedhan Dr Solomon.
''Lafa kana kunuunsitee kutannoo (commitment) kee mul'isuu qabda. Kun yeroo dheeraa nutti fudhateera. Hawaasa mariisisuun waliin hojjechuun, warri INESCO akka dhufanii bakkicha ilaalan gochuun akkasumas waa'ee iddoo arkiyooloojii kana barreeffamootaa fi viidiyoodhaan mul'isuun yeroo fudhate.''
Dambii ittiin bulmaata iddoo kanaas baasuun dirqama ture kan jedhan Dr Solomon, ''erga dambiin qophaa'ee kaartaan lafa kanaas baramee booda UNESCOtti beeksifne,'' jedhan.
Akka Dr Solomon jedhanitti Malkaa Qunxurree UNESCO irratti galmeessuun qofti ga'aa miti.
''Bakki kun bu'aa eegamu akka argamsiisu yoo barbaadame waadaa galame kutannoon bakkaan ga'uun dirqama. Kunuunsuu fi misoomsuun murteessaadha,'' jedhan.
''Yoo waadaa seenne eeguu baanne UNESCOn galmeesaarraa haquu danda'a.''
Malkaa Qunxurree UNESCO irratti galmeessuun Itoophiyaaf maal fayyada?
Faayidaan inni jalqabaa xiin-sammuu fi hamileen ol ka'uudha jedhu Dr Solomon.
''Akkuma wayita atileetonni biyya bakka bu'uun milkaa'an maqaa biyyaa waamsisan iddoon hambaa nama durii ta'e bakka akkasii jira jedhee addunyaan beekamtii kennuun gammachuu guddaadha. Faayidaa xiin-sammuu (psychological) ni qabaata.''
Akka qorataan kun jedhanitti lafti UNESCO irratti galmaa'e addunyaarratti waan beekamuuf tuuristoonni hedduun daawwachuuf ni dhufu.
''Qorattoonni fi tuuristoonni iddoon kun maal waan of keessaa qabuuf galmaa'e? jedhanii ilaauuf dhufu. Kun faayidaa diinagdees qaba. Kophee qulqulleessuurraa qabee tajaajilli tuuristoonni argatan doolaaraan geeddarama. Galii guddaatu irraa argama.''
Sababa iddoowwan garaagaraa UNESCO irratti galmaa'aniin maqaan biyyoota hedduu addunyaarratti beekamuu kan eeran Dr Solomon, bakki kun sirnaan hin kunuufamu taanaan garuu faallaa kana ta'a jedhan.
''Wanti hafu ammallee hedduudha. Biiroon Aadaa fi Tuurizimii fi qaamni federaalaa kan hojjechuu qaban. Bakki kun amma lafa qorannoo qofa. Lafa barumsaa, iddoo bashannanaa fi iddoo beekumsi irraa horatamu gochuu barbaachisa.''
Iddoon Paarkii Arkiyooloojii Biyyaalessaa (National Archaeological Park) jedhamu Malkaa Qunxurree keessa kan jiru yoo ta'u, daggalummaas ni qaba jedhu Dr Solomon.
''Bineensonni adda addaa keessa jiru. Uumama kunneen akkumasaan jiranitti eeguu qabna. Namni yeroo daawwannaaf dhufu waan arguu qabuudha.''
Malkaa Qunxurree waan UNESCO irratti galmaa'eef tumsa teeknikaa fi maallaqaa argachuu danda'a.
Iddoon kun hambaa addunyaa ta'ee galmaa'e jechuun mootummaan kunuunsuu fi misoomsuuf waadaa galeera jechuudha.
Kanaaf tumsa seeraallee (legal assistance) argateera jechuudha.
Garuu ''iddoo kanarratti hojjetamuu baannaan UNESCOn galmeesaa keessaa baasuu ni danda'a,'' jechuun faayidaa hedame irraa argachuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabu dhaaman Dr Solomon.












