Sirna Gadaa dabalatee hambaalee Itoophiyaan UNESCO'tti galmeessite 13

Madda suuraa, Social Media
Fulbaana 17 guyyaa Itoophiyaa keessatti ayyaanni Masqalaa itti kabajamutti guyyaan Turizimii addunyaa qophiilee adda addaan kabajameeti oola.
Biyyoonni hundis haaluma dandeettii isaanitiin sagantaa adda addaatiin seenaa, aadaa, amantaa fi qabeenya uumamaa isaanii beeksisuuf sochii garaa garaa ni taasisu. Damee kana guddisuufis ni hojjetu.
Itoophiyaanis damee kanaan kan badhaate ta'usheetiin alattis, hambaalee hin sochoone kan sadarkaa UNESCOtti galmaa'an baay'ee qabdi.
Hambaaleen kunneen siidaa Aksumii kan hanga Sulula Awaash dakaatti diriiranii jiranidha. Dabalataan teessuma lafaa dinqisiisaa, haala qilleensaa, bineensota mimmiidhagoo fi argama dhala namaa kan taate Luusiin as keessatti argamu.
Itoophiyaan hambaalee 13 UNESCO'tti galmeesisuun Afrikaa irraa biyya sadarkaa jalqabaa irra jirtudha.
1. Bataskaana Laalibalaa dhagaarraa bocamanii

Madda suuraa, Getty Images
Manneen amantaa Laalibalaa dhagaa tokkicha irraa kan bocaman yoo tahu, bara 1978 UNESCO'tti galmaa'an.
Innis naannoo Amaaraa Kaaba Walloo keessatti kan argamu yoo tahu Finfinnee irraa Km 645 fagaata.
2. Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Kaabaa
Paarkiin kun bara 1978 sadarkaa UNESCO'tti kan galmaa'e yoo tahu, bara 2009 ammoo addunyaa irraa hambaalee balaaf saaxilaman keessatti galmaa'eera.
Paarkichi balaa abiddaaf saaxilamuu, jiraattonni naannichaa bosona ciruun qonnaaf fayyadamuuu fi bineensonni godaanuu irraa kan ka'e, yoo furmaata ariifataa hin arganne galmee irraan haqa jechuun UNESCO'n akeekkachiisee ture.
Bineensoonni akka Waaliyaa, Jeedala Diimtuu fi bineensonni kaan paarkicha keessatti argaman lakkoofsi isaanii balaa irra gaheen xiqqaataa dhufee ture.
Paarkichi bara 1960 keessa daangeffamuun kunuunfamaa kan ture yoo tahu, bineensota akka Waaliyaa, Jeedala Diimtuu, Jaldeessa fi Weenniifaa qaba.
3. Masaraa Faasil fi siidaalee Gondar biroo

Madda suuraa, Getty Images
Masaraan Faasilii fi gamoowaan biroo waliin jiran bara 1979 UNESCO jalatti galmaa'an. Masaraan kun magaalaa Gondaritti kan argamu yoo tahu, qaroomina durii biyyattii jiraattee ragaa bahu jedhamuun beekama.
Masaraan Faasil itti naann'ee dallaa meetita 900 tahu fi balbala 12 qabuun marfameera.
Bara bulchiinsa mooticha Faasiladas 1632 keessa Gondar magaalaa bulchiinsa Itoophiyaa turte. Masaraan jaarraa 12ffaa fi 16ffaa keessa ijaarames moototaaf masaraa tahuun tajaajilaa tureera.
4. Aksum
Aksum siidaa namni hojjate yoo tahu bara 1980 keessa akka hambaatti UNESCO'tti galmaa'era.
Siidaan kun naannoo Tigiraayitti kan argamu yoo tahu, hojii dhalli namaa hojjate isa guddaadha.

Magaalaa guddoo Itoophiyaa durii fi teessoo mootummaa tahuun kan beekamtu Aksum akka qorattootni jedhanitti, teessoo mootummaa jabaa, gidduu gala amantaa fi Afrikaa irrattis mootummaa amantaa hundeessuun beekamti.
5. Sulula Awaash gara gadii
Suluulaan Awaash gara gadii qorannoodhaan bakkee uumamaa argamedha.
Sululicha keessatti hafteen dhala namaa fi biqiltootaa kan argame yoo tahu, qorannoon saayinsii hedduun naannichatti hojjatameera.
Bara 1980 UNESCO'tti kan galmaa'e bakki kun naannoo Affaar keessatti argama.
Bakka kanattis bara 1974tti umurii ganna miliyoona 3.2 kan qabdu Luusiin kan argamte yoo tahu, ganna miliyoona 4.4 kan qabdu Ardiinis bakkuma kana keessatti argamte.
Umurii ganna miliyoona 3.6 kan qabdu daa'imni jedhamtes, Selaamis bakka natti argamte.
6. Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa
Dhagaan Dhaabbii Xiyyaa bakka argannoo aadaati. Innis bara 1980 sadarkaa UNESCO'tti kan galmaa'e yoo tahu Finfinnee irraa KM 86 fagaatee naannoo Kibbaa keessatti argama.
Dhagaan Dhaabbii Xiyyaa lakkoofsaan 36 kan gahu yoo tahu, dheerinaa fi furdina adda addaa qabu.
Dhagoota 32 irratti boca adda addaan kan akka Goraadee, eeboo, addeessa, aduu, fi bocawwan maalummaa isaanii adda baasuun rakkisaa ta'an adda addaa qaba.
7. Sulula Oomaa Gara gadii
Bara 1980 kan galmaa'e yoo tahu naannoo Kibbaa keessatti Finfinnee irraa fageenya KM 1000 irratti argama. Bakki kun argama dhala namaa fi seenaa durii irratti bakka qorannoo guddaadha.
Hafteen meeshaalee dhalli namaa itti fayyadamaa ture umurii ganna miliyoona 2.4 qaban naannoo kanatti argamaniiru.
8. Harar Jagol

Dallaan Jogol magaalaa seena qabeettii fi balabala seena qabeeyyii fi haftee seena qabeeyyii jedhamuun bara 2006 UNESCO'tti galmaa'e.
Magaalaa Itoophiyaa umurii dheeraa qabdu kan taate Harar jaarraa 7ffaa keessa bu'uureffamushetu himama. Dallaa Jogoliin magaalaan marfate kun balala shan qabdi. Kunis naannoo Hararii keessatti argamti.
Magaalaan kun akka Gaanfa Afrikaattis tahe adunyaatti gidduugala daldalaa tahuun seenaa keessatti beekamti.
9. Koonsoo

Madda suuraa, Getty Images
Teessumni lafa Koonsoo daarii daariidhaan gandoota hidhaman kan qabu yoo tahu bara 2011 ture hambaa seena qabeessa tahuun kan UNESCO'tti galmaa'e.
Naannoo Kibbaa keessatti kan argamu yoo tahu manni jireenyaa addaa uummata Koonsoo umurii ganna 400 qaba jedhamus as keessatti argama.
10. Ayyaana Masqalaa
Itoophiyaan hambaalee sadarkaa UNESCOtti galmeesite cinatti kabaja ayyaanaa adda tahe kan hin sochoone, hin qaqabamne tahuun ayyaanni Masqalaa galmaa'uun biyyattiif kan jalqabaati.
11. Fiichee Cambalaalaa
Waggaa haaraa saba Sidaamaa kan tahe ayyaanni kun sadarkaa UNESCOtti kan galmaa'e bara 2008 ture.
Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa of keessatti gochoota addaa hedduu of keessaa qaba.
12. Sirna Gadaa

Sirni Gadaa sadarkaa adunyaatti Representative List of The Intangible Culture of Humanity keessatti kan galmaa'e bara 2009 ture.
Uuummanni Oromoo waggoota dheeraaf sirnoota ittiin bulaaf jiraataa ture keessaa tokkodha.
Sirni utubaa uummatichaa tahe kun sirna amantaa fi seerotas of keessaa qaba.
Akkasumas sirni Gadaa dhalootaa hanga dullumaatti umuriin qooduun itti gaafatamummaa fi hojii kennuun beekama. Sirna Gadaa keessatti Waaqeffaannaa fi Irrechaa ayyanotni jedhamanis argamu.
Ayyaana Cuuphaa
Habaa hin qaqabamne Itoophiyaan galmesifte yoo tahu yaa'ii Kolmbiyaa Bogotatti taa'ame irratti ture sadarkaa UNESCO'tti akka galmaa'u kan murtaa'e.
Ayyaanni Cuuphaa ji'a Amajjii keessa hordoftoota amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaan haala ho'aan kabajama.
Ayyaanni Cuuphaa jala bultii isaa Amajji 11 eegaluun hanga 12tti Qaanaa Za Galiilaattis ni kabajama. Ayyaanni Cuuphaa hambaalee hin qaqabamiin biyyattiin UNESCO'tti galmeesifte keessaa isa 4ffaadha.















