Balaa bidiruu Giriikitti mudateen godaantonni 500 ta'an dhabaman - UN

Madda suuraa, ERT/GEETHA
Balaa bidiruu Giriik lubbuu namoota 78 galaafateen hanga yoonaa namoonni 500 hin argamin jiraachuu dameen mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ibse.
Dubbi himaan jaarmiyaa kanaa Jeremy Laurence namoonni dhabaman keessaa irra hedduun dubartootaa fi daa'imman ta'uu ibsan.
Balaa suukanneessaan lubbuu lammiilee hedduu galaafate kun, namoota karaa seeraan ala godaantota daddabarsan seeraan gaafachuun hagam murteessaa akka ta'e agarsiistuu guddaadha jedhan qondaalli UN kun.
Haata'u malee ammaaf godaantota galaanatti dhidhiman barbaaduu fi lubbuusaanii baraaruuf xiyyeeffannaa duraa kennuun barbaachisaa ta'uu eeran.
Dhaabbanni godaantontotaa Idil-addunyaa - IOM, biiroo dhimma mirga namoomaa UN waliin ta'uun ibsa baasaniin, hojiin barbaacha lammiilee galaanatti dhidhimanii hanga danda'ametti lubbuusaanii baraaruu irratti xiyyeeffachuu akka qabu dhaaman.
Bidiruun qurxummii kiyyeessuuf ooltu kun osoo godaantota 750 feetee Liibiyaa irraa gara Italii imalaa jirtuu kibba Giriikitti dhidhimte.
Eegdonni handaara galaanaa turan balaa kana qaqqabsiisuu keessaa qooda qabu gabaasi jedhu burjaajii uumeera.
Yeroof ministira muummee Giriik ta'anii kan jiran Ioannis Sarmas sababiin dhidhimuu bidiruu kanaa maal akka ta'e baruuf qorannoo bal'aa geggeessuu gaafata jedhan.
Bidiruun kun Roobii darbe (Waxabajjii 14, 2023) galgala sababa namoonni qarqara galaanaa eegan haadaan gufachiisaniif dhidhimte gabaasa jedhu aanga'oonni Giriik kuffisaniiru.
Godaantota balaa doonii kanaarraa baraaraman 104 keessaa namoonni lama akka ibsanitti, bidiruun kun namni itti heddummaachuun akkaan dhiphattee akka turtee fi gara bitaafi mirgaa garmalee bubbutamaa turuushee ibsan.
Jalqabarratti eegdonni galaanaa handaara galaanarra jiran fageenyarraa bidiruu kana hordofaa akka turan ibsan.
Gaazexaan Giriik ammoo eegdonni galaanaa bidiruttii haadaan hidhuun godaantota sakatta'uu fi boodarra godaantonni haada sana hiikuun imala gara Italii eegalanii turan jechuun gabaase.
Taateen kun balaan bidiruu kun osoo hin uumamin sa'aatii sadi dura halkan naannoo sa'aatii shaniitti mudatee ture jedha gabaasi kun.
Dubbi himaan mootummaa Eeliyaas Siyaakaantaris eegdonni galaanaa bidiruttii kan hidhaniif godaantonni yoo gargaarsa barbaadan dhihaatanii akka gaafataniif haala mijeessuuf ta'uu ibsan.
Bidiruu kana harkisanii kuffisuuf akka hin taane himan.












