Xaaliyaanitti bidiruu dhidhimteen namoonni 100 ol hin du'in hin oolle jedhame

Madda suuraa, ITALIAN RED CROSS
Doonii Kibba Xaaliyaaniitti galaana keessa dhidhimteen daa’imman dabalatee namoonni 100 ol du’u akka hin oolle sodaatame.
Yeroo ammaa godaantonni 62 du’uun isaanii mirkanaa’eera. Kanneen keessaa 12 daa’ima kaasuu harkaa keessa jirtu dabalatee da’immani jedhameera.
Aanga’oonni Xaaliyaanii namoota bidiruu sanarra turan keessaa eessa buteensaanii kan hin baramne waan jiraniif lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.
Dooniin namoota 200 baatteefi gaafa Dilbataa qarqara magaalaa Koroton yeroo gahuuf imalanitti ture lamatti kan cabde.
Bidiruun tunis guyyoota muraasaan dura lammiilee biyya Afgaanistan, Paakistaan, Somaaliiyaa fi Iraan qabachuun Tarkii irraa ka’utu ibsame.
Reeffi namoota hedduu galaanaan nyaatamef restorantii qarqara galaanatti argamu cinaadhaa argamuutu himame.
Hojjattoonni lubbuu baraartootaa ammo madda oduu AFP’tti ‘‘namoota 200 olitu’’ bidiru sanarra ture jechuun himan.
Kana jechuunis namoonni eessa buteensaanii hin baramne gara 60 ta’u jechuudha.
Maddi Oduu Xaaliyaanii Ansaan ammo namoota du’an keessaa daa’imti dhalattuun umurii guyyoota muraasaa qabdu ni argamti jechuun gabaase.
Eegdonni Qarqara galaanaa Xaaliyaan namoonni 80 ta’an lubbuun argamu ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa waggaadhaan godaantoota irra caalaansaanii Afriikaarraa ta’an hedduun walitti bu’iinsaafi hiyyummaa baqachuun bidiruudhaan Xaaliyaanii gahuuf yaalii taasisu.
Bidiruun tunis erga haala qilleensaa rakkiisaa ta’e keessa imalaa jirtu dhagaatti bu’uudhaan, dhidhiimusheetu himame.
Viidiyoowwan miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodaman akka mul’isaniitti caccabaan bidiruu tanaa dhiheenya qarqara galaana Xaaliyaaniitti bishaan gubbaa yoo bololi'u agarsiisaniiru.
Dhidhimuu bidiruu kanaatiin boodas namni tokko yakka namoota karaa seeraan alaatiin daddabarsuutiin to’annaa jala oolfameera.
Ministirri Mummee Xaaliyaanii Joorjiiyaa Meeloonii gadda balaa kanaan itti dhagahame ibsuun, balaa kanaafis namoota seeraan ala nama daddabarsan itti gaafatamoo taasisaniiru.
‘‘Lubbuu dhiirotaa, dubartootaa fi daa’immanii gatii sobaan imala nagaa qabeessa jedhamuuf kanfalchiisuun namummaan aladha’’ jedhan ibsa baasaniin.
"Mootummaan ka’umsarraa dhaabuuf kutannoon hojjata. Kanaanis taateewwan balaa akkasii dhaabuf hojjataa jira, ammas itti fufa.’’
Mootummaan Xaaliyaanii haaraa filatame baqattoonni gara biyyattii akka hin dhufne barbaada.
Ragaalen akka agarsiisanitti bara 2014 irraa kaasee godaantonni 20,000 caalan galaana Medetiraaniyaanii keessatti dhidhimanii du'aniiru.












