Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raahem Isterliingi gara Chelsii, Mo Saalaan Liiverpuulii bahuuf
Chelsiin taphataa Maanchister Siitii Raahim Isterliingi mallateessisachuuf waliigalaa jira.
Isterliingi Maan Siitii waliin waliigaltee wagga tokko qofa qaba. Taphatichi waliigaltee isaa waan haaressu miti.
Ingiliziin ala kilebootni gurguddoo hedduun taphataa kana gaafataa jiru. Garuu achuma Landan keessa turuuf kan isa gargaaru Chelsiin adda durummaan taphaticha barbaadaa jira.
Isterliingi Landan keessatti dhalate. Chelsiin ammoo kilaba magaalaa Landan keessaa tahuun dabalata Shaampiyoonsi Liigii irrattis waan taphatuuf carraa gaarii tahuuf mala.
Isterliingi bara dorgommii xumurametti taphoota Piriimer Liigii 30 irratti galchii 13 lakkoofsiseera.
Erga Maan Siitii gales waancaa Piriimer Liigii afur Siitii waliin mo’ateera.
Haa tahu malee, tapha xumura walakkaa Shaampiyoonsi Liigii fi tapha xumuraa Piriimer Liigii Aston Viilaa waliin ture irratti taa’umsa jijjiirraa irra ture.
Taa’umsa jijjiirraa irraa ka’uun erga dirree seenee ammo kubba Ikay Gundohan lakkoofsise mijeessee kennuun Maan siitiin waancaa akka injifatu shoora ol aanaa bahate.
Kilaba isaa duraanii Liiverpuul akka waanca dhabu kan taasises kana. Chelsiin Isterliingi fudhachuuf paawondii miliyoona 21.5 Maan Siitiif dhiyeessus hin fudhatamneef.
Roomeluu Lukaakuun ergisaan gara Inter Miilaan deemuuf jedha. Inter Miilaan Chelsiif pawondii miliyoona 8.5 kaffala.
Oduu biraan Taphataan Liiverpuul Mohaammad saalaan gara xumura kontiraata isaatti dhiyaataa jira.
Liiverpuul waliin waliigaltee wagga tokko isa tursiisu qofa qaba.
Sadiyoo Maaneen gara Bayern Munik deemuuf wlaiigaltee irra gaheera.
Saalaan ammo bara kana Liiverpuul akka turu himamus bara dhufu bilisaan kilabicha gadhiisuuf akka jedhu himama. Kunis Mo Saalaan miindaa torbanii paawondii 400,00 barbaada. Liiverpuul maallaqa haga kana kaffaluu hin barbaanne. Garuu miindaa guddaa wlaiin wlaiigaltee haraa dhiyeessaniiruuf.
Saalaan yoo waliigalticha hin fidhanne bara dhufu bilisaan bahu isaati.