Humni addaa Sudaan sa'atii 24f waraana nan dhaaba jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Humni addaa Sudaan, Rapid Support Forces (RSF) jedhanuun beekamu lola Human Waraanaa Sudaan waliin taasisu sa'aatii 24f akka dhaabu har'a beeksise.
Gareen Waraana Sudaan wajin lolatti jiru kun guyyaa tokkoof waraana dhaabuf kan tole jedhe namoonni nagaan bakkaa bakkatti akka socho'aniifi deeggarsi namoomaa akka dhaqqabuuf ta'uu beeksise.
Gaggeessan Humna Addaa Sudaan Mohaammad Hamdan Dagaaloo fuula Tiwiitara isaarratti akka marii US waliin taasifameen sa'aatii 24f walii galteerra gahuu barreese.
Maqa masoo Hemeedti jedhamuun kan beekamu Jeneraal Mohammad Hamdan Antoonii Biliinkanfi "biyyoota biroo michuu ta'an" waliin mariin erga godhamee booda walii galtee kanarra gahuu ibse.
"Namoonni nagaan bakka bakkatti akka socho'aniifi kanneen madaa'an bakka kufanii akka kaafamaniif RSF [Humni Addaa Sudaan] walii galtee waraana dhaabuu sa'aatii 24 irra deebin mirkaneessuu barbaada," jechuun barreesse Jeneraal Mohaammad Hamdan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Gaggeessan Humna Addaa kun walii galtee waraana dhaabuu sa'aatii 3'f turu kan UN giduu seenee walii galchisiisee ture kan cabse humna waraana biyyattiiti jechuun komate.
Inumaayyuu waraanni Sudaan "haleellaa qilleensarraa naannoo uummanni itti heddummatutti gaggeessun lubuu namoota nagaa yaaddoo keessa buusera" jechuun hawaasni idila addunyaa akka gidduu galee dhaabsisu gaafatee ture.
"Gochaan akkanaa duudhaalefi seerota namoomaa idila-addunyaa kan sarbuudha," jedhe.
Gaggeessaa Humna Waraana Sudaanifi Dursaan Mana Maree Walabaa sudaan kan ta'an Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan ammoo garee Humna Addaa Sudaan Jeneraal Mohaammad Hamdaanin hogganamu riphee-loltota jechuun farrajeera.
Gareen Humna Adda Sudaan sa'aatii 24'f waraana akka dhaabu beeksisus gama waraana biyyattiin waanti jedhame hin jiru.
Waraanni qaamolee lamaan giduutti Sanbata darbe eegale hanga ammaa namoota 200 ta'an galaafatee heddu madeessera.
Lamiilleen Itoophiyaa baqaan Sudaan, Kaartuum jiraatanis waraana kanaan miidhamuufi kan madaa'an illee jiraachuu BBCtti himaniiru.















