Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoota sirna daldala onlaayinii Itoophiyaa ammayyeessuuf kaayyeeffatan
Bara 2020 keessa weerarri Covid-9 hammaatee addunyaa wayita raasaa turetti, Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa, dhaabbileen baankii hin taane tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa akka kennuu danda’anii labsii baase.
Labsiin ONPS/02/2020 kun wayita uummataaf ifa tahu, dargaggoonni biyyattii lama Naa’el fi Israa’el jedhaman carraa uumame kanatti fayyadamuuf kaayyeeffachuun haasa’uu eegalan.
Baruma sana keessa Baankii Biyyoolessaatti heeyyama argachuuf dhaabbilee iyyatanii milkaa’an keessaas tahan – tattaaffii hedduun booda ji’ootaan dura ifatti hojii eegalan.
Biyya uummata miiliyoona 120 qabdu Itoophiyaatti, barkurnee hedduuf sektaroonni telekoomii, tajaajila faayinaansii, invastaroota biyyoota alaaf dhorkamee kan ture oggaa tahu, mootummaan biyyattis dhiyeenya kana sadarkaa sadarkaan uggura ture kaasaa jira.
Biyyattiitti yeroo jalqabaaf dhaabbileen baankii hin taane tajaajila faayinaansii dijitaalaa akka kennan heyyamamu, biyyattiitti dhaabbilee heeyyama argatan keessaa isaan jalqabaarraa kan tahe Chapa Financial Technologies S.C. yookaan Chapa, gama kanaan rakkoo jiru furuuf kaayyeeffateera.
Chapa’n dhaabbilee ‘Fintech’ yookaan Financial Technologies jedhamaniifi damee akkaan dagaagaa jiru jalatti kan ramadamudha.
Salphaadhumatti Fintech teknooloojii sirna faayinaansii fayyadamuun, tajaajiloota faayinaansii mala itti ammayyeessanidha. Isaan keessaas Hubannoon Nam-tolchee (AI), Blockchain, Cloud computing fi daataan maloota sirna kana itti midhaassani.
Dargaggoo Naa’el Haayilamaariyaam hundeessitoota Chapa keessaa tokko yoo tahu, hoogganaa olaanaa dhaabbatichaati. Israa’el Gooyitoom akkasuma hundeessitoota keessaa isa yoo tahu, hoogganaa olaanaa teknooloojii dhaabbatichaati.
Dargaggoonni kun kan walitti dhufan Yunivarsiitii Chaayinaatti argamu Tsinghua SIGS jedhamutti yeroo baratan ennaa tahu, ogummaan Naa’el Data Science fi Information Technology dha. Dargaggoo Israa’el ammoo gosa barnootaa Microelectronic Science and Engineering akkasumas Fiiziksii kan barate ennaa tahu, qorataa AI tahuunis hojjeteera.
Ji’a Hagayyaa keessa ifatti hojii kan eegale Chapa’n, akka baankiiwwan biyyattii keessa jiran kaanitti Baankii Biyyoolessaatu to’ata.
Kaayyoon dhaabbatichaa ‘‘hoji-uumtootaafi bizinasoota Itoophiyaa keessaa aangeessuun, diinagdee addunyaa keessa galchuudha,’’ jedha hundeessaan kaampaanichaa Naa’el.
‘‘Salphumatti hojiin Chapa, bizinasoonni kanfaltii onlaayirraa salphumatti akka argatan taasisuudha.’’
Hojii haarayaa dhaabbanni isaanii hojjetu fakkeenya karaa ‘Highway’n kennuun walbira qaba.
‘‘Filannoo gara garaa otoo qabuu, namni maaliif isa ‘expressway’ filatee fayyadama? Isaan kanfalanii kan deemaniif waan nageenyi isaa amansiisaa taheefi waan saffisaan deemuu dandeessuufi,’’ jedha.
Akkamiin jalqabe?
Dargaggoonni Naa’el fi Israa’el barumsaaf dabalatee, dorgommiiwwaniifi hojiif biyyoota alaa garagaraatti imaluun muuxannoo argataniiru.
‘‘[Biyya alaa teenyee] wayita Itoophiyaa daawwachuuf dhufnutti, yeroo hunda dameen dijitaalaa baay’ee dadhabaa akka tahe agarra.
Kunis wayita namni kalaqa dhabeefi pilaatifoormiiwwan dijitaalaa waan hin jirreef hin turre.
Haa tahu malee kun hundi deemee deemee dhumarratti haalli kanfaltii jiraachuu dhabuunsaa [rakkoo ture].’’
Kana malees biyyoota biraatti nootii maallaqa callaa baatanii deemuun hafaa, namuu kaardii fi bilbila mobaayilaa isaatti akka fayyadamu kan kaasan dargaggoonni kun, gara Itoophiyaa wayita dhufan garuu fayyadamni maallaqaa daran adda akka itti tahe hin dhoksine.
Dargaggoo Israa’el otoo labsiin kun hin bahin durallee mala kanfaltii kana akkamiin mijeessuu dandeenya kan jedhu yaalaa akka turan himuun, labsiin kun bahuunsaa carraa akka banef hima.
‘‘Wayita labsiin kun bahutti, lamaan keenyayyuu Itoophiyaa turre. Carraa kanattis fayyadamuun abjuu keenya yeroo dheeraa milkeessine.’’
Sirni kun akkamiin hojjeta?
Daldalli, dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa Itoophiyaa keessa jiran, tajaajilaa fi oomishaalee isaanii biyya keessas tahe biyya alaatti gurguruun, maallaqa fudhachuun salphaa miti.
Keessaafuu tajaajila kana gama onlaayiniin argachuun, daran ulfaataadha – dhaabbanni dargaggoota kanaan hundaa’e kun kana salphisuuf akka hundaa’e hima.
Adeemsi maallaqa gama onlaayiniin fudhachuuf biyyattii keessa jiru daran walxaxaa tahuu hima Naa’el. ‘‘Bizinasiin Itoophiyaa keessa jiru tokko gama onlaayiniin kanfaltii fudhachuu barbaada taanaan, INSA dabalatee bakka hedduu deddeebi’uu qaba, adeemsisaa dheeraadha.
Nutis adeemsa kana bakka tokkotti ‘intergrate’ goonee xumurreerra.’’
Kanfaltiin gama onlaayiniin taasifamu kan biyya alaarraa qofa osoo hin taane, biyya keessaas kan dabalatudha.
‘‘Daldalaan kun maamiltoota isaanii biyyoota alaa fi keessaa jiran kamirrayyuu, gama onlaayiniin beessee akka argatu taasifna. Maallaqani nu bira taahu hinjiru, onlaayiniidhuma dabarsina,’’ jedha Naa’el.
Israa’el gamasaatiin: ‘‘Dhaabbanni keenya ‘mobile money’ miti, PayPal yookaan TeleBirr miti,… maloota kanfaltii jiran bakka tokkotti walitti qabuun ‘aggregate’ goona,’’ jedha.
Daldaltoonnis maloota lamaan tajaajila kana argachuu danda’u – inni jalqabaa gama marsariitii fi maloota onlaayinii ofiisaaniitiin hundeessaniin oggaa tahu, inni lammeessoo ammoo Chapa biratti galmaa’uun, maallaqasaa maloota kanfaltii akka akkaan argachuu danda’a.
Rakkoo damee kanaan isaan mudate
Labsiin tajaajila faayinaansii dijitaalaa kennuuf dandeessisu bahuusaatiin dura, dargaggoonni lamaan kun barbaachisummaa kanfaltii dijitaalaa guddaa tahuu eeruun dhaabbilee mootummaa garagaraa amansiisuuf yaalii gochaa turan.
Gara Baankii Biyyoleessaa Itoophiyaa deemuun yaadasaanii ‘slide’ fuula 80 qabu dhiyeessanii turuufi milkaa’uu dhabuusaanii yaadatu.
Haa tahu malee haalli dhimma kanaaf biyyattii keessa jiru daran geeddarameera jedha Israa’el.
‘‘Haala amma jiruun wanti hedduun fooyya’eera. Anga’oonni mootummaa dhimma kana hordofan namoota waa’ee teknooloojii beekanidha (tech-savvy).
Isaan dura garuu keessattuu gama imaammataan walqabatee rakkoo guddaatu ture. Dhimma kanarratti namni wahii ennaa dubbatu, ‘Itoophiyaa keessa waajiraalee mootummaa keessa deemtee ennaa gaafattu, waanta isaan hin beekne yookaan hin galleef taanaan, salphumatti hin danda’amu sin jedhu’ jedhee ture.’’
Karoora fuuladuraa
Yaadaafi kutannoo dargaggoota lamaan kan eegale kaampaaniin kun, yeroo ammaa hojjettoota 18 qaba.
Gara fuuladuraattis karoora guddaa kan qaban hooggantoonni kaampaanii kanaa: ‘‘gama damee dijitaalaan hojii keenya Afrikaa Bahaa hanga guutuu Afrikaatti babal’isuu feena.
Bara 2025tti Itoophiyaa diinagdee idil-addunyaa waliin qunnamsiisuu, akkasumas hoji-uumtoota (entrepreneurs) fi daldaloota 100,000 aangeessuudha karoorri keenya.’’
Chapa’n erga hundaa’ee booda piroojektii Hidha Haaromsaa Guddichaaf deeggarsa walitti qabuuf dandeessisu MyGerd.com jedhu kan midhaassan ennaa tahu, kanaanis Doolaara 300,000 walitti qabuun danda’ameera.
Kana malees 2021 keessa marsariitii lammilee lola biyya keessa adeemaa jiruun buqqa’aniifi buufataalee fayyaa manca’na bakkatti deebisuuf karoorfate - EyezonEthiopia.com kan midhaassan ennaa tahu, kanaanis haga ammaatti Doolaara Ameerikaa miiliyoona jaha ol walitti qabameera.
Hundeessitoonni kunniin hojiiwwan hawaasa fayyadan kanneen akkasii irrati hirmaachuun, hawaasa keessaa baaneef deebisnee tumsuun karoora keenya keessaa isa guddaadha jedhu.
Tajaajilli Chapa fi kanneen walfakkaatan biroon namuu gama onlaayiniin kanfaltii akka fudhatu kan taasisu tahus, Itoophiyaatti ammallee namni dhuunfaan maallaqa baasee biyya alaatti kanfaltii raawwachuun (outgoing remittance) tajaajilaafi oomisha bituu hin danda’u.