Qarqara Somaaliyaatti wanbadoonni doonii butnaan Hindiin humna galaanaa bobbaaste

Madda suuraa, AFP
Qarqara galaanaa Somaaliyaatti dooniin wanbadootaan butamnaan Hindiin humna galaanaa ishee garasitti bobbaaste.
Dooniin kun hojjettoota lammiilee Indiyaa tahan 15 qabatee ture jechuun miidiyaaleen Indiyaa gabaasaniiru.
Tuutni hojjettootaa doonii kunneen, Kamisa galagala ''namoonni hayyama hin qabne shan ykn jaha tahan baha Somaaliyaa magaalaa qarqara galaanaa Ilii jedhamtutti doonii yaabaniiru,'' jechuun ejansii galaanaa UKtti beeksisan.
Humni galaanaa bobbaafame xiyyaara to'attu fayyadamuun, ''tuutni hojjettoota galaanaa kunneen nageenyi isaanii eegamaa tahuu mirkaneessaa jira,'' jedhe.
Misaayelii INS Chennai, ''deeggarsa kennuuf dooniitti dhihoo jira, xiyyaarri humna galaanaa ammo doonii hordofaa jira,'' jechuun hime.
Dooniin alaabaa Laayibeeriyaa ofirraa qabdu otoo hin butamiin dura gara Bahireenitti qajeeltee turte.
Tuutni hojjettoota galaanichaa Oppireeshinii Daldala Galaanaa UK kutaa dhokannaa doonichaa keessa galuu himanii turan. Doonii irratti sodaan wanbadoonni balaa qaqqabsiisu jedhu yoo jiraateef kutaan keessatti dhokatana jira.
Haleellaan galaanarraa darbee darbee qarqara galaanaa Somaaliyaatti mudachaa jiru yaaddoon haleellaa wanbadootaa deebi'ee dhufaa jira jedhu uumeera.
Naannoo kanatti haleellaan wanbadootaa yeroo baayyee Ilii kan dhufu yoo tahu, bara 2008-2011tti rakkoo idil-addunyaa ture. Kanaanis biyyooti addunyaa garagaraa naannicha tiksuuf waraana isaanii ergaa turan.












