Dokumantii icciitii waajira Joo Baayidan keessatti argamerratti qorannoon jalqabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Warri Rippabilikaanotaa dokumantii icciitii biyyaalessaa Ameerikaa qaba jedhame waajira Pirezidant Joo Baayidan duraanii keessatti argameera jedhan irratti qorannoo jalqabuuf akka jiran himan.
'Dokumantiin icciitii cimaa' dhimma biyyaa qabateera jedhame kun kan argame waajira Joo Baayidan wayita Pirezidantii Itti-aanaa turetti itti fayyadamaa ture keessattidha.
Dokumantiiwwan lakkoofsaan kudhan ta'u jedhaman kunneen kan argaman akka tasaa meeshaaleen waajiraa yeroo deddeebisaa jiranitti ture.
Dokumantiiwwan kana kan argatan ammoo abokaatoowwan dhuunfaa Joo Baayidanidha.
Dokumantiiwwan kanneen irratti "kan dhuunfaati" kan jedhu irratti barreeffameera.
Kana hordofuun miseensonni manni-maree gara jalaa dhuunfatanii jiran Paartiin Rippabilikaanotaa Joo Baayidan irratti qorannoon akka banamu ni taasifna jechuun dhaadataniiru.
Akka seera Ameerikaatti dokumantiin 'icciitii biyyaa cimaadha' jedhamu taa'uu kan danda'u goda-ambaa Federaalaa keessa qofa kaa'ama.
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa doonaald Tiraamp haaluma walfakkaatuun 'dokumantiiwwan icciitii biyyaalessaa cimaa qabataniiru jedhamanii chaappaan irratti dhahameeru yeroo aangoo irraa bu'anitti gara goda-ambaa Federaalaatti deebisuurra fudhatanii mana dhuunfaa isaaniitti galaniiru jedhamuun mana-murtiin qorannooon irratti gaggeeffamaa jira.
Dokumantiiwwan 300 ta'an kunneen mana jireenyaa dhuunfaa Donaald Tiraamp Filaariidaa Maaroolaagaatti argamutti sakatta'insa tasaa poolisoonni taasisaniin argaman.
Yeroo sanatti dhimmicha irratti maal akka jedhan kan gaafatamanii turan Joo Baayidan, "durayyu donaald Tiraamp nama waa'ee hin baasne itti-gaafatamnillee itti hin dhaga'amnedha" jechuun qeeqanii ture.
Haata'u malee, waajira Joo Baayidan yeroo Pirezidantii itti-aanaa turanitti itti fayyadaman keessatti dokumantiiwwan icciitii cimaa chaappaan itti dha'ame argamuun isaa Baayidaniin 'nama kan isaa hin beekne' kan isa jechisiise yoo ta'u, warra Rippabilikaanotaa garuu danuu gammachiiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akuuma oduun kun dhaga'ameen Doonaald Tiraamp ammoo miidiyaa hawaasaa 'Social Truth' jedhamu ofiin uummate irratti yaada barreessaniin, "poolisiin Federalaa anaafi Joo Baayidaniin walqixa maaliif hin sakattaanee? Manni Joo Baayidan ammuma sakatta'amuu qaba. Poolisiin Waayit Hawus ammuma sakatta'uu qaba," jecuun dubbatan.
Biyya hollaa taate Meksiikoo kan jiran Joo Baayidan dhimmicha wayita dhaga'anitti yaada gaazexeessitootaaf kennaniin "Waa'ee dhimma kanaa wayitan dhaga'utti anaaniyyu na ajaa'ibeera," jedhan.
Waa'ee dokumantiiwwan kanneenii wanta beekan akka hin qabneefi abukaatonnis waa'ee isaa akka hin gaafanne, innis banee akka hin dubbifne akka dhorkaniifi yeroo dokumantoonni kunneen waajiratti argamanitti abokaatonni battalumatti godan--ambaa Federaalaatti bilbiluun bulee isaa akka achi geessan ibsaniiru.
Dokumentiiwwan icciitii cimaa qaban kunneen keessa isaaniitti waa'ee Iraan, waa'ee Yukireeniifi uummata UK beekuu kan hin icciitii murteessaa qabateera jedhama.
Dokumantiiwwan icciitii cimaa qaban kunneen maaliif akka waajira duraanii Joo Baayidan keessatti argamaniif wanti ifa ta'e hin jiru.
የdokumantiiwwan icciitii kana ilaalchisuun wanti Doonaald Tiraamp aarse filannoo dursee uummataaf ifa godhamuu dhabuu isaaniiti.
Dokumantiin icciitii biyyaa cimaa qabateera jedhame kun argamuun ammoo duraanii rakkoo keessa kan galeeru hariiroo Rippabilikaanotaafi dimokiaatotaa daran hammeessa jechaa jiru xinxaltoonni.












