'Loltoonni Ertiraa akka Tigraay keessaa ba’aniif gaafachuu kan danda’u mootummaa Itoophiyaa qofa'- Ertiraa

Pirezidanti Isaayyaas Af-warqii, aanga'aa Raashiyaa wlaiin

Madda suuraa, RUSSIAN EMBASSY/TWITTER

Waraanni Ertiraa Tigraay keessaa akka ba’uuf gaafachuu kan danda’u eenyuyyu osoo hin taane, mootummaa Itoophiyaa qofadha jechuun dubbatan Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ertiraa.

Ambaasaaddar Phexiroos Tsagaay kana kan dubbatan dhaabbata oduu mootummaa Raashiyaa RIA jedhamu waliin gaaffiifi deebii yeroo taasisanitti yoo ta’u, Ameerikaan loltoonni Ertiraa Tigraay keessaa akka ba’an gaafachuu ishee morman.

“kana gaafachuu kan danda’u mootummaa Itoophiyaa qofaadha,” jedhan.

Waraana Kaaba Itoophiytaatti gaggeeffamaa ture keessatti loltoonni Ertiraa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa waliin hiriiruun waraana irratti hirmaachuun yakka gara garaatiin himatamaa turaniiru.

Sababa kanaan Ameerikaan, biyyoonni Lixaa gara garaa, akkasumas jaarmiyaaleen idil-addunyaa Ertiraan waraana ishee naannoo Tigraay keessaa akka baastuuf irra deddeebiin gafachaa turaniiru.

Waraana dhiiga hedduu dhangalaase kana xumura itti gochuuf Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti waliigaltee nagaa mallattaa’een humna waraanaa Itoophiyaatiin ala humnoonni ta’an naannoo Tigraay keessaa akka bahaniifi loltoonni TPLF ammoo hidhannoo akka hiikkataniif waliigaluun isaanii ni yaadatama.

Waliigalteen erga mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti mallattaa’een booda wanta jiru irratti kan gaafataman Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ertiraa Phexiroos Tsagaay, “Yeroo ammaa kanatti gareen finciltootaa kun dadhabanii sadarkaa waa gochuu hin dandeenye irratti argamaniyyu, deeggarsa siyaasaa garuu ni qabu,” jedhan.

Waraana tureen mootummaan Itoophiyaa olaantummaa argachuu kan eeran Ambaasaaddarichi, “injifannoon Itoophiyaa injifannoo keenyadha,” jechuun kutaawwan bulchiinsaa jalaa qabatamanii turan adeemsa waraanichaa keessatti deebifachuu isaanii dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii haasaa waggaa haaraa bara 2023 irratti taasisaniin, waraanni isaanii humna ‘dubbii barbaadu’ tasgabbesseera jechuun dubbatan.

Kanaanis, gammachuun [boonuu] kiyya daangaa hin qabu,’’ jechuun waa’ee waraana isaanii dubbatan.

Bara 2022 xumurame keessa lammiileen Ertiraa biyya keessas ta’e ala jiran ''dammaqinaaniifi ejjennoo hin raafamneen qabsoo nama boonsu gaggeessaniiru,’ jedhan.

Pirezidant Isaayyaas humna yookiin waraana weerara raawwachuuf ‘carraaqaa’ ture jedhan maqaan hin dhoofne.

Loltoota Ertiraa raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waliin bobba’an ilaalchisuun gaaffii Ameerikaafi qaamolee biroon akka ba’aniif dhiyaatan fudhatama kan dhabsiisan Ambaasaaddar Phexiroos, bulchiinsi lafichaa kan Itoophiyaa waan ta’eef gaaffichi dhufuu kan qabaatu karaa mootummaa Itoophiyaatiin jedhan.

“Loltoonni keenya achi jiru taanaan akka ba’aniif gaafachuu kan qaban Ameerikaanota osoo hin taane, mootummaa Federaalaa Itoophiyaa waliin hgariiroo waan qabnuuf sana gochuu kan dandeessu Itoophiyaadha.”

Ameerikaan finciltoota Tigraayiif deeggarsa akka kennituuf kan ibsan Amaasaaddarri Ertiraa kun, dhiibbaan naannawaa sana irratti taasisaa jirtu waraanichi deebiyee akka hammaatu gochuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Wayita mootummaan Itoophiyaa TPLFn durfamu aangoorra turetti, sababa daangaa irratti wal waraananiin waraanni namoota kuma hedduu galaafate hordofee Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 20f wal gaarerfannaa keessa turan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufaniin booda tarkaanfii murteessaa fudhataniin, hariiroon biyyoota lamaanii foyyaa’ee, waraana Tigraay keessatti gaggeeffame irratti loltoonni Ertiraa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa deeggaruudhaan hiriiranii turan.

Erga waligalteen nagaa buusuu mallattaa’een booda loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessaa akka bahan kan himame yoo ta’u, torban darbe keessa loltoonni kunneen bakkeewwan tokko tokkoo sosocho’aa akka turan BBCn jiraattota irraa dhaga’ee gabaasuun isa ani yaadatama.

Haata’u malee, torban darbe jiraattonni Tigraay bakkeewwan gara garaa jiraatan ammallee loltoonni Ertiraa Tigraay keessatti akka argaman BBCtti himaniiru.

Loltoonni Ertiraafi humnoonni kan mootumma Federaalaa hin ta’iin ba’uun humnoota TPLF hidhannoo hiikkachiisuu waliin wal maddii akka raawwatamu kan ibsame yoo ta’u, waa’ee hojiirra oolmaa isaa hanga ammaatti wanti jedhame hin jiru.