Loltooti Ertiraa magaaloota Tigraayii bahaniiru? Jiraattonni maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF walii galtee waraana dhaabuufi nagaa buusuu erga walii mallatteessanii ji’a lama guutera.
Waliigaltee kanaan humnoonni Tigraay hidhannoo hiikkachuuf yoo walii galan, mootummaan federaalaa ammoo naannichatti deeggarsi namoomaa akka dhaqqabuufi tajaajilliwwan bu’uuraa naannichatti addaan citee ture akka iddootti deebisuuf waadaa seenera.
Kanuma hordofee mootummaan federaalaa naannowwan tokko tokkotti tajaajilawwan bu’uuraa kanneen akka tajaajila baankii, ibsaa, intarneetifi bilbilaa iddootti deebisuun waadaa gale raawwataa jira.
Uummanni naannichaa waggoota lamaan darbaniif jireenya idilee jiraachuu dadhabe amma abdii horatee jira.
“Nageenyi gaafa bu’u uummanni guutummaatti fudhate. Amma nagaadhaan alatti waan biraa dhagahuu hin barbaadan,” jechuun jiraatan Shiree Indaasillaasee tokko BBCtti hime.
Marii nagaa mootummaafi TPLF Afrikaa Kibbaatti walii mallatteessuu isaanii hordofee Tigraayitti nagaan bu’eera. Akkaataa walii galtee kanaatti humnoonni qaama raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa hin taane Tigraay keessaa bahuu qabu.
Qaama raayyaa ittisa Itoophiyaa kan hin taane keessaa tokko waraana Ertiraati. Waraanni Tigraay yeroo eegale irraa kaasee mootummaa Itoophiyaa deeggaruun humnoota Tigraay lolaa ture.
Mootummaan Ertiraa waraana isaa Tigraay keessaa baasuu ifatti dubbachuu baatus dhuma ji’a Muddee keessa waraanni Ertiraa magaalota akka Shiree Indaasillaasefi Aksuum fa’aa keessaa bahuun Shiraaroo keessa darbaa akka turan namoonni ijaan argan himanii turan.
Yeroo sanatti Rooyitars ministeera beeksisaa Ertiraa kan ta’an Yamaanaa Gabramasqel gaafatus, waa’ee sochii waraana isaanii homaa dubbachuu akka hin barbaanne dubbatanii turan.
‘Loltoonni Ertiraa maangoo baay’ee jaalatu’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaala guddoo Godina Kaaba Lixa Tigraay kan taate Shireen magaalota to’annoo mootummaa federaalaa jala jirtu keessaa tokko yoo taatu bulchiinsa labsii hatattamaa jala jirti. Galgala sa’aatii 12:00 booda sochiin homaatuu hin eeyyamamu.
Jiraatan magaalattii maqaan isaa akka hin dhahamne himate loltoonni Ertiraa ammayyuu magaalattii keessa akka jiran dubbata.
“Huccuu loltummaa isaanii godhatanii, meeshaa qabatanii magaalattii keessatti isaan argina... mana nyaatas seenanii jiraattota wajjin nyaatanii bahu. Har’ayyuu gabaa keessatti osoo isaan maangoo bitatanii argeera. Addumatti maangoo baay’ee jaalatu,” jedha jiraatan kun.
Ammatti nageenya magaalattii akka eeganiif poolisiin federaalaa ergame magaalattii keessa akka jiranis odeeffanoon BBCn achii argate ni mul’isa.
Ji’a Muddee keessa qondaalonni Gamtaa Afrikaa IGAD fi biyyoota biroo nagaan akka bu’uuf gumaachan akkasumas ambasaaddaroonni biyyoota garaa garaa erga Maqalee deemanii booda “loltoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahaa jiru” oduun jedhu dhagahamee ture.
Haa ta’u garuu loltoonni Ertiraa ammayyuu akka jiran hojjataan deeggarsa namoomaa Tigraay magaala tokko keessa jiraatu BBCtti himeera.
“Magaala Shiree irraa xiqqoo baatee kan jirtu Adi Haaroo irraa kaasee hanga Shiraarotti loltoonni Ertiraa jiru. Karaarratti isaan arguu dandeessa. Dunkaanafi mishigii tolfatanii jiru. Maalotaafi bulchiinsa godiinotaa keessa poolisiin fedeeraalaa jira. Garuu, magaalotaan ala kan jiru loltoota Ertiraati,” jedha namni yaada isaa BBC’f kenne kun.
“Bahaniiru jettee akka hin murteessineef loltoonni Ertiraa deebi’anii gara baha Shireetti dhufan jiru. Waan bahu fakkaatee sitti mul’ata, garuu eessa akka deeman hin beektu. Shiree keessa meeshaalee garaa garaa bitataa oolu- qullubbii adii, shorbaa, juusii... Daldalaanis galii biraa waan hin qabneef [itti] gurguree jiraata.
“Kanaaf yeroo dhufan haasa’anii bitatanii deemu. Gabaabadhumatti, uummanni waan rakkateef, isaan sunis kaayyoo isaanif jecha wal-argu,” jechuun sochii jiru hima.
Dabalataanis, loltoonni hidhannoo isaanii guutudhaan mana nyaataa, kaafeefi bakkeewwan birootti hawaasa wajjin osoo nyaatanii, shaayii dhuganii akka argan ragaa bahu jiraattonni BBCn dubbise.
Jiraatan biraa tokko ammoo, “Ana akka natti fakkaatutti bakka jijjiirattan malee guutummaatti hin baane. Fakkeenyaf, Adiyaaboo kan turan gara Indiriyaa deemu, Shiree kan turan ammoo gara Shiraaroo deemu” jedha.

Madda suuraa, Getty Images
‘Osoo isaan hin bahin akkamitti dubbanna?’
Jiraataan Aksuum maqaan Tasammaa jedhamu loltoonni Ertiraa hedduun naannoo magaalattii buufatanii akka jiran dubbata.
Kanaan dura magaala Aksuum gadi dhiisanii turanis amma gara magaalattiitti deebi’uu isaanii hima Tasammaan.
“Buufata xayyaaraa Aksuum irraa [6km fagaattee kan argamtu] iddoo Indaayasuus jedhamutti baay’atanii walitti qabamanii jiru. Magaala keessaa ammoo meeshaa garaa garaa bitataa oolu” jedha. Heddumminaan buufatanii jiru.
Namni biraa guyyaa lama dura hojiidhaaf Shiree irraa gara Aksuum imale ammoo magaala Aksuum keessatti loltoota Ertiraa arguu ragaa baha.
“Daandii Shiree hanga Aksuum geessu irra loltoota Ertiraafi humnoota federaalatu jira. Garuu, Askuum keess loltoota Ertiraa baay’etu jira. Naannoo Adwaas loltoota heddutu jira,” jedhe.
Jiraattonni naannichaa ammayyuu loltoonni Ertiraa baay’ina qaban waan jiraniif nageenyi akka isaanitti hin dhagahamne himatu.
“Akka barbaaddetti hojjachuu hin dandeessu. Fageenya meetira 100 hin guunne irratti loltoota argita. Garuu uummanni filannoo waan hin qabneef nyaata barbaacha bakkaa bakkatti socho’a,” jedha namni yaada BBC’f kenne biraa.
Loltoonni Ertiraa baay’inaan naannoo Adwaa jiraachuu jiraatan biraas ragaa baha. “Ammayyuu jiru waan ta’eef baay’ee dubbachuu hin danda’u. Isaan osoo hin bahin akkamitti dubbanna? Chawu!” jechuun caalaa homaa hin jenne.
Loltoonni Ertiraa tajaajila geejjibaa kennaa jiraachuu
Naannoo Tigraayitti tajaajilli hawaasummaa adda citee turuu irraa kan ka’e geejjiba argachuun ulfaataa ture. Guyyoota lamaan dura garuu Shireedhaa gara godiinota garaa garaatti akkasumas gara Aksuumitti tajaajilli geejjiba uummataa eegalee jira.
Waraanni erga dhaabbatee ji’a lamaan asitti loltoonni Itoophiyaafi humnoonni Amaaraa konkolaatawwan waraanaa tajaajila geejjiba uummataaf kennaa akka turan jiraattonni Shiree Indaasillaasee BBCtti himan.
Boodarra loltoonni Ertiraas konkolaataa waraanaatiin jiraattotaaf tajaajila geejjibaa laachuu irratti akka hirmaatan dubbatu jiraattonni kun.
“Lakkoofsi gabatee konkolaataa isaanii sirriitti mul’ata. Yuunifoormin isaanii kan loltoota Ertiraati. Nu waliin waan turaanif adda isaan baasun salphaadha. Asuma Shiree keessa oolu; darbee darbee loobeedii [konkolaataa waraanaatin] yoo deeman, uummanni siviliinis isaan wajjin yoo deemu argita,” jedha jiraatan tokko.
Hubachiisa: Jiraattonni nageenya isaanif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne waan gaafataniif BBCn maqaa isaanii hin dhoofne.












